Yaa’iqoob

Yaa’iqoob jechuun koomee qabate jechuu yoo ta’u abbaan isaa Yisihaaq haati isaa immoo Ribqaadha. Obboleessa isaa irraa hangafumu fudhateera (Uum.25:29-34;27:1-45). Guyyaa obboleessa isaatin wal lolu baqatee fagaatee dhagaa takka boraafatee rafe. Halkan abjuun yaabbannoo/kortuu hundeen isaa lafa dhaabbatee fiixeen isaa immoo samii gahu yeroo ergamootni Waaqayyo irra deddeebi’an ni arge. Waaqayyoo immoo fiixee kortichaa irra dhaabatee ture. Waaqayyos, “Waaqni abbaa kee Yisihaaq kan Abrahaam ana Waaqayyodha. lafa ati irra ciifte kanas siif sanyii keef nan kenna. Sanyiin kees akka cirracha lafaa ni ta’a” jedhe waadaa galeef. Yaa’iqoob ganama obboroodhan ka’ee dhagicha mataa isaa jala kaa’atee fuudhee utubaa seenaa godhee ol qajeelchee dhaabee zaayita ejersaa irratti dhangalaase. Maqaa iddoo sanaas Beetel jedhee.
Beetel jechuun isaas mana Waaqayyoo jechuudha. Duraan garuu gandi sun Loozaa jedhamaa ture. (Uum. 28: 11-22)
Ka’ee gara Sooriyaa gara Laabaa deeme. Laabaan obboleessa haadha isaati. Yemmu Sooriyaa gahu Raaheel hoolota oofaa dhufte; fuudhe dhungate. Yeroo kana Raaheel dhaqxee abbaa isheetti himte. Laabaan Yaa’iqoobiin simate. Erga ji’a tokko isa bira turee booda firaa koo yoo taates akkamiin tola na tajaajilta, mindaan kee maalidha?” jedhee isa gaafate. Yaa’iqoobis, “Raaheliin natti heerumsiisi kanaaf immoo waggaa 7 siin tajaajila,” jedheen. Laabaanis, “Tole, nama biraaf hangan kennu siif yoon kenne naa wayya,” jedheeni. Waggaa 7 booda abbaan akkamittan osoo hangafti jirtuu quxusuu itti heerumsiisa jedhee Liyaa itti heerumsiise. Yaa’iqoob ganama ka’ee yoo ilaalu Raaheel miti. Sana boodas
wagga 7 tajaajilee Raaheel fuudheera. Yemmuu kanas obboleessi isaa Eesaawu isa simachuuf dhufeera. Walittis waldhaansoo qabatee ebbifamee maqaan isaas Yaa’iqoob irraa gara Israa’elitti jijiirameera (Uum.35:10).
Israa’eel jechuun Waaqayyo waliin waldhaansoo kan qabu jedhuudha (Uum 32:28). Yaa’iqoob ijoollee 13 argate. Kitaabni 12 jedhus bara sanatti waan dubartiin hin lakkaawamneef akkas jedha. Yaa’iqoob dubartii Diinaa jedhamtu kan Liyaa irraa dhalche ni qaba. kan lakkoofsa keessaa hafes isheedha.
Nama 6 Liyaarraa isaanis
• Roobel,
• Simoon,
• Leewii,
• Yihuudaa,
• Yisaakoor,
• Zaabloon.
Ijoollee 2 Raaheel irraa, isaanis
• Yooseef fi
• Biiniyaam,
Baalaa, gargaartuu Raaheel irraa immoo
• Daanii fi
• Niftaaleem dhalche.
Ijoollee lama immoo gargaartuu Liyaa Zalafuu irraa argateera; isaanis:
• Gaadi fi
• Aseeridhma
Dhuma irratti sababa Yooseefiin biyya Misirii dhaqee achitti boqate. Ilma isaan garuu ‘yeroo guyyaan boqonnaa koo gahu biyya kanatti na hin awwaaliin’ jedhee biyya isaatti akka isa awwaalu akeekkachiiseera. Ijoollee Yooseef Miinaasee fi Efreemiin erga eebbiseefi booda waggaa 147 tti boqote. Yooseefis saraggallaan/gaanidhaan fuudhee bakka awwaala abboota isaa Kana’aanitti awwaalerraa (Uma. 48)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa
araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Saaraa

Saaraa jechuun olaantuu jechuu yoo ta’u haadha warraa Abrahaamidha. Dhala dhabdee baay’ee rakkachaa turte booda garuu Waaqayyo kadhannaa ishee dhagahee akka Yisihaaqiin deessu godhe. Dhala kan argattes argattes wagga 90tti. Waaqayyo ammas Abrahaamiin, “Waa’ee haadha manaa kee Sarayiif immoo maqaa ishee Saaraay jettee hin waamiin maqaan ishee si’achi ‘Saaraa’ haa jedhamu. Ani ishee nan eebbisa. Ilmas immoo ishee irraa siif nan kenna isheenis saba baay’eedhaaf haadha ni taati. Mootonni saba gara garaa ishee irraa ni argamu” jedhe (Uuma. 17:15). Yeroo kana Abrahaam garuu gad gombifame in kolfe. “Jaarsa waggaa dhibbaaf mucaan ni dhalataa? Saaraan ishee waggaa 90 immoo mucaa in deessii?” Jedhe. Waaqayyos,”Maqaa isaa Iyisihaaq jette ni moggaafta anis kakuu koo akka kakuu isa booddedhaan syanii isaaf bara baraaf jiraatutti isa wajin nan jabeessa.” jedheen.
Dabalataanis yemmuu Abrahaam fakkeenya nama Sadiitiin Sillasee keessumeessu tokkoo keessaa, “Saaraan waggaa har’aa ilma ni deessii jedhee yoo dubbatu isheen goda keessaa dhagahaa waan tuneef keessa isheetti ni seeqxee. “Ani dulloome laguun dubartiis narraa cite abbaa warraa koo bira gahuu akkamittan hawwaa” jette. Booda garuu maaf kofalte jennaan sodaattee lakki ani hin kofalle jette (Uum. 18: 1-15)
Waaqayyo akkuma abdachiise ture Saaraa ni yaadate. akkuma dubbatees isheedhaaf ni godhe. Saaraan ulfooftee ilma ni deesseef, Abrahaamis maqaa isaa Yisihaaq jedhee moggaase.
Yisihaaq jechuun ‘ni kolfe’ jechuudha. Dhalatee guyyaa 8 akkuma Waaqayyo isa abboometti Abrahaam Yisihaaqin dhaqnaa qaberraa. Saaraannis sababa ani ittiin kolfu anaaf kenne warri dhagahan hundinuu ana waijin ni kolfu…. itti dabaltees “Saaraanis mucaa hoosisuuf jetti jedhee Abrahaamitti himuu eenyutu yaaderraa, Ani garuu bara dulluuma isaattl ilma da’eerraaf’ jette (Uma 21:7. Saaraanis sababa amantiifi ajajamummaa isheetiin galateeffateetti. (Isa. 51:2, Ibr.11:11 1Phex. 3:6)
Isheenis waggaa 127 keeboornitti boqotte. Abrahaamis awwalaa haaraa bitee itti awwaale. Holqa Maafkel jedhamtu kan lafa Heet irraa Abrahaam bitetti awwaalamte.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii kanaan nutti haa araaramu; sugni ishees nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Yisihaaq

Yisihaaq

Yisihaaq ilma Abrahaam kan Saaraa irraa dhalateedha. Erga Abrahaamiif, “Sanyiin kee biyya lafaa kana ni guuta,” jedhamee waadaan galameefii waggaa 25 booda dhalli isaa kan abdii abbaa isaa galmaan gahuuf Yisihaaq ni dhalate. Abrahaamis ilma isaa hedduu jaalata ture. Yisihaaqis abbaa isaaf hanga akka aarsaatti dhiyaatutti ni ajajamaaf ture. Innis nama amantii ta’ee guddate. (Uum.22;26; Room.9:6-9; Gal.3:16;4:21-31, Ibr. 11:9-20)

Abbaan isaa Abrahaam gosa isaa irraa qofa akka fuusisu gargaaraa isaa kakachiisee waadaa galchisiise. Innis tole jedhee meeshaalee gaggaarii gaalota 10tti fe’ee gara Mesopotaamiyaa deeme. Innis karaa dheeraa deemee bishaan cinaa yoo taa’u Ribqaan dhufte, “Bishaan na Obaasi, gaala koos naaf obaasi!” jedheen. “Tole,” jettee obaaste. “Ati kan eenyuuti,” jedheen, “Kan ilma Naakoor ilma Baatu’eel,” jetteen. “Gara mana keessanii iddoon bultii gaalleen kiyyaaf jiraa?” Jedheen. “Eeyyee maaltu dhabame ” jette. Innis qubatti qubeelaa gurratti lootii godhee gara mana warra isheetti erge. Obboleessi ishee Laaban faaya kaawwatte kana yemmuu argu gaafate. Waan ta’e hundaafi waa’ee namichaa itti himte. Innis dhufee fuudhee gara manaatti isa fide. Isaanis, “Nyaata nyaadhuu boqadhu.” jedhanin. Namtichis, “Wantan dhufeef osoo hin dubbatiin hin nyaadhu.” jedhen. Isaanis, “Tole dubbadhu’ jedhaniin. “Abbaan Yisihaaq” Abrahaam dulloomeera; warra Sooriyaa keessaa malee warra Kana’aan keessaa ilma koo Yisihaaqiin haadha manaa hin fuusisiin jedhee na kakachiiseera. Miraa dulluma keessa argate qaba,” jedheen. Warri Ribqaas tole jedhaniif. Innis Ribqaa fudhatee gara Yisihaaq jirutti fideef. Yisihaaqis yeroo fagoom ishee argu ni gammade karaattis bahee ishee simate. Hedduus ishee jaalate. Yeroo sanatti Yisihaaq nama waggaa 40 ture (Uum.24).

Erga walfuudhanii yeroo dheeraadhaaf ijoollee hin arganne ture. Booda garuu erga Yisihaaq Waaqa kadhatee lakkuu ulfoofte. Eesaawu fi Yaa’iqoob ni dhalatan. (Uma.25:21) Kan dura gadaamessaa bahe Eesaawu ture. Yaa’iqobis quxusuu jedhame (Uuma 25.26). Yaa’iqoob koomee Eesaawu qabatee dhalate. Ribqaan Yaa’iqoobiin baay’ee jaallatti ture.

Yisihaaq dulloome hanga ijji isaa arguu dadhabuutti geessee ture. Eesaawu adamoo adamsa. Yaa’iqoob immoo haadha isaa waliin oola. Guyyaa tokko Yisihaaq Eesaawun waamee “Mee adamoo deemii akkan jaaladhutti naa qopheessii na nyaachisi sin eebbisa har’i guyyaan eebba itti sii kennudha,” jedheen. Yeroo kana Ribqaan dhageessee waan turteef Yaa’iqoobitti himte. Eesaawu qaamni isaa rifeensan kan uwwifamedha. Abbaan isaa rifeensa isaa kana qaqqabuudhan Eesaawuufi Yaa’iqoob irraa adda baasa. Haati isaafi Yaa’iqoob osoo Eesaawu hin dhufin nyaata Yisihaaq barbaadu qopheessuun eebba Eesaawuuf qophaa’e akka Yaa’iqoobiif ta’u, gogaa re’ee isatti uwwisuun nyaata sana qabatee gara Yisihaaqitti dhiyaatee akka eebba argatu taasiste.

Yaa’iqoob erga eebba abbaa isaa fudhatee booda Eesaawun jalaa baqateera. Booda Eesawu yoo ‘dhufee Yisihaaqiin na eebbisi’ jedhuun eebba isaa obboleessi akka jalaa fudhate itti hime. Ati garuu xiyyaa keetin jiraadhu obboleessa keetifis ajajami jedheen. Yaa’iqoob akka Eesaawu isa hin ajjeesneef jalaa badee gara Laabaa deemeera. Booda garuu gara isaanii yemmuu deebi’u Yisihaaq deebisee araarsee booda waggaa 180tti boqoteerraa (Uum.35:28-29).

Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Luba Melkeseedeeq

Melketseedeq jechuun mootii nagaa/tolummaa jechuudha. Akaakayyuun isaa Nooh. Nooh ilma isaa Seemiin, “Kaam irraa namni gaariin dhalateera dhaqii lafee Addaamiifi meeshaalee adda ta’an kana akka eegu godhi” jedhee itti hime. Meeshaaleen addaa kunis Ergamootni qulqulluu Mikaa’el, Qulqulluu Gabri’eel, Qulqulluu Rufaa’el Jannataa fidanii kan Addaamiif kennan boodas warri baha biiftuu sadan yemmuu Gooftaan dhalatu kan harka fuudhaa kennan Warqee, Ixaanaafi Qumbiin achirraa kan dhufeedha. Seemiis Melkeseedeeqin dhoksaadhaan fudhatee gara Golgootaa qajeelcha ergamaatiin geesse. Malkeseedeqis firaan adda bahee mataa hin haaddatu, quba(qeensa) hin qoratu, foon hin nyaatu, daadhiis hin dhugu ture.
Wayiniifi qamadiin aarsaa dhiyeessi jedhamee waan tureef aarsan inni dhiyeessu kan wayiniifi qamadiiti ture. Innis lafee abbootaa kan eegu ta’e. Yemmuu Abrahaam mootota Kolodogomor shanan moo’atee dhufu isatu simate. “Melkeseedeeqmootin Saaleem lubni Waaqayyoo olaanaas Abrahaamif hibistiifi daadhii wayinii fide. Isa eebbises. Abrahaam immoo wanta hundumaa irraa harka kudhan keessaa tokko isaaf ni kenneef (Uum. 14:17; Ibr.7:1).
Kana booda namoonni mootii nuuf ta’i jedhaniin. “Kan Waqaayyo akkan eeguuf natti kenne dhiisee hin deemu” jedhee dide. Garuu yemmu wal lolan ni araarsa, murtee isa dhugaas ni kenna waan tureef mootii nageenyaa jedhaniinii jiru.
Lubummaan Melkesedeeq kan kennameef Waaqayyo irraayi. Lubummaan isaas fakkeenya lubummaa gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Faar.110:4. Lubummaan isaallee kan Aarooniin akka caalu barraa’eera (Ibr.5:6-10; 6:20; 7) Jireenyi bara isaa jalqabaa akkuma hin beekamne jireenyi bara isaa dhumaas hin beekamne. Guyyaa kanatti dhalate guyyaa kanatti du’es wanti jedhame hin jiru.
Qulqulluu Phaawuloosis yoo isa ibsu, “Inni haadhafi abbaa hin qabu yookiin hidda dhalootaa hin qabu, jalqabaa fi dhuma hin qabu garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta’ee jiraata,” jedheera
Qulqulluu Phaawuloos ammas dabalee, “Egaa Abrahaam abbaan qomoo wanta booji’e keessaa kudhan keessaa tokko erga tokko isaaf kennee Melkeseedeeq kun guddaa attamii akka ture kanaan ni argitu?” jedha. (Ibr.7:4)
Haala filannoofi guddina isaa ibsuuf malee, sanyii isaarrayis adda ba’ee jiraachuu isaa ibsuuf malee namni sanyii Addaam irraa hidda latiinsa hin qabne hin jiru.
Gosa Kaam irraa akka dhalate, abbaan isaas Qaayinaan (Kennaa)akka ta’e abbootni mana kiristaanaa keenya ni barsiisu.
Ayyaanni yaadannoo Luba Melkeseedeeqis Qaammee 3.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Abrahaam

Maqaan isaa inni jalqabaa Abraam ture. Booda garuu Waaqayyo maqaa isaa gara Abrahaamitti jijjiireera (Uum.17: l-5);
Abrahaam jechuun ‘Abbaa saba baay’ee (Father of many nations)’ jechuudha. Abrahaam abbaan isaa Taaraa jedhama. Warri isaa waaq-harkeetti bulu ture. Booda garuu guyyaa tokko waaq-harkichaan, “Beela’e beela na nyaachisi dheebodhee dheebu nabaasi” jedhee itti dubbate. Waaq-harkichis isa hin dhageenye. ‘Tole kunis yaa hafuutii na haasofsiisi’ jedheen. Innis harka namaan waan tolfame waan ta’eef dhagahuu hin dandeenye. Kanaanis waaq-harkee kana caccabsee Waaqayyoon barbaadutti ka’e. Uumamaa jiran hunda ni qorate, amala isaanis ni ilaale, aduu, qilleensa, duumessa hunduma ni ilaale; kuni hundi Waaqa akka hin taane ni hubate. Boodarras, “Yaa Waaqa biiftuu uumte natti mul’adhu,” jedhee kadhate. Waaqayyos isaaf of ibse.
• Waaqayyo guyyaa tokko Abraamiin “biyya kee keessaa, lammii kee keessaafi maatii abbaa kee keessaa ba’iitii gara biyya ani sitti agarsiisuu dhaqi “jedheen. “Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisaa, maqaa kees nan guddisa; eebbifamaas ni taata; qomoon biyya lafaa hundinuu sababa keetiif ni eebbifamu. ” jedheen (Uum.12: 1-6).
• Waaqayyos yeroo garaa garaa Abrahaamitti dubbateera (Uum. 12:1-6; 12:7; 13; Duuk.7:2-3).
Kanarraa Abrahaam akkuma Waaqayyo isatti dubbate ka’ee ni adeeme. Looxis isa waliin ni adeeme. Biyya Kaaraanii yemmuu ba’u nama waggaa 75 ture. Gara biyya Kana’aanittis ni gale. Haati warraa isaas Saaraadha. Kana booda Abrahaam bara sanatti beelli hamaan waan ka’eef haadha warraa isaa fudhatee gara Misiriitti deeme. Mootichi Misiriis Saaraa ni jaalate; waa’ee ishees adda baafachuuf Abrahaamin waamee gaafate.
Abrahaam garuu sodaatee waan tureef ‘obboleetti kooti’ jedheen. Abrahaam sodaa irraa kan ka’e akka isa hin ajjeesneef Saaraadhaan obboleetti kooti jedheen. Mootichis akka Saaraa bira hin geenyeef garuu Waaqayyo mootichaafi maatii isaa ni dhahe. Saaraanis wanti tokkoyyuu osoo irra hin ga’in gara Abrahaam nagaan deebite. Mootichis Abrahaamin waamee ‘wanta akkasii maaf anarratti raawwatte? Isheen haadha warraa kee akka taate maaliif anatti hin himne” jedhee Abrahaamitti dheekkame. Mootichis qabeenyata jaajiltoota Abrahaamiifi Saaraa gargaaran waliin ni kenneef. Kana booda Abrahaam dureessa ta’ee biyya Keebroon jiraachaa ture. Wan hunduu osoo guuteefii jiruu dhala waan hin qabneef jireenyi isaa kan gaddaan guutame ture. Abrahaam keessummoota simachuu baay’ee jaalata ture. Guyyaa tokkos Qilxuu Mamree jala osoo taa’u, keessummootni namoota sadi ta’anii isa dura dhaabatan. Innis itti fiigee hamma lafa ga’utti ni qoomma’eef. Isa tokkoonis, “Gooftaa koo ani si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta’e ana garbicha kee bira hin darbin. Mee bishaan xinnoo isinii haa fidanii miila dhiqadhaatii muka kana jalatti haara galfadhaa,” jedheen. “Tole,” jedhaniin, innis buddeena tolchisiisee, dibicha qalsiisee aannaniifi itittuu qopheessee isaan simateera. Isaanis haati warraa isaa Saaraan eessa akka jirtu gaafatan. Keessummoota kana keessaa tokko, “Bara egeree deebi’ee nan dhufa Saaraanis ilma ni deessi.” jedhe. Yeroo kana isheen dinqa keessa wanta namni kun jedhu dhagahaa waan turteef keessatti ni seeqxi ture. Sababa isheen kolfiteefis, “Ilmi isheen deessu Yisihaaq jedhamee waamama,” jedheen. Akkuma jedhame Saaraan waggaa 90tti Yisihaaqin dahuu dandeesseetti (Uum. 17; 21:1-3).

Abrahaam Waaqayyoon baay’ee jaalata. Jaalala Abrahaam Waaqayyoof qabu kan nu hubachiisu keessaa tokko yemmuu Waaqayyo, “Ilma kee Aarsaa godhiiti naaf dhiyeessi,” yeroo jedheenitti tole jedhee ganamaan ka’ee qoraan aarsaaf barbaachisu falaxee, dargaggoota isaa keessa lama, ilma isaa Yisihaaqinis fudhatee harree fe’atee gara tulluu Mooriyaatti ol ba’e. Yisihaaqis wanta qalma ta’ee dhiyaatu waan hin barreef; “Yaa abbaa koo ibiddiifi qoraan qalmaa kunooti hoolan qalmaahoo eessaree?” jedheen. Abrahaam deebisee. “Waaqayyo qalma gubamuufi hoolaa ni qopheessaa jedhee walumaan gara Tulluu Mooriyaatti ol bahan.

Abrahaamis, qoraan qopheessee haaduu fudhatee yemmuu ilma isaa qaluuf ka’u ergamaan Waaqayyo, “Abrahaam Abrahaam ilma keerratti homaa hin raawwatin; ani akka ati ilma kee tokkichaaf hin mararfanne argeera” jedheen. Abrahaamis of dugduuba yemmuu ilaalu korbeessa harangamaan qababame tokko argee isa qalanii aarsaa dhiyeessan.
Abrahaamis maqaa sana ‘Yahiweeyir’ee’ jedhee moggaase (Uum 22:14). Hiikkaan isaas Waaqayyo ni arga jechuudha.
Namoonni kanaaf ammayyu ‘inni tulluu Waaqayyo irratti namaaf waa argamsiisudha jedhan.
Haati warraa Abrahaam Saaraan wagga 127tti boqotte. Abrahaam Yisihaaqin ala ijoollee 7 dhalfateera. Kan dura Ismuaa’el jedhama. Aggaar gargaartuu Saaraa kan lammiin Misirii taate irra dhalate. (Uuma 16:15). Erga haati manaa isaa Saaraan boqottee booda immoo dubartii Keexuraa jedhamtu fuudhee ijoollee jaha irraa dhalcheera (Uum.25:1-2).
Sanyiin isaa akka biyyattii dhuunfatu raagni dubbatameefi ture. Abdiin isan kenname kun immoo biyya lafaa kana qofaatti osoo hin taane samii irrattillee akka isaaf ta’u ni hubate (Ibr. 11:8-16).
Waggaa 175 erga biyya lafaa kanarraa jiraatee boqote. Ijoolleen isaa Yisihaaqiifi Ismaa’eel holqaa Makfelaa jedhatutti isa aawwaalaniiruu (Uma. 25:9-10)

Maqaan isaas kakuu haaraa keessatti yeroo adda addaa ka’ee ni argina. Isaan keessa akka fakkeenyaatti:
• Waaqayyoof akka nama ajajamuutti. (Yoh.8:39-40, Ibr.11:17-19).
• Amantiin isaa akka tolummaatti akka lakkaa’ameefiitti (Room.4:3, Ga13.6-7)
• Namoonni addunyaa kana irra jiran hundi amantiidhaan ‘ilmaan Abrahaam jedhamanii akka waamamanitti (Rom. 4:11, 9:7-8, Gal.3:7-9) baldhinaan ibseera.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u, Hanga bara baraatti Amee!

Nooh

Nooh jechuun gammachuu, boqonnaa jechuudha. Addaam irraa dhaloota 10ffaa dha. (Uum.5:28-29). Bara Nooh turetti Waaqayyo jal’inni namaa lafa irratti baay’achuu irraa kan ka’e ni gadde ni gaabbes. Kanaanis,
• Naman uume hundumaa nan haxaa’a, bineensotas, kan muunyuqanis, kan balali’an hundumaas nan balleessa, ani uumama koo jibbeera’ jedhe (Uum.6).
Nooh garuu Waaqayyoon duratti faara tolaadhaan ilaalama ture. Nooh waggaa 500
yemmu guutu gooftaan “cubbuu namootni hojjetan irraa kan ka’e, ‘Ani lafa bishaaniin balleessun heda si waliin garuu kakuu koo nan raawwadha, doonii hojjedhu’ jedheen. Nooh yeroo sanatti qajeelummaa barsiisa ture (Uum.6:3,1Phex3:20,2Phex.2:5).
Nooh yeroo sanas ijoollee sadi Kaam, Seemfi Yaafet jedhaman qaba. Noohis akkuma jedhame doonii hojjetee ni xummure. Kutaa sadiis akka qabaatu akkuma Waaqayyo itti agarsiises ni godhe. Gosa uumama lafa kanarra jiran hundumaas lama lama dhiiraafi dhalaa godhee bineensotas, allaattiwwanis hundumaa gara doonitti ni galche. Isaa fi maatiin isaa hundumti gara doonii akka galan Waaqayyo ni ajajeen. Yeroo bishaan badinsaa dhufutti Nooh waggaa 600 ture. Inniifi maatiin isaa erga galanii booda halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama Waaqayyo rooba ni roobse; lubbuu qabeeyyiin hundi warra doonii keessa jiraniin alatti haxa’amanii ni dhuman (Uum.7).
Waaqayyo immoo warra doonii keessa jiran ni yaadate. Doonichi ka’ee ji’a torbaafi guyyaa 17ffaa isaatti tulluu Araarat irratti ni qubate; bishaanichis gadi ni gale. Nooh akka bishaan hir’ate ilaalee akka deebi’uuf
• Jalqaba arraagessa erge. Arraagessichis bahee gara isaatti hin deebi’in hafe.
• Lammata immoo gugee(bullaallaa) erge; isheenis bakka qubattu dhabdee deebite.
Ammas guyyaa torba booda gugee biraa erge; baala ejersaa afaanitti qabattee deebite. Kanaan, Nooh bishaanichi akka gadi xinnaate ni bare. Waaqayyo Noohitti akka achi keessaa bahan itti hime, uumamtootni doonii keessa turan hundumti isaanii ni ba’an.
Noohis aarsaa Waaqayyoof dhiyeesse. Waqayyos biyya lafaa bishaaniin akka hin balleessine Noohiif waadaa galeef. (Uum.8). Waaqayyo Noohiifi ijoollee isaan”horaa baay’adhaa” jedhee eebbiseen. (Uum.9:1-7; 19:10).
Boodas Nooh lafa qotuudhaan kan jiraatu ta’e. Daadhii wayinii dhugee hanga machaa’utti gaheera ijoollee isaatifis lafa addaan qoodeera (Uum.9:20-27). Waggaa 950 boodas boqoteera.
Ayyaanni boqonnaa isaas Amajjii guyyaa 06 kabajama. Galanni Waaqayyoof haa tau Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen.

Heenok

Heenok
Heenok jechuun haarawa jechuudha. Akka kitaaba qulqulluun nutti himutti Heenok Addaam irraa dhaloota 7ffaa irratti argama.
Addaam => Seet => Heenoos => Qaayinaan => Maalali’eel => Yaareed => Heenook.
Uum.5:1-18 Innis abbaa Maatusaalaa yoo ta’u, ilmi isaa Maatusaalaanis waggaa 969 umurii dheeraa lafa kanarra nama jiraatedha.
• “Heenok deemsa isaa Waaqayyo waliin waan taasiseef hin argamne; Waaqayyo isa fuudhateera. (Ibr 11:5).”
Kanaaf, dachee jiraattotaa kan yeroo jalqabaaf gale isaadha. Heenok dhala namaa keessaa kan yeroo jalqabaaf Waaqayyo barreeffama ibseefiidha (Uum.5:21-22, Yihuda 14.).
Dhaloota Kiristoosin dura bara 1486 kitaaba jalqabaa kitaaba Heenok jedhamu barreessee jira.
Guyyaan yaadannoo ol fudhatamuu Heenook Amajii guyyaa 26. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u Hanga bara baraatti Ameen.

Abeel

Abeel
Abeel jechuun garraammii jechuudha. Dhala namaa keessaa kan dursee du’e isaadha. Abeeliifi Qaayel yemmuu dhalatan dubartoota waliin lakkuu lakkuu ta’anii dhalataniiru.
• Lakkuun Abeel Aqleema yoo jedhamtu
• Lakkuun Qaayel immoo Luud jedhamti turte.
Warri isaanis yeroo sanatti namni addunyaa kanarra waan hin jirreef lakkuuwwan kana wal jala jijjiirsisuun Obbolootaan wal fuusisan. Kanaaf, lakkuun Abeel Qaayeliif, lakkuun Qaayel immoo Abeeliif taate. Lakkuun Qaayel Luud bareedduu waan turteef Qaayel ishee fuudhuu barbaadee ture. Kanaaf, lamaan isaanii Waaqayyoof aarsaa dhiyeessanii, “Kan Waaqayyo aarsaa isaa fudhateef inni Luud haa fuudhu’ jedhanii waadaa walii galuun Waaqayyoof arsaa dhiyeessan. Hojiin isaanis
• Qaayel lafa qota ture;
• Abeel immoo horii horsiisa.
Qaayel keessa isaatti “Waaqayyo hin nyaatu hin maal isaaf godha.” jedhee aarsaa hashaafa/abaqii ta’e dhiyeesse. Abeel garuu hoolaa isaa keessaa kan bifa toluufi hin dulloomiin filatee dhiyeese.
Waaqayyos aarsaa Abeel ni jaallate. Yeroo kana Qaayel baay’ee gaddee osoo jiruu seexanni Gaardi’eel Jadhamu fakkeenya dargageessaatin itti dhufee “maaliif gaddita” jedhe innis wantaa ta’e hunda itti himate.
Yeroo kanas Gaardi’eel, “Maarree Abeeliin ajeesiitii dubartoota lamaanuu fuudhi,” jedheen. Duuti maal akka ta’e hin beeku waan tureef, “Akkamittan ajeesa?” jedhee isa gaafate. Yeroo kana seexanni akka inni aaruuf bifa arraagessaatiin waa Qaayel jalaa fudhate; innis aaree dhagaadhaan yoo rukkutu arraagessichi ni du’e. “Edaa kunis ni jiraa” kan jedhu dhaqee obboleessi isaa Abeel yeroo bishaan gadi jedhee dhugutti dhagaadhaan dhahee isa aijeese. Waaqayyo immoo Qaayeliin, “Abeel obboleessi kee eessa jira?” jedhee gaafate. Innis wanta godhe waan beekuuf, “Ani eegduu obboleessa kootii miti hin beeku,” jedhe. Waaqayyos, “Qaayeel maal goote? Dhiigni obboleessa kee Abeel lafarraa gara kootti iyya.” jedheen. Waaqayyos isatti ni dheekkame. Addaamis sababa kanaan gadda guddaa keessa bu’e. Booda garuu Waaqayyo Addaamiif bakka Abeel ilma ni kenneef. “Iddoo Abeel isa Qaayel ajjeesee, Waaqayyo isa kan biraa bakka naaf buuse,” jettee haati isaa Hewaan mucaa dhalateen ‘Seet’ jettee moggaafte. (Uum.4:1-15, Maat.23:35, Ibr.1 1:4; 12:24).
Guyyaan yaadannoo boqonnaa Abeelis Amajii 2. Galanni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u; hanga bara baraatti Ameen!

Addaamii fi Hewaan

Addaamii fi Hewaan
Addaam, nama Waaqayyo yeroo jalqabaa uume abbaa jiraattota hundaadha.
• Addaam jechuun kan baay’ee folollee ta’ee kan hin dheeranne, kan hin gabaabbanneefi bifa qabeessa bareedaa jechuudha; kan biyyoorraa uumame jechuudhas.
• Hewaan jechuun immoo haadha jiraattota hundaa jechuudha.
(Uum.3:20) Waaqayyo guyyaa Jimaataa, “‘koottaa akka bifaafi fakkeenya keenyaatti nama ni uumna’ jedhe.” (Uuma. 1 :26). Kunis dubbii jalqabaa Iccitii Sillaasee nu hubachiisudha.
• “koottaa …” kan jedhu sadummaa Sillaasee yoo
• “… jedhe.” kan jedhu immoo tokkummaa isaanii agarsiisa.
Waaqayyoo Addaamiin “nama uumna” jedhe.
Namni amalummaa foonii afuriifi amalummaa afuuraa tokko kan waan sadi of keessatti qabate irraa uumame. Waaqayyo sababa Addaamiin jaalatuuf erga uumama 21 uumeen booda isaan kaan irraa haala adda ta’een
• Harka isaan biyyoo lafaa irraa isa bobbocee uume (Uum. 2:7).
Akkuma abbaa gaariin dursee ijoollee isaatiif waan boru isaaniif barbaachisu qopheessuuf, Waaqayyos dursee wantoota bu’uura jireenyaa ta’an nyaataa-dhugaatii, bakka jireenyaafi uffata isaaf barbaachisu hundaa uumeef. Erga Addaamiin uumee Waaqayyo gooftaan
• “Namni kophaa isaa ta’uun gaarii miti kan isa gargaartu ni uumnaaf,” jedhe. (Uma. 2:18)
Addaam uumamee guyyaa saddeettaffaatti Hewaan immoo uumamte. Haalli uumama ishees Waaqayyo Addaamitti hirriba cimaa buusuudhaan, lafee cinaachaa isaa irraa fuudhee foon itti uffisee Hewaan nama waggaa 15 godhee uume. Maqaa ishees ‘Hewaan’ jedhe; hiikaan isaas ‘haadha jiraattota hundaa’ Addaamis yeroo hirribaa dammaaqu dubartii of cinaatti arge. Kanaan boodas, “Lafeen ishee lafee koo keessaa foon ishees foon koo irraa fudhatame, isheen kun nama irraa waan argameef ‘dubartii’ haa jedhamtu.
• Kanaafis, dhiirri abbaa isaafi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana, isaan foon tokko ni ta’u,” akkuma jedhame (Uuma.2:21-24).
• Addaam uumamee guyyaa 40 tti
• Hewaan uumamtee guyyaa 80 tti gara Jannata Edenitti galan.
Kanaafis, dubartiin durbaa deesse gaafa guyyaa 80fi dhiirri immoo deesse gaafa guyyaa 40tti mana kiristaanatti ni cuuphamu /kiristaanummaa fudhatu (Kuf.4:8).
Waaqayyoo, “Ija firii Jannataa Eden keessaa kan ‘tolaafi hamaa’ nama beeksiftu tokko hin nyaatiinaa” jedhee Addaamiifi Hewaaniin abboomee ture (Uum.2:17).
Kanas maaliif ajaje yoo jenne, Waaqayyo uumaa isaanii ta’uu; isaanis uumamtoota ta’uu isaanii akka beekaniif seera gidduu isaanii dhaabuu isaati. Akkasumas, asuma irraa soomni (laguu) namootaaf barbaachisaa ta’uu isaa ibsuu barbaadeti. Haa ta’u malee, namni abboommii Waaqayyoo ni cabse. Bofni haxxee waan turteef firicha akka nyaataniif Hewaaniin gorsa dogongorsiisaa gorsite.
Hewaanis abbaa mana ishee firii mukichaa nyaachifte. Yeroo sana Addaamiifi Hewaan qullaa ta’uu isaanii arganii saalfatanii mukkeen Jannataa keessa dhokatan; baala mukkeenitiinis of dhoksan (Uuma.3:1-7).
Waaqayyo hunda isaaniis balleessaa isaani ni gaafate. Hunduu sababa dhiyeessatani; Waaqayyos hunda isaanii ni adabe.
• Bofaan, “Umurii kee guutuu lafarra ni loota; biyyees ni nyaatta. Sanyii keefi sanyii ishee gidduuttis diinummaa taasisa, innis mataa kee ni rurukuta; atis koronyoo/gulubii isaa ni hiddita,” jedheen (Uum.3: 14-15).
• Hewaaniin immoo, “Yeroo ciniinsuu kee dhiphina kee nan baay’isa. Ciniinsuudhaan ni deessa. Erga deessee boodas fedhiin kee gara abbaa manaa kee ta’a; innis si bita. Firii ija sanaa akkuma dhangalaaste, dhiigni kee ji’a ji’aan ni dhangala’a,” jedheen.
• Addaamiin immoo, “Dafqa keetiin qotii dadhabii nyaadhu,” jedheen. Jannata Eden keessaayis baasee ni ari’e.
Addaamiifi Hewaaniis kadhanna cimaadhaan booda garaan Waaqayyoo ni laafeef. Waaqayyos dhiifama akka godhuuf waadaa galeef.
Waaqayyo, “Ilmaan ilmaan keessanirraa dhaladhee isinin fayyisa,’ jedheen. Gooftaanis waadaa isaa eegee waggaa 5500 booda nama ta’ee dhalate. Addaamii fi ijoollee isaa hunda dhiiga isaatiin fayyise. Jaalala ilma namaatiif qabus ni agarsiise. Dhala namaa hundas ni fayyise.
• Addaam lafa kana irra waggoota 930 erga jiraatee booda ni boqote (Uma 5:5).
Guyyaan yaadannoo Addaamii fi Hewaan Eebla 6 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa qulqulloota kanaan nutti haa araaramu; sugni isaanis nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Surafeel (Luboota Samii 24’n)

Surafeel jechuun afaan Ibraayisxiitiin hiikni isaa abiddoota jechuu yoo ta’u; luboota samiiti.
• Teessoo Waaqayyoo ni ulu (Mul’ 5:8).
• Mana qulqullummaa ishee samii keessa tajaajilu.
Waa’ee isaanis Raajaan Isaayyaas wayita dubbatu: –
• “Bara mootichi Uuziyaan du’e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka’aa irra taa’ee andaarri uffata isaas mana qulqullummaa guutee nan arge. Suraafeel isa gararraadhaan ni dhaabatan; tokkoon tokkoon isaanii koochoo ja’a ja’a qabu turan:
o koochoo lama lamaan fuula isaanii,
o koochoo lama lamaan miila isaanii ni golboobbatu,
o koochoo lama lamaan ammoo ni balali’u turan” (Isa 6:1-3)
Lubootni samii kun, lakkofsaan 24. Uumamni isaanis, qaama ifaa irrayi. Koochoo jaha jaha qabu tokkoon tokkoon isaanii.
• Koochoo lamaan fuula isaanii dhoksu, Waaqayyoon si ilaaluu hin dandeenyu jechuun.
• Kochoo lamaan luka isaanii dhoksu, fuula kee dura dhaabachuu hin dadneeyu jechuuf.
• Kochoo lamaan ammoo, gamaa gamana balali’uun qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhanii ultu/tsinaa warqii qabatanii teessoo Sillaasee ulu. Ixaanaan kadhannaa namootaa ol ni baasu
• “Ergamaan Waaqayyoo kan biraa tokkos qodaa ixaana itti arsaan isa warqee irraa hojjetame baatee dhufee iddoo aarsaa dhaabate. Iddoo arsaa warqee irraa hojjetame isa teessicha fuula duraa sana irratti kadhata warra Waaqayyoof qulqulaa’an hunduma wajjin akka inni dhi’eessuf ixaanni baay ‘een ergamichaatti ni kenname, aarri ixaanichaa kudhata warra waaqayyoof qulqullaanii wajjin harka ergamaa sanaa keessaa gara fuula Waaqayyootti ol ba’e “(Mul’ 8:3)
• Ergamoonni kunniin Gonfoo warqees kaawwatu. Yeroo hundaa Waaqayyoon ni galateeffatu (Isa 6:1; Mul’ 4:11)
• Yeroo hunda namootaaf araara ni kadhatu (Zak 1:12
• Sadaasni 24 Ayyaanna kabaja isaaniti.
• Isaan jiraattota malee warra duuti irra hin jirreedha.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni Suraafeeliis nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

yoosaad.com/orthodox