Mikiyaas

Mikiyaas jechuun ‘kan akka Waaqayyoon eenyuudha’ jechuudha. Innis kan dhalate magaalaa Mirshet jedhamtu Iyyaruusaalem irraa 32km fagaattee daangaa Filisxeem irratti gara kibbaan kan argamtuudha. Gosti isaas Niftaaleem. Kan jiraates jaarraa 8ffaa Dh.K.D dha. Ergaan isaas Iyyarusaaleem, Samaariyaa fi Yihuudaa hundaaf ture. Innis akkuma raajicha Amoos namoota sobaan uummata miidhan irratti murteesseera. Raajii isaas kan dubbate bara 740-695tti DH.K.D. Isas wanti adda isa taasisu, waa’ee mootota kaabaafi kibba Israa’el bakka tokkotti waan barreessefidha.
Guyyaan ayyaana yaadannoo boqonnaa isaas Hagayya 22 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Naahoom

Naahoom jechuun ‘qoricha’ jechuudha. Qomoo Zaabloon irraa dhalate. Yeroo boojii Faarsi Baabiloon sana waa’ee meeshaa mana qulqullummaafi waa’ee Israa’elootni dhiibamu gaddee gara Iyyarusaalem deebi’uuf qannoonaa yoo galu, hundumaa ol dubbiin foonummaa ifeefii, “Baabiloon si kan si baraaru hin jiru ana garuu gooftaan samiirraa bu’ee na fayyisa,” jedhee dubbateera. Abdii kanaanis gara biyya isaatti deebi’ee madaa gaddaa kanarraa waan fayyeef abbaan Hiriyaaqoos, “Qoricha Naahoom,” jedhee dubroo Maariyaamiin fakkeessee dubbachuun isaa kanaafidha.
Ayyaanni yaadannoo isaas Muddee 5 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa taa’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Amoos

Amoos jechuun ‘ba’aa’ jechuudha. Biyyi isaa ganda Teequhæe jedhamtudha. Waaqayyo hojii raajummaaf osoo isa hin waamiin dura hojiin isaa horii tiksuufi waarkaa guuruu ture. Raajichi kun bara mootii Iyyoorbi’aam lammaffaa 793-733 Dh.K.D. Israa’elitti tajaajilaa ture. Bara kanas mootiin Israa’el Ooziyaantu ture. Bara sanatti yeroo amantaan itti laafeefi namni Waaqharkeetti bulaa ture waan ta’eef raajichi Amoos uummatatti baay’ee dheekkamaafi gara Waaqayyootti akka deebi’an gochaa ture. Kan isa dhagahan garuu muraasa turan. Akka Israa’el booji’amtus raajiin ni dubbate. Waggoota 50’f raajii ni dubbate. Lubni Ameesiyaas Amoosiin mormee mooticha fuulduratti himatee ture.
Ayyaanni yaadannoo isaa Qaammee 5 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin baa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Hoosee

Hoosee jechuun ‘Waaqayyo ni fayyisa’ jechuudha. Akkuma moggaasa Iyyesuus maqaa Iyesuus jedhu waliin hiikkaa walitti siqu qaba. Bara mootichi Iyyoorbi’aam lammafaan Samaariyaatti mootii ta’etti raajaa turedha. Kan jiraates DH.K.D bara 755-725. Ergaan raajii isaa inni guddaanis jaalalli Waaqayyoo kan hin jijjiiramne waan ta’eef waamichi isaas uummanni gara Waaqayyoon beekutti deebi’anii akka fayyaniifi (Hos 4:6,6:6).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Raajaa Daani’eel

Daani’eel jechuun ‘Waaqayyo abbaa murteeti/ ni muteessa’ jechuudha. Faarsi Baabilooniin booji’amee jiraataa kan ture yoo ta’u gosti isaa Yihuudaadha. Mootichi Nabukadanatsoor abjuu argee ganama yoo ka’u irraanfne. Ganama ka’ee luboota waaq-harkee waamee, “Abjuu adda ta’e tokko argeen ture garuu na jalaa bade. abjucha hiika isaa waliin natti himaa!” jedheen. Isaanis, “Abjicha abjootte nutti himi siif hiikna,” jedhaniin. Yeroo kana “Ani waantan abjoodhes irraanfadheera,” jedheen. Isaanis ergasuu kana hiikuu hin dandeenyu jedhaniin. Innis, “Maaliree farda miti isiniin hin gulufu, kana erga natti hin himnee maafan sin soora?” jedhee ajeesisuuf yoo isaan fudhatu Daani’eel arge. “Maal taatan?” jedhee isaan gaafate. “Mootichi abjuuu argee itti himuu wallaalle,” jedhaniin, “Guyyaa naa kenni ani nan siif hiika” jedhee gaafate. Mootichis, “Tole.” jedhee guyyaan 3 kennameef. Guyyaa sadii booda wanta mootichi abjootee ture hiika isaa waliin itti himeera. Kanaaf, mootichi isa muudera. Mooticha kana booda Bilxasoor isa boodas Daariyoos mootii ta’ee muudame. Warri Baabiloomtti hinaafaniis, “Daani’eel waaq-harkef hin sagadu,” jedhe jedhanii mootichaan wallolchiisan. Mootichis Daani’eliin “Maaf waaq-harkeef hin sagadne?” jennaan Daani’eel deebisee, “Hin nyaatu hin dhugu maafan sagadaaf,” jedheen? Mooticharraa lubootni waaq-harkee sobaanii, “Waaq-harkeen keenya ni nyaata ni dhugas,” jedhanii gowwomsanii fooniifi damma daadhiis irraa fuudhanii ofii isaanii, haadha manaafi ijoollee isaniif fudhatanii deemu ture. Kanaan mootichi chaappaa isaatiin chaappessee mana waaqharkee kana cufee deeme. Isaan immoo karra addaatiin seenanii wanta waaqharkeef dhiyaate sana sooratan. Mootichis, “Beel guddaadha Daani’eeliin qaanesse,” jedhe. Daani’el garuu akka Beel Waaqharkichi soorata achi keessa kaa’ame hin sooranne ni beeka waan ta’eef mallattoo kottee namaa lafarratti argee, “Kun kan eenyuuti?” jedhe. Kanaanis, lubootni waaqharkee kunniin akka dhoksaadhaan seenanii sooratan irra gahame. Mootichis kana argee, “Edaa natti taphattuu?” jedhee luboota xaa’otaa sana hunduma ajjeeseera.
Kana boodaas afuura xuraawaan kan irra bule jawwee guddaa tokkotti bulu ture. Mootichis, “sun illee hin nyaatu jette, kanaaf immoo kan nyaatuufi kan dhuguuf hin sagadduuree?” jedheen. Daani’eelis mootichaan. “Kana immoo eboofi gaachana osoo hin qabatiin nan ajjeesa.” jedheen. Motichis, “Tole dhaqi” jedheen. Akkuma kana dura barsiisan: hoolaa qalanii foon cooma rifeensaa fi galii qopheessee aarsee jawwicha eege. Jawween guddaan sunis akkuma barate halaakaa dhufee afaan isaa addaan bane. Daani’eelis Dhagaa gurraacha ho’isee, cooma waliin afaan jawwee sana keessa yemmuu kaa’uuf jawwichi garaan isaa addaan tarsa’ee du’eera.
Boodas namoonni mootichaan, “Kan si jaalatuuf si jibbu adda baasuuf guyyaa sadii nuu kenni,” jedhaniin. Daani’el immoo yoo fooddaa banee kadhatu arganii ajaja mootichaa cabseera jedhanii leencatti darban. Leenconni garuu isa nyaachu didanaan. “Hin beelofnee laataa maaf isa nyaachuu didan” jedhanii nyaata isaanii dhowwatan. Ergamaa Mikaa’eel afaan leencotaa waan cufeef isa hin tuqne ture. Raajichi Inbaaqoom warra haamaa haamuuf yoo laaqana fuudhee deemu, “Daani’eelif geessi,” jedhee ergamaan waan isa ajajeef rifeensa mataasaa qabee gara Baabiloon isa geessee boolla leenca keessatti nyaachisee obaase deebi’eera. Mootichis Daani’eeliin ni jaalata tureef wanta isa irra gahe beekuuf, “Mee akkam ta’e laata?” jedhee yoo deemu inni leencota waliin isa luka jalatti kufanii yoo kadhatu arge. Yeroo kana, “Waaqni Daani’eel guddaadha,” jedhee boolla keessu isa baaseera. Booda, “Mee leencotni kun isaan ni nyaatu moo ni dhiisu,” jedhe warra luboota waaqharkee sana gara boolla leencotaatti darbinaan walsaamum irra keessatti isaan caccabsanii nyaataniiru. Mootichis kana booda amanee uummannis akka amanu taasise. Ayyaanni yaadannoo boqonnu isaas Bitootessa 23 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hang bara baraatti. Ameen!

Raajaa Hizqi’eel

Hizqi’eel jechuun “Waaqayyo jabeenya ni kenna” jechuudha. Kan jiraate bara 1500 Dh.K.D. Qomoo Leewwii irraa dhalate. Abbaan isaa Buuz jedhama. Israa’eloonni booji’amanii Faarsii Baabiloon yemmu bu’anitti waggaa 30tti kennaan raaja dubbachu kennameef. Innis Israa’eloota booji’amaniif sagalee Waaqayyoo akka lallabu filatame (Hiz.2:14). Lubummaafi raagummaa tokko taasisee waggoota 20 barsiiseera. Innis dubbii raajii isaatiin haati keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam gooftaa osoo hin dahiin dura, erga deesse boodas yeroo ulfaas durba ta’uu ishee kan raajii dubbate (Hiz.44). Erga boojiidhaa deebi’anii booda Israa’eloonni waaq-harkee harka isaaniitiin hojetanitti buluu qabnaan isaanitti dheekkame. Sababa kanaan itti hinaafanii dhagaadhaan isa reebanii, abiddaan gubanii ajeesaniiru.
Ayyaanni yaadannoo isaatis Ebla 05 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Raajaa Eermiyaas

Eermiyaas jechuun ‘Waaqayyo ol nama qaba.’ jechuudha.
Kan gadaamessa haadhaa isaa keessaa filatames jechuudha. Abbaan isaa luba Kelqiyaas jedhama. Mootichi bara sanaa Ikooniyaan jedhama. Nabukadanatsoor Faarsi dhufee mooticha hidhee uummata booji’ee yoo deemu, obboleessi isaa Naataan karaa irratti eegee, “Osoo ana moosistee Israa’eel siif akka bitaman nan taasisa,” jedheenii aangoo kadhate. Nabukadanatsooris, “Maqaa koo akka hin ganne,” jedhee warra boojii irraa hafetti Sedeqiyaas jedhee muude. Innis waggaa 8 erga mooticha isa muudeef gabbaree of jabeessee booda isaaf bitamuu dide. Kanaaf, mootichi jalqaba Mo’abaawotaan, itti aansees immoo loltootuma ofiitiin marsee isa cinqinaan Sedeqiyaas gara raajicha Eermiyaasitti, “Maaloo naaf kadhadhu,” jedhee ergaa itti erge. Raaja Eermiyaasis, “Uummata waliin booji’amta,” jedhee deebiseef. Kanaanis Sedeqiyaas, “Ati anaaf waan gaarii dubbattee hin beektu.” jedhee boolla keessati hidhe. Waaqayyo Qulqulluu Mikaa’eel ergee, Abemeelikirra bulee boolla keessaa isa baaseera (Erm. 38:7). Israa’elonni lolli itti hammaannaan mooticha keenya malaan baasuu qabna jedhanii akka inni du’ee fakkeessanii, “Waayi waayi” jedhanii reerra godhanii yoo bahan Nabukadanatsoor kana argee, ‘Maalinni?” jedhee yemmuu isaan gaafatu, “Mootii keenyatu du’ee awwaaluuf deemaa jirra” jedhaniin. Innis gaddee “Isa silaa anatu dhiqe gannazuu (kafanuun) qaba ture, mee amma dhungadheen gageessa reeffa isaa naaf fidaa!” jedhe. Yoo fidanii kafana hiikan namichi hin duune iji isaa ni arga ture. Kanaanis, Nabukadanatsoor Sedeqiyaasiin, ‘Osoon si amanuu maaf na ganta amma immoo eessa deemuuf ree?’ jedhee, qondaaltotaatti gara galee, “Nama kana irratti maal murteessitu” jedhee gaafate. Isaanis. “Du’atu isaaf ta’a haa du’u,” jedhaniin. Nabukadanatsoor immoo deebisee, “Lakki akkas qofti gahaa miti.’ Jedhee ijoolle isaa 7’n ajjeesee, isa ija keessaa baasee Baabiloon geessee baaqelaa yoo hororu onneen isaa dhoote du’eera.
Eermiyaas duuka bu’oota Miidiyaam Abemeelikiifi Baarook jedhaman qaba. Isaanis yeroo waa’ee badiinsa lyyaruusaaleem dubbatu waan dhagahaniif, “Kana ijaan nu hin agarsisin!” jedhan. Yeroon yoo gahu Baarookiin awwaala moototaa eegsise; Abemelikiin immoo, “Baala qorichaa fidi” jedhe erge. Abemelik baalicha muree yoo mudaayi keessa godhee deebi’u karaarratti xinnoo aara galfachuuf muka tokko jala taa’e achumaan rafe. waggaa 66’f rafee sana booda hirriibaa dammaqeera. Inni garuu waggaa hanga kana rafuu isaa hin beekne ture. sirumaayyuu gaaddisni mukaa xinnoo waan jalaa siqeef, “Nan ture,” jedhee yoo ka’ee deemu karaan jalaa bade. Ergamaan Waaqayyoo tokko fakkeenya manguddootiin tabbarra yoo gadi deemu arge, “Maaloo Eermiyaasiin agarte?” jedhee gaafate. Jaarsichis, “Ati biyya keessa hin jirtumoo? Eermiyaas booji’amee gara Baabiloon erga deemee wagga 66 ta’eera.” jedheen. Yeroo kana Abemeeiik aaree, “Ati Jaarsa botontoradha osoon si arrabse anatti tola ooritiin (seerri) jaarsa kabaji jetti malee.” jedhe. Ergamichis wanta ta’e hunduma Abemeelikiif ni ibseef. Abemeelik yemmus, “Kunoo baalli ani kute yoom gogderee, bishaan ishees keessaa akka haaratti copha.” jennaan. ergamichi sun, “Akka badiinsa Iyyaruusaaleem hin agarreef Waaqayyo si jalaa dhokseera,” jedhee fuudhee deemee walitti Baarookiin argee morrmormatti walitti maraman, boodas kadhannaa yemmuu taasisan Israa’elootni boojiidhaa deebi’uuf waggaan 4 qofti akka isaan hafe hubatan. Kanas, ergaa barreessanii qoricha sanaafi xalayaa morma joobiraatti hidhanii gara Baabiloonitti erganiiru.
Eermiyaas namni du’ee yoo awwaala deemu gamoo jige jalatti reeffa sana boqochiisee osoo jiru joobirichi xalayaa sana buuseefi. Eermiyaasis waa’ee xalayichaa sana hubachuuf yemmuu nama du’e sana lukaan tuqutti, namni du’e sun ka’ee waa’ee xalayicha ergamee dhugaa bahee deebi’ee boqoteera. Ergaan xalayichaas, “Isin boojiidhaa deebi’uuf waggaan 4 qofa isin hafe warri ormoota /warra hin amanneen walfuutan hiikaa. seera keessanis cimsaa,” kan jedhu ture. Waggaa 4 booda fedha Waaqayyoon Eermiyaas Israa’eloota walitti qabee gara Iyyarusaalemitti deebi’eera. Yemmuus duuka bu’ootni Ermiyaas Abemeelikiifi Baarok isaan simachuuf bahan. Yemmus namoonni warra ormootaan walfuudhan Israa’eioota biraa hin hafnu jedhanii achitti horataniifi haadha manaa isaanii qabatanii. “Biyya keenyatti galuu eenyutu nu dhoowwa,” jedhanii waliin dhufanii turan. Abemelekiifi Baarookis kana yoo argan, “Maaliif akkas gootan? Ergaan keenyas akkas hin tune,” jennaan. “Haadha manaa keenya eenyutu fudhata? Biyya keenya eenyutu galuu nu dhorka? jedhanii dhufan.” jedheen. Warra gurguddoota filatanii warreen ormoota qabatanii dhufanim akka ari’an taasisan. Warri ari’aman kunis gara biyyaatti yemmuu deebi’an. “Kan dura nu tuffattanii deemtan amma maaf dhuftan.” jedhami warri biyyaa immoo deebisanii of irraa ari’an. Isaanis, Laga Yoordanos osoo hin ceehiin biyya godhatanii jiraatan. Maqaa biyyattiis, Samaariyaa’ jedhanii moggasan;
Samaariyaa jechuun Jaalannee jechuudha. Boojii booda Eerrmyaas mana qulqullummaa jige ijaarsisee meeshaa qulqullaa’oonis akka itti galu taasiseera. Innis ummata walitti qabee, “Egaa kana booda rakkinni akka kana duraa akka nu hin argane Waaqayyoon kadhachuutti haa jabaannu.” erga jedheenii booda waa’ee foonummaa yoo barsiisu, “Ilma Waaqaan arge nun jedhaa?” jedhanii dhagaan dhaananii ajjeesan. (Terefe. Em 11:54, Ibr. 11:37). Ayyaanni yaadannoo boqonnaa raajicha Ermiyaas Caamsa 05 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Raajaa Isaayyaas

Isaayyaas jechuun Waaqayyo nageenyadha jechuudha. Abbaan isaa Amoos jedhama. Raajii isaas dubbachaa kan ture bara mootota Akaazi fi Hizqiyaas 740-688ti Dh.K.D. Mootiin bara sana ture Ooziyaan jedhama. Hangafti lubootaa Azaariyaas yemmuu mirga mootichaatiin taa’u, “Maal kan mirga mootiitiin taa’u?” jedhee gaafate. Isaayyaas kabaja mootii irra kabajni lubummaa akka caalu itti himaa waan tureef, mootichis xiiqiidhan mana qulqullummaa uluuf aangoo isaa malee ultuu qabatee seene. Yeroo kana mootichaa irratti lamxiin (dhukkubni gogaa) itti ba’e. Israa’elootni mooticha aangoo irraa busanii ilma isaa moosisan. Isaayyaas kana argee osoo hin dheekkamiin hafuu isaatiin isarrattis lamxiin bahee waggoota sadiifi ji’a jahaaf kennaa raajii dubbachuurraa dhoorkame. Bara Ooziyaan du’etti Waaqayyo isa fayyisuu yemmuu barbaadu, “Eenyuun ergu, enyuu anaaf ergama?” jedhee dubbate. Yeroo kana Isaayyaas, “Israa’el lamxii koos ni jibbu; kana malees kennaan raaja dubbachuus narraa fudhatameera malee ani nan ergama ture,” jedhe. Suraafeel keessaa tokko ajajamee samii ergamoota irraa abidda fiimii xinnoo fidee, “Lamxii kee balleessee, kennaan raaja dubbachu kees siif deebiseera. Cubbuun kee siif dhiifåmeera.” (Isa 6:6) jedhee hidhii isaa tuqeef.
Kana booda, Isaayyaas lamxiin irraa fayyee raaja dubbachuun tajaajileera. (Isa. 6:1). Du’a Ooziyaan booda, bara Iyyo’aataamiifi bara Hizqiyaasi nagana barsiisee ilmi Hizqiyaas Minaaseen yemmuu mootii ta’etti Israa’elonni mana qulqullummaa cufanii mana waaq-harkee bananii waaqharkeetti waan isaan buluu qabaniif raajichi Isaayyaas kanarraa deebi’aa jedhee isaanitti dheekkamnaan magaaziidhaan mummuranii isa ajjeesaniiru (2Mot 21:16, Ibr.11:37).
Ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaas Fulbaana 06 kabajama. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Asteer

Asteer jechuun biiftuu jechuudha. Obboleessa abbaa ishee, Mardokiyoos jedhamu waliin booji’amtee, gara Faars Baabiloon deemtee jirti. Mootichi ammoo, Arxeeksis kan jedhamufi biyyoota 127 irratti bulchaa kan tureedha. Innis sagantaa qopheessee, bulchitoota bulchiinsa isaa jala jiran hunduma walitti qabee. mootittii isaa bareedduudha; Asxiin jedhamti; akka ishee ilaalaniif, “koottu gara keenya” jedhee waamsise Isheenis. sagantaa biraa waan qabatteef, ‘hin dhufu” jettee hafte. Innis warra isa gorsaniin “kunoo mootittiin tun koottu jedhee waamnan. na salphtstee hafte; maal naaf wayya isin naaf murteessaa” jedhe. “Asii haa baatu” jedhaniin.
Waggaa tokko boodas. qondaaltonni isaa, kana booda “haadha warraa qabaachuu qabda” jedhaniin. “Bareeda akkaa Asxiin naaf fidaa„ jedheen. Isaanis durba 1000 filatanii kana keessaa dhibba tokko, dhibba tokko keessayis, shantama, shantama keessayis kudhan, kudhan keessayis sadii filatan. Dubra sadan kana keessaa Asteer takka turte. Qondaalli ol aanan mootichaa Haamaa jedhama. Mootichi “kan Haamaaf hin sagadne manni isaa ni gubata” jedhee labseefii wana tureef namni hundi ni sagaduuf ture. Mardokiyoos eessumni Asteer garuu, “Waaqayyof malee, namaaf maafan sagada” jedhee dide. Haamaanis, “mootichaan diina keen balleessaa naaf eeyyami” jedheen. Mootichis ni eyyameef. Yemmuu kana “warra Israa’eel balleessaa” jedhee chaappaa itti godhee biyya hundatti xalayaa erge. Mardookiyoos uffata gaddaa uffatee, dhaqee dhimma kana Asteentti hime. Isheenis Mardookiyoosin, “isinis kadhadhaa, anis nan kadha” jettee. Waaqatti booyaa turte. Guyyaa sadaffaatti. uffata mootiin uffattu uffattee gara mootichaa dhaqxe. Mootichis, dhufaatii isheetti gammadee, “haati warraa koo kan duraa anii yemmuun waamu dhufuu diddi, kun ammoo. na gaafachuu dhufti agartanii?’ jedhe. Innis maaliif akka dhufte gaafannaan, “borun sitti hima” jettee dubbii bulchite.
Haamaan ammoo, manatti galee, “amma kan akka kootti mootichi jaalatu eenyu? maalan godha garuu, Mardokiyos qofatu na tuffata” jedhe. Iaanis “mootichi silaaa guutuu isaraa’eeloota balleessi jedhee siif eyyameera, Mardookiyoos ammoo, yoo isa fannifte maal si godha?” jedhaniin. Haamaan Mardookiyoos fannisuuf, wadaroofi muka guddaa Mardokiyoosin irratti fannisu qopheeffate.
Halkan sanatti mootichi hirriiba dhabee yemmuu galmee ilaalu. Oolmaa Mardookiyoos isaaf oole kan ibsu argate. Oolmaan isaas, firri warra niitii isaa kan duraa warra kophee hodhu turan. Kophee mootichaa summii itti godhanii fidanii, Mardokiyos garuu, shakkee, mootichaan “osoo hin qorsisin hin kaawwatin” jedheen. Mootichis namicha fideen, “dura kaawwadhu” yoo jedhu, dhoowee du’eera.
Kuni barreeffameefi ture. Kanaan, mootichi “Mardookiyoosii hanga yoonu maalan godhef, yoomuma naaf bariitee oolmaa isaa haala gaariin deebisa?” jechaa yaadaa bule. Haamaan ammoo, “yoomuma naa barite isa fannisa” jechaa bule. Yoo bari’u mootichi Haamaadhaan, “nama du’a nama oolchee maal kennuuf?” jedheen. Innis, sila ana jedhee, “saragallaarra teessisanii, gonfoo warqee itti godhanii. magaalaa yeroo sadi naanneessanii, kan mootichi jaalate akkana jechuudha” jedhe. Mootichis yemmuu kana, ‘waan tokko osoo keessaa hin hambisin isa jette kana Mardookiyoosiif raawwadhu” jedheen. Haamaan garmalee rifatee, fuulli isaas ni gutrraacha’e. Garuu, dubbii mootichaa waan taheef Mardookiyoos teessoo isaarra teessisee, akkuma jedhame ni raawwateef.
Asteeris, borumtaa sanan sitti hima akkuma jetteen, dubbii Haama kana mootichatti himte. “Maaliif mana masaratti heerumuun? kan mootitii heerumne, kan dhabe akka argatu, kan gadde ammoo, akka gammaduuf ture; anifi gosti koo Israa’eel warqeendhan gurguramnee, dhumuun keenya maalifi?” jetteen. “Eenyutu isin gurgure?” jennaan, “Haamadha” jetteen. Mootichis aaree gadi bahe. Kanaanis, muka Mardokiyoos irratti fannifamuuf qophaahe sana irratti, Haamaan fannifamee du’eera. Kana booda, heeyyamsiisanii Mardookiyoosfi Asteer Israa’eel haa babaldhatan, diinni keenya haa badan xalayaa jedhu barreessisanii biyyoota dura xalayaan akka du’aan itti rgamee sanatti ergamaan. Xalayaan isaanii kunis, dursee gahe. Israa’eelootnis mana Haamaa irraa namoota 75 diina isaanii booroo itti bahaniiru. Isheenis israa’eelootaaf sababa fayyina isaanii taatee, Waaqayyoo kadhachuutti cimtee nagaan Muddee 24 boqoteeti.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaan nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Soosinnaa

soosinnaa jechuun garraamii jechuudha. Abbaan ishee Kelqiyaas, abbaan manaa ishee ammoo, Iyyo’aaqeem jedhama. Dubartii baay’ee bareedduu taatedha. Seera barsiifna kan jedhan, barsiisotni ishee barsiisan lama jaalalan kufan; isaan lamaanu gara garaati ishee barbaadutti ka’an. Isaan lamaanuu keessa isaanitti ishee argachuuf hawwu ture, garuu afaanii baasanii walitti hin himne. Guyyaa tokko kophaa kophaa isaanii osuma ishee argachuuf barbaadan, walitti dhufanii waan garaa isaanii walitti himatan. Isheenis qama ishee dhiqachuuf, iddoo dhiqannaa biqilootaan guuttame keessa yemmuu seentu, isaan dhokatanii ishee ilaalaa turan. Yemmuu gargaartonni ishee wantoota dhiqannaaf ta’u karra cufanii fuudhuu dhaqan, barsiisotni kun lamaan ka’anii gara Soosinnaatti fiigan. Isaanis bira dhaqanii akka isaan waliin ciiftuuf ‘tole nuun jedhi; yookaan yemmuu dargageessa waliin sagaagaltu ishee agarre jennee maqaa kee ballleessina; sirratti murteessisiifnee; dhagaadhan akka si dhaananii si ajjeesan taasifna” jedhaniin.
Isheenis yemmuu dubbii isaanii kana dhageessu, ni boosse ni gaddites. garuu, “namni narratti murteessuu irra, Waaqayyo osoo narratti murteessee wayya” jettee iyyite. Isaaniis waliin iyyan. Uummannis yemmuu wal gahu. dargageessa waliin osoo ciistu argine jedhaniin. Uummanis walgahee dhagaadhan reebamtee haa duutu. murtee jedhu itti murteessan. Uffata ishee irru baasuun, gara adababayiitti fudhatan. warri ishees waliin bo’an. Daa’imni Daani’eel jedhamu, “ani dhiiga dubartii kanaatirraa qulqulluudha” Jedhee, sagalee isaa ol kaasee dubbate. Ummannis gara inni dubbbatetti garagalan. Yeroo kana, Raaja Daani’eel “yaa beektota israa’eel, maal taatan? Osoo hin qoratin murteessitu moo?” haa qorannu” jedhee, jaroota lamaan gara gara baasuudhaan, maal jala Soosinnaan akka ciiftee gaafate. Inni tokko “muka Kook jedhamu jala” inni tokko ammoo, “muka Roomaan jedhamu jala yemmuu ciisan agarre” jedhaniin. Yemmuu kana, Daani’eel gara barsiisota sobdootaa kanatti garagalee “ergamaan Waaqayyoo isin ajjeesuuf ajajmeera” jedheen. Yeeruma sanatti bakka lamatti addan kukkutamanii du’aniiru. Ergamichi qulqulluu Mikaa•eel ture. Warri Soosinna akka isheen du’a jalaa baraaramte, beektonni Israa’eelis osoo hin qoratin dogongora uumuu irraa waan Waqaayyo isaan hambiseef, Daani’eelin baay’ee ol ol is qaban. Isheenis akkasumatti hojii gaaridhaaniifi amantaadhan cimtee Fulbaana,28 boqoteetti.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaan nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

yoosaad.com/orthodox