All posts by admin
Seenaan Akkamitti hubatamaa?
- Seenaan Maali?
Namni waa’ee Seenaa yoggu gaafatamu ‘waan darbe tokko kan qoratu’ jechuun qofa ibsuu ni mala. Seenaan garuu waa’ee isa darbe qofa osoo hin taane isa darbe sana kan amma jirufi isa fuula-duratti dhufutti kan walitti hidhudha. Kanaafuu, Seenaan mudannoo darbe kan itti qorannu, bara keessa jiraannuuf barumsa kan itti fudhannu, akkasumas jireenya (kaayyoo) keenya fuula-duraaf wabii gaarii kan itti arganudha (Gizaw, 2005:43). Haala wal-fakkaatuun hayyuun Seenaafi Barsiisaan Yunivarsiitii Finfinnee Prof. Shifarraaw Baqqalaas: ‘seenaan kan darbe qofa miti; battaluma kanattillee kan hojjetamaa jirudha. Kanaafuu, seenaan akka bishaaniiti- kan darbe, kan jirufi kan dhufullee hunda walitti makata; kanneen sadan adda baasnee ibsuun ulfaata’ jedhu. Kanas ta’e sana garuu, dur eenyu akka turre, har’a eenyu akka taanefi akkamitti akka har’a keenya fakkaanne, borus maal ta’uuf akka dandeenyu kan nuuf ibsu seenaa dha.
2. Faayidaan (Galmi) Seenaa Qorachuu Maalii?
Seenaan baroota sadeen kan wal-quunnamsiisudha: kaleessa, har’afi boru. Dhaloonni haaraan har’aa seenaa irraa baratee yaada bareedaa akka burqisiisuuf, rakkoolee jiraniif furmaata akka soquuf, jabaatee hojjetee muuxannoo mo’achuu akka horatuuf isa gargaara (Mangistuufi Asaamminoo, Seenaa Bataskaanaa-2ffaa, f.3). Keessumaayyuu seenaan baroota darban keessa raawwate tokko bifa isaa jijjiiree mudachuun waan hin oolleef, kan mudatee darbe sana beekuun qorumsa dhufu hundarraa of-eeguuf fayyada. Kanaafuu seenaan darbe hunduu dhaloota amma jiruuf (fuul-duratti dhufuuf) barumsa, hubanoofi of-eeggannoo uumuuf gumaacha guddaa qaba. Seenaan waa’ee mudannoowwan darban adda addaa akka hubannu, kanneen tibbanaas akka qalbeeffannu, ijo dubbii tokko bu’uura isaarraa kaafnee akaa xiinxallu, mudannoos ta’e murtoo jireenya keenya keessaa haala amansiisaa ta’een (logically) akka simannu nu taasisa. Kanaafuu seenaan dhaloota odeeffannoo gahaa qabu (well informed), kan ofitti amanu (selfconfident) fi murtoo sirrii kennuu danda’u (decision maker) uumuuf shoora guddaa qaba.
‘Oolmaa keenya kaleessaa gamaaggamuun, har’a oogummaan jiraachuufi boruuf qophii gahaa gochuuf kan nama gargaaru seenaa dha; dame beekumsaa dogoggora darbe sirreesuuf, jalqabbiiwwan miidhagoo jajjabeessuuf, jijjiirama amalaas fiduuf gargaarudhas (Mangistuufi Asaamminoo, Seenaa Bataskaanaa-2ffaa, f.2). Namoonni seenaa darbe dagatan deebisanii dogoggoruun isaanii hin oolu. Warri seenaa yaadatan tokko tokkommoo irraa barachuuf otuu hin taane madaa durii tutuqanii caalaatti dhiigsuuf, aaloo bahuuf, ibidda jibbaa qabsiisuuf itti gargaaramuuf carraaqu- kuni duubatti hafummaadha malee tarkaanfii ammayyaa miti. Faayidaan seenaa inni ijoon garuu mudannoo dabaa abaaruufi irraa baratanii akka lamuu hin deebine dhorkuuf; isa gaariimmoo jajuuf, dabalanii simachuuf ture. Kan nama gaddisiisu garuu namni seenaa irraa barachuu hin dandeenye. Beektonni seenaa Bernard Shaw fi Hegel taajjabbii isaanii: ‘seenaa irraa kan barannu yoo jiraate sanyiin namaa seenaa irraa barachuu dadhabuusaati’ jechuun ibsu. Walumaagalatti qabxiilee kanneen hubachuun bara kana biyyaa keenya keessatti gaaffilee ‘walitti-dhufeenya sabni Oromofi Bataskaanni Ortodoksii qabaniin’ wal-qabatanii gaafataman hubachuuf (deebisuuf) nu gargaara. Haaluma kanaan ‘faayidaafi kaayyoon seenaa qorachuu maali?’ jennee haagafannu:
- Seenaa dogoggoraa uumamee ture dabaluuf mo seenaa irraa barannee waan fooyya’e tokko hojjechuuf?
- Namoota durii seenaa gurraacha galmeessisanii darban kaafnee abaaruu mo yaada wayyaa qabu haaraa maddisiisnee seenaa gaarii galmeessisuuf?
- Seenaa jallatee darbe caalaatti jallisuuf mo yaada qajeelaa kenninee akka sirraa’u gumaachuuf?
- Akka warra durii yaada boodeetti hafaa hordofnee badii dabalataa fiduuf mo akka dhaloota barate jaarraa 21ffaa fageessinee yaaduudhaan beekaafi ammayya’a ta’uu keenya mirkaneessuf?
- Namni tokko ‘beekas’ kan jedhamu seenaa waan barateef mo beekumsa argate kanarratti hundaa’ee seenaa furmaata qabeessa hojjetee darbuuf yoo carraaqedha? kkf.
3. Bu’uuraalee Seenaa Hubachuuf Gargaaran
3.1. Yaroo, bakkafi mudannoo
Seenaa tokko sirriitti hubachuuf waa sadii beekuun murteessaadha: yeroo (time) fi bakka (place) seenaan suni itti raawwate, akkasumas mudannoo raawwate (event). Kanneen sadan irraa foxoqsanii seenaa dhugaatti hubachuun soba; yakkadhas. Seenaa waggootiin hedduu dura ta’ee darbe tokko yoggu dubbisnu haala hawwaasummaa, dinagdee, siyaasaafi aadaa yeroo sanaa irratti hundoofnee hubachuuf yaaluu (haala qabatamaa barichaa keessa ofcuuphuu) qabna malee qabxiilee kanneenirraa adda baasnee akka bara keenyaatti hiikuu hin qabnu. Fkn: seenaa bara mootota durii raawwate tokko ilaalcha har’a qabnuun hubannee guutummaa guutuutti ‘gaariidha’ ykn ‘dogoggoradha’ jechuun ibsa beektota seenaan ‘Anachronism’ jedhama; mudannoo seenaa keessaa tokko yeroo isa hin ilaallatiin keessa ukkaamsuu jechuudha. Har’arra dhaabbannee nama waggoota heduun dura jiraatee darbe fokkuuf ‘ebaluun akkana gochuu hinqabu ture’ jechuun kan fudhatama hinqabnes kanaaf dha. Yaada kaleessaafi yaada har’aa, dhaloota duriifi kan ammaa wal-bira qabnee madaaluun dogoggora; namni dhuunfaanillee ilaalchaan bilchaachaa waan deemuuf guyyaa hunda walqixa (dhaabbataa) miti. Har’i kaleessa irraa baratee boruuf karaa soquu qaba malee yakkuufi itti murteessuudhaan bu’aa hin argatu. Kana jechuun garuu seenaa keessatti dogoggorri hin jiru jechuu miti; toleeras, badeeras jechuuf garuu murtiin isaa akkas salphaa miti jechuuf malee. Yaada irratti kennuu yoo barbaannes ilaalcha har’afi asitti osoo hin taane yaadaan duubatti deebi’anii bakka isaan turan dhaabachuudhaan ta’uu mala. ‘Seenaa darbe waliin gamnoomaan araaramu malee doofummaan itti hin bu’an;… isa fuula-duraa malee kan darbe sirreessuu hin dandeenyu.’ (Gizaw, 2005:230, 251).
3.2. Madda sirrii gargaaramuu (Source)
Maddi odeeffannoo seenaa hedduudha: kan barreeffames, kan hin barreeffamnes ta’uu ni mala. Kanaafuu, namni seenaa dhugaa qoratufi barreessuuf fedhu tokko madda sirrii filachuu isaa mirkaneeffachuu qaba. Namni burqaa qulqulluurraa hin waraabne bishaan carii fida/dhuga jechuun soba. Bakka booruu irraa waraabanii seenaa boora’e barreessuun yakkamaa seenaa nama taasisa; dhaloota dhufus dhukkubsachiisa. Seenaa keenya keessatti madda dhabuu, kan jirus seeraan gargaaramuu dadhabuu, ykn kan fedha-ofii waliin deemu qofa filachuun ni mul’ata. Akka hayyoota Seenaatti maddi odeeffannoo seenaaf filatamu yoo ulaagaalee armaan gadii guuta ta’e dha:
- B a r a se e n a a n s u ni r a a w w atetti y o o b a rr e effa m e ta’e (= yoo yeroon seenesichi itti jiraateefi seenaan suni itti raawwate walirraa fagaachaa deeman, amanamummaan madda odeeffannoo seenaa sanaa hir’achaa dhufa). Fkn: namni raawwii sana ijaan arge (eye witness) fudhatama guddaa qaba ; qaamaan bakka sanatti waan argamee hubateef. Odeeffannoon dhageettii-dhageettiidhaan darbu garuu guutummaa guutuutti soba jechuu baannullee dhugaan isaa qaqal’achafi dabaa deemuu isaa shakkii hin qabu.
- M u u x a n n o o k allattii ( Dir e ct E x p erie n c e) : kunis ofiin dhimma sana keessatti hirmaachuun waan argamuuf amanamaadha. Fkn. Namni waraana keessatti hirmaate tokko kaan caalaa waa’ee waraanichaa yoo seenesse irraa bareeda; kan awwaaletu mardoo hima jedhu mitiiree.
- Maddawwan dur – durii (Ancient Archives ) : isaan kuni barreeffamoota, hafteewwan meeshaa, wantoota bakkeewwan seen-qabeeyyii keessatti mul’atan hunda dabalatu. Afaan hin qaban malee ogeessa sirriitti isaan dubbisufi hiika sirrii kennu argannaan akka namaa soba hin beekan.
- Eenyummaa s eenessitoota : namni seenaa barreessu tokko ofii oogummaa isaa qabaachuu qaba; eebbifamuu isaa osoo hin taanee beekumsaan. Dhimma barreessu sanaafis yeroodhaan dhiyoo (occasion proximate) ta’uu qaba. Kanaafuu, ‘eenyummaa barreessaa sanaa beekuun dhugaa seenaa sanaa madaaluuf karaa nuuf saaqa’ (Edward Kar, 1961). Fkn: namni seenaa Itoophiyaa barreessuu fedhu tokko lammii biyyaa ta’uun isaa waa’ee uummata seenaa barreessuuf sana sirriitti akka beeku isa taasisa; garuu qomoo isaaf jecha dhugaa akka hin jallisne of-eeggachuu qaba. Hunda dura sammuu aantummaarraa, ilaalcha dhuunfaafi hawwii keessasaa jirura fagaachuu qaba. ‘Namni seenaa barreessuuf yaadu tokko mana kitaabaa otuu hin seeniin dura ejjennoofi hawwii keessasaa jiran hunda ofirraa darbachuu qaba; ta’uu baannaan madaallii dhugaan deemuuf rakkata’ (Hobsbawm, 1990: article-3).
3.3. Ilaalcha Keenya Sirreessuu
Madda odeeffannoo seenaa waliin kan wal-qabatu qabxiin biraa ilaalcha nuyi barreessitoota warra lixaaf (foreign writers) kenninudha. Kuni namoota warra adii qofa kan ilaallatu miti; lammii biyyaa ta’aniis achitti waan barataniif ykn kitaabota isaanii dubbisanii yaada warra lixaa fe’amanii (baatanii) waan dhufaniif daawitii ormaan seenaa isaanii warra ilaalanis ni dabalata (Messay, 2006). Kan barreessitoota biyyaatiin barreeffame hundi sirriidha jechuu osoo hin taane ‘biyya keessa waan ta’aniif qofa’ tuffannee kaan jajna taanaan jecha ‘warqeen of-harkaa qaban hundi dhagaadha’ jedhamu nu yaadachiisa. Ilaalchi orma caalchifachuu akkasii kuni beektota seenaatiin ‘Euro-centrism’ jedhama (Messay, 2006:816). Akka jecha Gabra-Hiwot Baayikedany ibsanitti (2003:3-5), seenaa dhugaa barreessuun salphaa miti-kennaalee sadii gaafata: laphee dhugaa hubatu, sammuu loogummaa malee murteessufi dandeettii ifaan ibsuu (oogummaa, qooqa). Barreessitoonni biyya keenyaa hedduun isaanii garuu kanneen sadan dhabuudhaan dhimma guddaa dhiisanii isa xiqqaa barreessu, dhugaaf dhaabachuu dhiisanii oduu baraaf bitamu, seenaan barreessanis isa dubbisuuf ifa miti. ‘Seenaan ulfa dha-barreessaan seenaa tokko madda tokko ofii akka hubatettifi akka fedhetti akkasumas akka sadarkaa xiinxalasaatti waan hiika itti kennuuf oogummaa deessisuu gahaa qabaachuu qaba’ (Gizaw, 2005:79).
3.4. Miiraan oofamuu irraa of-eeguu
Seenaa hubachuufi barreessuun ‘dhugaaf bitamuu’ barbaada; deeggarsaanis ta’e jibbiinsaan guutamanii seenessuun adeemsa ammayaa miti. Namoonni tokko tokko garuu dhugaa ture dhiisanii fedhafi hawwii isaanii barreessu; miiraan oofamuu (sensual) jechuun kana. Seenaan ofii qabatamaa (objective) dha; garuu barreessitoonni yeroo hedduu dhiibbaa siyaasafi fedhii dhuunfaa (subjective) itti makuun ni mul’ata (Kim, 2010:1). Waan isaan yaadan tokko namni akka isaaniif fudhatu yoggu barbaadan dimshaashaan ‘seenaan akkana jedha’ jedhu; kitaaba kamifi fuula kamirratti akka jedhu garuu nuuf hin caqasan. Yoo caqasanimmoo yaada kitaabichi jedhu akka jirutti barreessuu dhiisanii jechafi hiika mataa isaanii itti kennu; ‘akkas jechuusaati’ jedhanii (distorted interpretation) kan barreessaan suni jechuu barbaade gara hawwii isaaniitti harkisuuf carraaqu. Adeemsi akkanaa kuni madda seenaa xureessuu (abusing historical sources) dha. Kaanimmoo filanoo dhuunfaa irratti hundaa’anii mada odeeffannoo seenaa keessaa kan barbaadan (yaada isaanii kan deeggaru qofa) fudhatu, kaan (kan yaada isaanii falmu) tuffatu; kunis dhugaa seenaaf bitamuu osoo hin taane fedhafi hawwii keenyatti harkisuudha. “Seenessitoonni haaraa dhufan heduun seenaa miirawaa (emotionally-bound) barreessu; kan isaan ‘Itoophiyaa’ jedhanis ishee ofii arguuf barbaadan dha” (Triulzi, 2002:279).
4. Yaada Xumuraa
Seenaa dhugaafi qabxii ‘bishaan fuudhu’ uummataaf dhiyeessuun wareegama barbaada: ofmo’uu, warra aangoo qaban falmuufi madda sirrii soquu nu gaafata. Namni seenaa barreessu yoo dhugaa mul’ise seenaa biraa hojjeta; yoo garaa guuttachuuf jecha dhugaa hir’ise garuu lafarratti seenaan, samiirratti Waaqni isa gaafata. Kanaafuu, seenaa barreessuufi hubachuun of-eeggannoo cimaa barbaada. Seenaan dhaloota jirufi dhufu qajeelchuuf (kallattii qaroominaa agarsiisuuf) malee isa darbe aaloo bahuuf hin barreeffamu-kuni adeemsa jaarraa 21ffaa miti. ‘Dogoggora seenaa keessaa dogoggoraan aaloo bahuun badii dachaadha’ (Gizaw, 2005:116). ‘Seenaan darbe sirrii miti’ kan jedhu yoo jiraate, oogummaafi wabii qabatamaan serreessuuf carraaqa malee barreeffama arrabsoon guutameefi humnaan adeemuun badii biraa hojjechuu dha. Tolaas ta’e badaa warra seenaa hijjetee du’e (reeffa) waliin wal’aansoo wal-qabuun qaroomina miti-isaan kana booda maaliif akka kana hojjetan deebii nuuf kennuu hin danda’an; ‘du’aa hin komatiin’ kan jedhamuufis kanaaf. Dhaloonni amma jirus badii akaakileefi abaabilee isaa duriif akka ‘hoolaa warajoo’ itti darbee komatamuufi lubbuu kennuu hinqabu; seenaa sana keessatti gahee waan hin qabneef. Amma kan nurraa eegamu ‘dhaloonni fuula-duraa akkamitti haa qajeelu?’ isa jedhu deebisuu dha. Qomoo kamirraayyuu hadhalannu, amantaa kamiyyuu ha hordofnu, seenaa hubachuun walnu dhabsiisuu hin qabu. Akka biyyaatti adda-addummaafi seenaa wal-nudhabsiisu caalaa tokkummaafi seenaa walitti nu hidhu qabna. Oduu tibbanaafi olola baraaf jennee seenaa micciiramaaf hin saaxilamnu. Garuu, kaan miidhaa isaa yaadee yeroo hunda boo’aa (crying victim), kaanimmoo biyya nagaatti hin farrisiinaa jedhee marmaratee yoo ciise (denial) yoomuu walii hin gallu; sunis qabbanaa’ee, kunis dammaqee marii waliiniif qophaa’uu qaba. Seenaan kamiyyuu dogoggora malee akka hin hojjetamu-xuriifi booruu qaba; kunimmoo seenaa addunyaa hunda keessa kan jiru malee nuun qofa kan mudate miti (Gizaw, 2005:103). Akka amantaattis yoo ilaalle, kan seenaa hojjetan namoota malee ergamoota waan hin taaneef ‘maaliif dogoggoran?’ hin jedhamu. Seenaan Itoophiyaa waa’ee isa darbee sirriitti ifa baasuu qaba; garuu qorannoo cimaafi sammuu qajeeltoorratti hundaa’uu malee dhiibbaa siyaasaan, aantummaa ykn ilaalcha dhuunfaarratti hundaa’uu hin qabu (Triulzi, 2002:287-288). Akkasumas, seenaan keenya dirree wal-quunnamtiifi walii-galtee malee meeshaa wal-dhabbii ta’uu hin qabu. Baroota dheeraaf gaariis ta’e badaa waliin dabarsineerra; waliin nyaannee dhugneerra; fuudhafi heerumaan maatii tokko taaneerra. Wal-diiguun caalaatti numaan miidha; diinotaa keenya tokkummaa keenyaan mo’atamanii turanimmoo gammachiisa-‘walii-galan, alaa galan’ jedha mitiiree Oromoon?!
Madda Odeeffannoo (References)
1. Hobsbawn, Eric J (1990). Nations & N ationalism Since 1780 . Cambridge University Press.
2. Kim, Ji Yang (2010). National Historiography of Ethiopia . Term paper, AP World History Class, Korean Minjok Leadership Academy International Program.
3. Messay Kebede (2006). Gebrehiwot Baykedagn, Eurocentrism, and the Decentering of Ethiopia. Journal of Black Studies, Vol.36, No.6, pp.815-832.
4. Triulzi, Alessandro (2002). Battling with the Past: New Frameworks for Ethiopian Historiography. In: Remapping Ethiopia: Socialism & After. Ohio University Press.
5. ግዛው ዘውዴ (2005 ዓ.ም)፤ ታሪክ፣ ትርክና ታሪካችን፤ አዲስ አበባ፡፡
Waaqayyo waldaa keenya nuuf haa guddisu.
Premiere
sirna qulqulleessaa afaan oromoodhaan guutummaasaa
Learn four languages
kutaa – 1: Hiikaa sirnaa qidaassee (sirnaa qulqullessaa)
Sirnaa: jechii jedhuu jechaa gi’iizi ‘Seeri’a serra’ kan jedhuu irraa dhufee. Hiikni isaas:
- seera
- Heeraa
- Hojiimata
- Sagantaa jechuudha.
Qidaassee jechuun immoo:
- Qulqullessee
- Eebbissee
- Galatteeffattee
- Ol ol kassee (Jajjaattee)
- Ol kassee (Jabbeesse)
- Waamattee
- Ni qoode
- Waaqayyoof fillee laate kan jedhuu keessaa kan bahee yeroo ta’uu hiikni isaas
- Qulqulleessuu
- Eebbisuu
- Galatteeffachuu jechuudha.
Sirna Qidaassee jechuun immoo Sagantaa galatteffanaa yookiis sirnaa galatteffanaa jechuudha. Kana malees Kadhannaa sirnaa qurbannaas ni jedhamaa. Sirnii qiddaassee kutaallee gurguddoo saddiitti qoodama. Isaaniis
- Kutaa qoophi qiddaassee (የቅዳሰ ዝግጅት ክፍል / የግብዓተ መንጦኢት/ ሥርዓተ ግብጽ Jedhamaa. Kutaan kuniis “ኦ
2. Kutaa barumsaa wangellaa, galatteeffannaf gorsaa, Akkaa barteetti Sirnaa qidaassee jedhamaa. Wangeellii qulqulloota, Raajjiin qulqullootaa, Ergaan dukkaa bu’oottaa ni dubbiiffamaa, ni hiikamaa.
3. Kutaa kadhannaafi galateeffaana jedhamaa.
Afuura Waaqayyoon kan hojjetan hunduu immoo ijoollee Waaqayyooti
Duuka bu’ummaan ajaja Waaqummaa Goofta keenya Iyyasuus kiristoos “Iyyarusaalemitti ,Yihuudatti ,Samaariyaattis hanga daangaa lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” Duk 1:8 jedhe bu’uura godhachuun ”Deemaa barsiisaa” kan jedhe hojiin(gochaan) rawwachuu dha. https://afanoromobatch.files.wordpress.com/2020/01/afuura-waaqayyoon-kan-hojjetan-hunduu-immoo-ijoollee-waaqayyooti.docx
[simple-payment id=”1180″]Duuka bu’aa jechi jedhu “deeme” kan jedhu irraa kan argame/kan dhufe dha.Duuka bu’aa jechuun kan ergame ,kan filatame fi Waqqayyoon kan waamame ,tajaajilaaf kan ariifatu ,daandii qulqullootaa kan hordofu, kaka’umsaa fi ga’umsaa kan qabu fi ergama duuka bu’ummaa hojiidhan kan agarsiisu jechuu dha.

