Tag Archives: Naabutee

Naabutee

Mooticha Aka’aab jedhamu tokkotu Israaa’eloota bulchaa ture. Waan hundumaa qaba. Haa ta’u malee, waan qabu kana hunda keessaa waan tokkotu itti mul’ate Qabeenya lafaa wayinii Naabutee jalaa fudhachuuf baay’ee gojoma’ee, “Dhaaba wayinii kana naaf kenni yookaan natti gurguri,” jedheen. Nubuteen immoo “Dhaala (hambaa) abboota koo kana siif dabarsee hin kennu, waan akkanaa Waaqayyo ana irraa haa fageessu,” jedhee dide. Kanaanis, mootichi muufatee midhaan nyaachuu bishaan dhuguus dide. Haati warraa mootichaa Eelzaabeel mootichi maal akka ta’e gaafatte, innis waan ta’e hundaa itti hime. Eelzaabeelis Aka’aabiin, “Kanaaf akkas gadditaa? Ati amma mootummaa Israa’elootaa bulchitaa? amma ka’ii midhaan boru ganamaan dhaqxee laficha fudhatta” jetteen.
Kanaanis Eelzaabeel xalayaa sobaa qopheeffattee, “Kunoo Naabuteen Waaqayyoofi mooticha arrabse,” jettee namoota sobaan irratti dhugaa bahanis qopheessite. Dhagaadhaan rukkutanii dhiiga Naabutee dhangalaasuun Naabutee sobaan ajjeesan. Du’a isaa yemmuu dhageessu mootittiin kaatetu mootichaan, “Amma Naabuteen du’eeraatii ka’ii dhaqi bilisaan lafa isaa dhaali” jetteen. Aka’aabis ka’ee gara dhaaba wayinichaa fudhachuuf dhaqe. Waaqayyo abbaan dhugaa iyyaafi gadadoo toloota isaa dhagahuufi ilaaluuf guyyaafi halkan kan hin jenne, yeroo hundaa gurri isaa kan gara iyya qulqullootaa ta’e, sagaleen isaa gara raajaa Eeliyaas dhufe! Sagaleen Waaqayyoo Eeliyaasiin akkas jedheen, “Ka’iitii gara mooticha Aka’aab dhaqi, inni wayinicha fudhachuuf achi jira; akkasis jedhiin, “ajeefteeti dhaalteetii akkuma saroonni dhiiga Naabutee lafaa arraaban dhiiga kees lafa irra ni arraabu jedhiin,” jedheen. Raaja Eeliyaasis ka’ee kanuma Aka’aabitti himu dhaqe. Raaja Eeliyaas waa’ee balleessaa isaa itti himnaan yeroodhaaf Aka’aab ni rifate; gaddee gadi jedhee adeeme. Waaqayyos rifachuu isaa argee garaa laafeef. Haa ta’u malee, waggaa sadii booda Sooriyaanotaan wal waraanuuf gama Iyyoosaafxii mootii Yihuudaatiin gaaffin dhiyaateef. Aka’aabis dubbii raajaa Miikiyaas “Lolaaf hin ba’iin ni moo’atamtu,” isa jedhu didee waraanaaf bahe. Waraana irrattis Sooriyaanotaan waraanamee ni du’e. Dhiigi isaas saragallaa keessatti gadi nam’e, saragallichas bishaan sagaagaltoonni itti dhiqataniin dhiqan. Akkuma Waaqayyo jedhetti dhiiga isaa sareen ni dhugde. Akkuma inni dhiiga nama qulqulluu gadi naqe sana, dhiiga mooticha Aka’aab sareen lafaa arraabde (1Mot. 22:38).
Eelzaabeel isheen gorsa badaa gorsitee sobaan Naabutee ajjeesiftee (2Mot.9:26). “Kunoo dhugaan Waaqayyo jiraataan akkas jedha, dhiiga Naabuteefi dhiiga ijoollee isaa dhugumaan kaleessa argeera, qonna Naabutee kana kessattan biyyee sitti deebisa jedha Waaqayyo” akkuma jedhamee barraa’e, isheenis raayyaa Iyyuutiin gamoo irraa gadi darbamtee duute. Yemmuu awwaaluuf ta’anittis, lukaafi barruu harkaa isheen alatti qaamni ishee ciccitee faca’eera hoo hin argamne. Akkuma raajicha Eeliyaasiin dubbatame, foon isheellee sarootni lafa Naabutee isa qulqulluu irratti nyaatan (2Mot. 9:37)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha Kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti; Ameen!