
Cuuphaa Dhala Namaa
Akka sirna mana kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidootti namni sababii addaa addaatiin osoo hin cuuphamiin umriin isaa kan guddatee yoo jiraate, amantaa biroo keessatti cuuphamee kan dhufe jalqaba barumsa bu’uura amantaafi iccitiiwwan ni barata, baratee booda sirriittii amanuufi amanuu dhiisuun isaa ni qoratama. Kanaan booda sirriitti beekuu fi amanuun isaa eega addaan ba’ee booda akka gaabbi galu taasisama. Gaabbii isaas erga xumuree booda maqaa Abbaa Ilmaafi Afuura Qulqulluutiin cuuphamee miseensa mana kiristaanaa ni ta’a. “Egaa deemaa (dhaqaa) maqaa Abbaa llmaatiin fi Afuura Qulqulluutinis cuuphuun saba hundumaa bartoota koo taasisaa” (Mat. 28:19)
Daa’imman amantootaa garuu dhiira yoo ta’an dhalatani guyyaa afurtama (40) tti, dubartii yoo ta’an garu dhalatanii guyyaa saddeettama (80)tti ni cuuphamu. Kunis maaliif yoo jenne fayyinni dhala namaa hundaaf akkuma ta’e ijoolleenis fayyina argachuuf ni cuuphamu. Yoo dhibeen du’aaf isaan gaaga’u muudate garuu guyyaan kun osoo hin gahin haatii mana kiristaanaa seenuu waan hin dandeenyeef, nama biraatiin geessamuudhaan cuuphamuu ni danda’u. Namni bishaanii fi Afüura qulqulluu irraa yoo dhalate malee mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin danda’u akkuma jedhu. (Yoh.3:5).
Guyyaa afurtammaffaafi guyyaa saddeettammaffaatti cuuphamuun isaanii ammoo; Addamii fi Hewaan bakka itti uumamanii gara Jannata
Eedanitti kan galan Addaam guyyaa 40 tti Heewaan immoo guyyaa 80tti galan waan ta ‘eef fakkeenya kanaan cuuphamu ( Kufaale 4 : 9) Kakuu moofaa keessatti dubartoonni dhiira yoo da’an guyyaa 40ffatti dubartii yoo da’an ammoo guyyaa 80 mana qulqullummmaa seenuun daa’imman isaanii eebbisiisu (Lewo. 12: l). Kakuu haaratti ammoo akkuma Gooftaan daa’imman gara kootti yoo dhufan hin dhoowwinaa jedhetti umurii isaanii caqasame sanatti gara mana qulqullummaa deemuun cuuphaadhaan Sillaasee irraa dhalatanii, dhaaltota mootummaa Waaqayyoo ta’uu isaanii ni mirkaneeffatu eebbas ni argatu. (Maat.19:14, Maar.lO:15, Luqa. 18:16).
Gooftaan umurii waggaa 30tti maaliif cuuphamee kan jedhuuf immoo?
Durummaan gooftaan gara biyyaa lafaa kan dhufee cubbuu hojjechuu gara biyya lafaatti kan dhufee Addamiifi Ijoollee isaa fayyisuufidha. Addaam yeroo ummameetti nama umurii waggaa 30 fakkataa turee yeroo kanas cubbuu kan hin hojjennee qulqulluu turee haa ta’uu malee cubbuu hojjechuun Eeden gannataa keessa ba’eerraa. Gooftaannis umurii akka itti Addaam ummameefi qulqulluu isaa inni tureef waggaa 30tti cuuphame. Addaam inni jalqabaa nama waggaa 30 fakkaatte ummamee cubbuu hojjettee; Addaam inni lamaffaan gooftaan keeenya immoo nama umurii waggaa 30 fakkaatte fayyinaa addamiifi ijoollee isaaf fidee xalayyaa garbuummaa lagaa gordanoos keessas dhabamsisee.
Nutti har’aa umurrii waggaa 30tti cuuphamna jenne osoo umurii waggaa 30 eegnu yoo duunne akkam tannarree? Gooftaannis “Namni bishaanifi afuuraa qulqulluu irraa yoo dhalate malee mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu” (Yoh.3:5) jedhee jira. Kanaf nuttis akka seera Wangeellatti dhiira yoo ta’aan dhalattanni guyyaa 40tti; durbaa yoo ta’aan guyyaa 80tti cuuphamuun fooniifi dhiigaa gooftaa fudhattu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!