All posts by admin

Kadhannaa Musee

Yeroo sanatti Musee fi ijoollonni israa’eel faaruu waaqayyoof faarfatan. Akkanas jedhanii dubbatan:
Waaqayyoof ni faarfanna ulfinaan ol-ol jedheerahoo, fardeenii fi abbootii fardeenii galaanatti naqe. Anaan fayyisuuf gargaara fi dahoo naaf ta’e; inni waaqa kooti nan galateeffadhas, inni waaqa abbaa kootiti ol olis nan taasisa. Waaqayyoo waraana ni balleessa; maqaan isaas waaqayyoodha. Gaarii fara’oon raayyaa isaa waliin galaanatti naqe. Abbootiin fardeenii bakka sadiitti qoodamaniis galaana Ertiraatin liqimfaman. Danbaliin galaanas isaan golboobe. read more

Kadhannaa Imbaaqoom

IMBAAQOOM 3:1-9
Haala faaruutiin kan dhiyaate kadhannaan raajicha imbaaqoom isa kana. Yaa gooftaa sagalee kee dhaga’een sodaadhe, hojii kees argeen ajaa’ibsiifadhe. Bineenasa lama gidduudhanan si arge, barri isaa akka dhiyaate godheen sibareera. Barri isaa yeroo ga’etti ati ifa baate, Badii koorraan kan ka’ee yeroo lubbuun koo dhiphateeti, ati akka arjummaa keetitti na yaadadhu. Waaqayyoo Teemaniirraa qulqullichis Faaraan irraa kutaa Yihudaarraa ni dhufa. Ulfinni isaas samiiwwan golgeera, galatni isaas lafa guutera.
Calaqqisni isaas akka ifaati. Gaanfotni harkaa isaa keessa jiru; read more

IYYESUUS KIRISTOOS EENYUDHA?

Utuu Addunyaan hin uumamin dhalli namaafi ergamoonni qulqulloonni haala hin beekneen Abbaa isaa isa samii irraa haadha malee dhalate. (Far. 2 : 7)
Addunyaa booda durbee Maariyaamii irraa Abbaa malee dhalate.Luqaas 2 : 6 – 11

  1. Uumaa (Waaqadha)kana sagalee Barumsaatiif Hojiiwwan Isaa Irraa Beekameera. Utuu Addunyaan hin uumamin dura amalummaa abbaa isaa wajjin ture.
    Yohaannis 1 : 2-3 Yohaannis 17 : 5 Qolaasiis 1 : 17
  2. MUCAA WAAQAYYODGHA
    Mormitoonni isaa amananiiru Yohaannis 5 : 28
    Qulqulluun pheexiroos dhugaa baheera. Gooftaanis dhugaa ba’uu pheexiroos fudhateera. Maatewoos 27 : 32 – 56 Yohaannis 6 : 69
    Gooftaan Iyyesuus kiristoos Mirkaneesseera. read more

Qiddassee Afaan Oromoon

[youtube https://www.youtube.com/watch?v=lxAI1yLMb1M&w=560&h=315]

Qiddaasseen Kun guutumaa guututti afaan oromoon waan taa’eefr nomoota afaan oromoon dhaga’ee hin beekne hundaaf misirachoo addaa akka ta’ee hin shakkuu. Kunis namooti amantaa isaanitti akka cimanii Waaqayyoo gooftaa, haadha keenyaa qulqulleetti dubroo Maariyaam, ergamootaafi qulqulloota akka sirritti beekan ni deegarraa. Jabaadha amantiin keenya ishee dhugaafi kan bara baraatti. Waaqa sagalee isaa afaan keenya akka beeknu nuu taasisseef galatnifi ulfinni haa ta’u. Ameen!

Guyyoottaa Tsoomafi Ayyanaa

  • Tsooma Ganna= Sadassaa 15 Jimmatta
  • Ayyaanna Ganna=Muddee 29 Dilbataa
  • Cuuphaa=Amajjii 11 Jimmatta
  • Tsooma Nannaee= Amajjii 21 Wiixataa
  • Tsoomaa Faasika=Gurrandhalla 5 Wiixataa
  • Dabree Zayit=Bittotteessa 2 Dilbataa
  • Hoosa’innaa= Bittotteessa 23 Dilbataa
  • Faannoo= Bittotteessa 28 Jimaataa
  • Du’aa Ka’usaa=Bittotteessa 30 Dilbataa
  • Erkibe Ka’inaat=Eblaa 24 Roobii
  • Ol bahuu=Caamsaa 9 Kamisaa
  • Pharaqilixoos=Caamsaa 19 Dilbataa
  • Tsooma Bartootta=Caamsaa 20 Wiixataa
  • Tsooma Fayyinnaa=Caamsaa 22 Roobii
  • Kan hafee itti fufaa

Oromummaan Kennaadha.

BEING OROMOO IS NOT A CHOICE THAT IS A WILL OF GOD!!!
I AM HAPPY TO BE OROMOO!!

Barasaa Abbabaa

beki
Oromoo koo oromoo koo,
Aadaa bal’aa qabdaa Kan addunyaaf latuu,
Kan ofii dhisuudhaan maaf ormaa kadhaattu?
Oromummaa kooti boonu maafan dhisaa,
Aadaa koo ibsaachuu maalifan of dhoksaa,
Oromummaa koos maaliffaan ukkamsaa,
Baaaseen agarsiisaa addunyaatti mul’isaa,
Oromoo ta’uu koos isaa dhugaan ibsaa,
Dhara kan hin qabnee haqummaan oddeessaa,
Isaa kan koo ukkamseen biyyaa essaan geessaa?(2x)
**********************************
Asumattaan ibsaa oromoo ta’uu koos har’ummaan beeksisaa,
Kannaa qofaa miti hojiin agarsiisaa,
Hojiin agarsiisaa seenaa saba bal’aa addunyaatti mul’isaa,
Warreen of dagataan tutuquun dàmaqsaa,
Bakkaa rafee turee nasuun rifachisaa,
Hiribbaas damaqsaa Seenaa saba bal’aa sirnaan agarsiisaa,
Wareen of dagataan hiribbaa damaqsaa,
Seenaa dhokfamees sirritti mul’isaa. (2x)
**********************************
Orommummaan keennadha,
Kan naf lattamee dabarsee eenyuuttaan ladha?
Oromoo ta’uu koos sirriittan ibsaadha,
Oromummaa koos sirrittaan jaalladha,
Filaannoo koo miti keennaa ummamaatti,
Kanaaf itti hin gabbuu oromummaa kootti,
Dabarsees hin ladhuu badhasaaa addaatti,
Kan birraas hin feedhuu ofiis hin jijjiirru oromummaa kootti.(2x)
**********************************
Addarraadhas jedhee ormaatti hin ladhu,
Waa’ee isaa kennaa koos gonkummaa hin dagadhuu,
Isaa kan koo jibbees kan ormaa hin jaaladhu,
Kennaa koos dabarsee ormaatti hin ladhu,
Oromoo ta’uu koos tassaa hin irranfadhuu.(2x)
**********************************
Eenyuu feedhee argattee,
Sabbuummaa barbaadees jaallattee filaattee,
Hunduu irraanfattee keennan isaa argatee,
Osoon kana hin tannee ta’ee jechuun of cheepha’ee,
Saba biraa ta’uuf kuttatte hidhatte,
Wantaa hin jijjiiramnee jijjiiruu filaatte,
Maalummaa akka ta’ees of dagattee,
Seenaa isaa kan ormaa fudhee marxifattee,
Kansaa irraanfachuun kàn ormaa fuudhattee,
Aadaa isa baleessuuf ormaan mari’attee,
Dhabamsisuudhafiis hiidhatee itti kaattee!(2x)
**********************************
Oromoommummaan keennaadha,
Kan keennes waaqadha,
Jaalachuun mirgaadhaa,
Baalleessuun yakkaadha,
Eebbissuun eebbaadha,
Kannaaf oromoo taa’uun yakkaa miti badhassaadha,
Badhasaa addaa keennaa uummammaadha,
Oromoommummaa kooti nan boonaa naan gammaadaa!!!(2x)
Continue reading Oromummaan Kennaadha.