Tag Archives: QULQULLOOTAA

Waadaafi Araarsummaa Qulqullootaa

Waadaafi Araarsummaa Qulqullootaa
Waadaafi araarsummaan qulqullootaa yeroo hundaaf kan jiraatuudha. Kanas yemmuu jennuu, qulqullootni kan Waaqayyoon waliin walitti nama araarsan, yeroo lubbuun jiranis, erga boqotanis. Yeroo lubbuun jiranitti, araarsummaan isaan raawwatan hedduu kan ta’e fi seenawwan araarsummaa isaanis, kitaaba irraa baldhinaan kan hubannuudha. Araarsummaa qulqullootaa erga boqotani boodas ammoo kan itti fufu ta’u isaa
• Mul. 14:13 “Hojiin isaanii isaan faana bu’a jechuun qulqulluun Yohaanis mul’ataa isaa keessatti ibsee jira.
Dabalataanis, qulqullootni erga boqotanii booda araarsummaan isaanii kan itti fufu ta’uusaa, seenawwan kitaaba qulqulluu irraa nu hubachisan keessaa, muraasa qofa kaasun ni danda’ama. Isaan keessaa tokko. Raaja Eelsaafi seenaa namicha du’eeti. Raajaa Eelsaan yemmuu lubbuun turetti, nama du’e du’aa akkuma kaase. erga boqotee booda kennaan akkasii sun akka irraa hin fudhatamne, dabalees, nama biraa kan du’e akka kaase, seenaa kanaa gadii kana irraa ni hubanna.
• Ergasii Elsaan du’ee ni awwaalame,waggaa isatti aanee dhufutti ji’a birrati, saamtonni Mo’aab, biyya sana ni lixan, yeroo sanatti jarreen tokko nama awwaaluuf dhaqan warra saamtota sana erganii reeffa namicha holqa Elsaa’i itti awwaalametti ni darbatan. reefi namichaa garuu, lafee Elsaa’itti akkuma bu’en lubbuun isaa itti deebite, kanaaf: namichi ka’ee ni dhaabate (2Mot 13:20).
Akkasumas ammoo, yeroo fooniin turetti namoota gara Waaqayyooti araarsaa kan ture Abirahaam, (Uma. 20:7, Uma 18:25), erga boqote boodas hojii akkasii kana itti fufuu ta’uu isaa kitaabarraa ni hubanna. Kunis,
• Seenaa Alaazariifi Nawee ilaaluun ni danda’ama (Luq. 16:19). Duuka bu’aa
• Qulqulluu Yihudaan ergaa isaatiin kan ibse, (Yihuudaa 1:14), Heenook kitaaba isaarratti akkas jedha “iji koo bakka ergamootaafi qulqulluuwwan wajjin jiraatu arge, ilmaa namaafis cimsanii kadhatu” (Henook 9:22) jechuun araarsummaa qulqullootaa Ibseera.
• Gaara Taaboor irrattii Museefi Eeliyaas akka argamanii Iyyesuus wajjin dubbatan dhagahee Pheexroos, maaloo godoo sadii haa ijaarru. tokko Museef. tokko Eeliyaasiif tokko si’iif akkuma jedhe (Maat 17: l). (Muldhata Yohannis 6:9).
Waaqayyoo qulqulloota hundaaf waadaa galeeraaf.
• Kanan filadhe waliin waadaa seeneera” (Faar 88:3), akkuma jedhu, Waaqayyo namoota isaaf amanaman hundaaf waadaa galeera, jechuudha.
• Waadaan seene hin diigu waanan dubbadhe hin jijiiru. akkuman Dawititti hime yeroo tokko qulqullummaa kootti dubbadheera (Faar 88:34) jedha.
Waadaa qulqullootaa irraa akka fayyadamnu kitaabni:
• “Isaan xixinnaayyoo kana keessaa isa tokkoof maqaa duuka bu’oota kootiin bishaan qahbanaa’aa qofa kan obaasu, yoo jiraate dhugaa isinan jedha, gatiisaa hin dhabu”(Mat. 10:42).
Kana olittis, Gooftaan duuka bu’ootaaf, gaafa ardii fi samii dabarsuuf dhufu, akka isaan namoota irratti murteessanis aangoo kenneefii jira.
• Dhuguman isinitti hima kan na duuka butan isin dhaloota isa lammaffaatti ilmi namaa teessoo isaa kabajaa irra yemmuu taa’etti, isinis teessoo kudha lamaan irra ni teessu gosoota Israa’el 12 irrattis ni murteessitu (Maat 19:28)
Qulqullootni waadaa yemmuu lubbuun jiran kennameef sanatu, araarsummaaf gargaara malee erga du’anii booda soomuun, bu’anii ba’uun, dadhabuun ni jira jechuuf miti. Solomoonis,
• Namni tolaan (qulqulluun) erga du’ee booda, namoota hamoo lubbuun jiraatan irratti ni murteessa (Kitaaba ogummaa 4:16) jedha.
Raajaa Museenis immoo, Waaqayyoon yoo kadhatu.
• Abboota keenya Abrahaam, Yisihaaq Yaaqoob yaadadhu jedhee kadhateera (Ke. De. 13:14).
• Wangeela Luqaas 1:71 irrattis, “waadaa abboota keenyaa yaadate” jedha.
• Hojiin araarsummaa kan jiru garuu, hanga ardiifi samiin kun darbutti malee, sana booda ni dhaabbata (Hiz. 14:20).
Waaqayyoo yeroo nutti lubbuun jiruutti waan gaarii hojjenne gara isaatti deebinne dhaaltu mootummaa isaa hirmaattu maddii isaa kan bara baraa nuu haa taasisu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

kABAJAA qULQULLOOTAA

Kabajaa Qulqullootaa


Kabaja qulqullootaa jechuun warra Waaqayyoo isa qulqulluutti amananii eebbaa fi ulfina guddaa akka argataniif Waaqayyo kan isaan badhaaseedha.
Jechi qulqulloota jedhu afaan Gi’iiziitiin ቅዱሳን (Qiddusaan) jechuu yemmuu ta’u, afaan oromoottin immoo
• Galateeffamaa,
• Kabajamaafi
• Qulqulluu adda kan ta’e jechuu dha.
Jechi Qulqulluu (ቅዱስ) jedhu hunda dura kan ittiin waamamu ykn kan inni kennamuuf waaqayyo isa jiraataadhaaf. Qulqullummaan waaqayyo kan mataa isaati. Qulqulluun akka waaqayyoo hin jiru. Kitaaba qulqulluu keessatti waa’een kanaa barreeffamee jira. Fkn:
• 1Sam 2:2 irratti harmeen Saamu’eel Haannaan qulqulluun akka Waaqayyoo hin jiru jetteetti.
• S/Ba’uu 15:10 irratti Raajichi Waaqawoo museen qulqullummaadhaan kan ulfaate kan akka Waaqawoo hin jiru jedheera.
• Isa. 40:25 irraatti qulqulluu kan ta’e Waaqayyo eenyuutti fakkeeffama.
• Isa. 57:15 irratti immoo inni bara baraan kan jiraatu waaqa qulqulluu ol.
• Luq. 1:35 irratti humni Waaqa Abbaa si golbooba, Afuurri qulqulluun sirra bula, kan sirraa dhalatu immoo qulqulluu ilma Waaqayyoo jedhama.
• Luq. 1:49 Waaqayyo inni jabaan waan guddaa naaf godhe maqaan isaas qulqulluu dha.
Egaa kannneen kanaaf kana fakkaatan qulqullummaa waaqayyoo kan ibsan heddumminaan barreeffamanii jiru. Akkasumas immoo wantoota garaa garaaf jechi qulqulluu jedhu kennameefii kitaaba qulqulluu keessattii ni argina. Haa jiraatan iyyuu malee, qulqullummaan isaanii Waaqayyo kan mataa isaatii irraa kan kenneefiidha. Fkn.

  1. Jecha qulqullummaa jedhu mucaa namaaf kenneeraa.
    • S.Lew. 19:2, 1Phex. 1:13-15 ani waaqayyo uumaan keessan qulqulluu akkan ta’e isinis qulqulloota ta’aa jechuudhaan.
  2. Iddoo (ቦታ) dhaaf jecha qulqulluu jedhu kenneeraaf. S.Ba’uu 3:-5, Ivyaasuu 5:-25 irratti iddoo ati dhaabbattee jirtu qulqulluu waan ta’eef kophee kee ofirraa baafadhu jechuudhaan.
    • Tulluun gaafa sana fakkeenya mana kiristiyaanaa waan taateef manni kiristiyaanaa immoo iddoo qulqulluu waan ta’eef mana waaqayyootti yemmuu ol seennu kophee miilla keenyaa akka baafannu nu akeekkachiisa.
    • S.Ba’uu 36:1 Waaqayyo ogummaa fi hubannaa Baatsili’eelii fi Oliibaayiif dunkaana qulqulluu waaqavyoof akka hojjetaniif kenneef jedha.
    • 2S. Bara 7:15-16 irratti waaqayyo gooftaan mana qulqullummaa Solomoon ijaare ani filadheera; ani qulqulleesseera; iji koo yeroo hundumaa achi ilaala; gurri koos gara iddoo kadhannaa kana dhaggeeffata jedhee jira.
    • Far. 15:12 irratti mana kee isa qulqulluu sana keessa eenyuutu jiraataa? Jedhee dubbata.
  3. Guyyaa itti boqotee oole qulqulluu akka inni jedhamu godheera.
     S.um. 2:2-3 irraatti waaqayyo guyyaa isa torbaffaa ni eebbise; ni qulqulleesse. S/Lew. 23:3 iddoo jiraattu hundumaatti sanbatni guyyaa waaqayyo qulqulleesse waan ta’eef hojii foonii kamillee hin hojjetin.
  4. Meeshaaleen mana qulqullummaa keessaa waaqayyo ittiin tajaajilamu qulqulluu ni jedhama.
    • S/Ba’uu 30:26 kanan ittiin waaqeffamu dunkaana irraa ka’ee qodaa adda addaa mana koo keessa jiraatan dibata qulqulluu dibuudhaan akka isaan naaf qulqullaa’an goota jedhee Waaqayyo Musee ajaje.
    • Bau. 40:8-16 namni isatti bu’u ni qulqullaa’a ykn qulqullummaa ni argata jedhamee jira. Sirni kun dhalootaa hanga dhalootaattis ni jiraata.
    • Bau. 30:31 kanaaf har’a manni qulqullummaa haaraan yemmuu ijaaramu, qodaan mana qulqullummaa haaraanis yemmuu bitamu, dibatni kun ni dibama.
    • Meeshaa dibata kanaan dibamee qulqullaa’e jireenya dhuunfaadhaaf fudhachuun nama adabsiisa. Dan. 5:1
  5. Nyaata (ህብስት) Qurbaana mana waaqayyoo keessaa namaaf kennamu qulqulluu ni jedhama.
    • 2Sam. 21:4 Lubichi Abemelek Mooticha Daawwitiin Hibistii qulqullaa’e malee nyaata uummatni nyaatu hin jiru ittiin jedhe. Kunis immoo namoota qulqullaa’aniif kan kennamuu dha. Duuka bu’oonni kee qulqullummaa qabaannaan garuu fudhachuu ni danda’u jedhe.
    Egaa walumaa galatti jechoonni waa’ee qulqullummaa dubbatan kanneen kana fakkaatan kitaaba qulqulluu keessa baaveen ni jiru. Qulqullummaan kunis waaqayyoo isa qulqulluu irraa kan kennameefiidha. Waan qulqulluu ta’ee fi hin taanees seera isaa hundumaas ijoollee Isiraa’eeliin akka barsiisu waaqayyo Musee ajajeera. S/Lew. 10: 10