Tag Archives: ayyaanotaa ortodooksii

Waadaafi Araarsummaa Qulqullootaa

Waadaafi Araarsummaa Qulqullootaa
Waadaafi araarsummaan qulqullootaa yeroo hundaaf kan jiraatuudha. Kanas yemmuu jennuu, qulqullootni kan Waaqayyoon waliin walitti nama araarsan, yeroo lubbuun jiranis, erga boqotanis. Yeroo lubbuun jiranitti, araarsummaan isaan raawwatan hedduu kan ta’e fi seenawwan araarsummaa isaanis, kitaaba irraa baldhinaan kan hubannuudha. Araarsummaa qulqullootaa erga boqotani boodas ammoo kan itti fufu ta’u isaa
• Mul. 14:13 “Hojiin isaanii isaan faana bu’a jechuun qulqulluun Yohaanis mul’ataa isaa keessatti ibsee jira.
Dabalataanis, qulqullootni erga boqotanii booda araarsummaan isaanii kan itti fufu ta’uusaa, seenawwan kitaaba qulqulluu irraa nu hubachisan keessaa, muraasa qofa kaasun ni danda’ama. Isaan keessaa tokko. Raaja Eelsaafi seenaa namicha du’eeti. Raajaa Eelsaan yemmuu lubbuun turetti, nama du’e du’aa akkuma kaase. erga boqotee booda kennaan akkasii sun akka irraa hin fudhatamne, dabalees, nama biraa kan du’e akka kaase, seenaa kanaa gadii kana irraa ni hubanna.
• Ergasii Elsaan du’ee ni awwaalame,waggaa isatti aanee dhufutti ji’a birrati, saamtonni Mo’aab, biyya sana ni lixan, yeroo sanatti jarreen tokko nama awwaaluuf dhaqan warra saamtota sana erganii reeffa namicha holqa Elsaa’i itti awwaalametti ni darbatan. reefi namichaa garuu, lafee Elsaa’itti akkuma bu’en lubbuun isaa itti deebite, kanaaf: namichi ka’ee ni dhaabate (2Mot 13:20).
Akkasumas ammoo, yeroo fooniin turetti namoota gara Waaqayyooti araarsaa kan ture Abirahaam, (Uma. 20:7, Uma 18:25), erga boqote boodas hojii akkasii kana itti fufuu ta’uu isaa kitaabarraa ni hubanna. Kunis,
• Seenaa Alaazariifi Nawee ilaaluun ni danda’ama (Luq. 16:19). Duuka bu’aa
• Qulqulluu Yihudaan ergaa isaatiin kan ibse, (Yihuudaa 1:14), Heenook kitaaba isaarratti akkas jedha “iji koo bakka ergamootaafi qulqulluuwwan wajjin jiraatu arge, ilmaa namaafis cimsanii kadhatu” (Henook 9:22) jechuun araarsummaa qulqullootaa Ibseera.
• Gaara Taaboor irrattii Museefi Eeliyaas akka argamanii Iyyesuus wajjin dubbatan dhagahee Pheexroos, maaloo godoo sadii haa ijaarru. tokko Museef. tokko Eeliyaasiif tokko si’iif akkuma jedhe (Maat 17: l). (Muldhata Yohannis 6:9).
Waaqayyoo qulqulloota hundaaf waadaa galeeraaf.
• Kanan filadhe waliin waadaa seeneera” (Faar 88:3), akkuma jedhu, Waaqayyo namoota isaaf amanaman hundaaf waadaa galeera, jechuudha.
• Waadaan seene hin diigu waanan dubbadhe hin jijiiru. akkuman Dawititti hime yeroo tokko qulqullummaa kootti dubbadheera (Faar 88:34) jedha.
Waadaa qulqullootaa irraa akka fayyadamnu kitaabni:
• “Isaan xixinnaayyoo kana keessaa isa tokkoof maqaa duuka bu’oota kootiin bishaan qahbanaa’aa qofa kan obaasu, yoo jiraate dhugaa isinan jedha, gatiisaa hin dhabu”(Mat. 10:42).
Kana olittis, Gooftaan duuka bu’ootaaf, gaafa ardii fi samii dabarsuuf dhufu, akka isaan namoota irratti murteessanis aangoo kenneefii jira.
• Dhuguman isinitti hima kan na duuka butan isin dhaloota isa lammaffaatti ilmi namaa teessoo isaa kabajaa irra yemmuu taa’etti, isinis teessoo kudha lamaan irra ni teessu gosoota Israa’el 12 irrattis ni murteessitu (Maat 19:28)
Qulqullootni waadaa yemmuu lubbuun jiran kennameef sanatu, araarsummaaf gargaara malee erga du’anii booda soomuun, bu’anii ba’uun, dadhabuun ni jira jechuuf miti. Solomoonis,
• Namni tolaan (qulqulluun) erga du’ee booda, namoota hamoo lubbuun jiraatan irratti ni murteessa (Kitaaba ogummaa 4:16) jedha.
Raajaa Museenis immoo, Waaqayyoon yoo kadhatu.
• Abboota keenya Abrahaam, Yisihaaq Yaaqoob yaadadhu jedhee kadhateera (Ke. De. 13:14).
• Wangeela Luqaas 1:71 irrattis, “waadaa abboota keenyaa yaadate” jedha.
• Hojiin araarsummaa kan jiru garuu, hanga ardiifi samiin kun darbutti malee, sana booda ni dhaabbata (Hiz. 14:20).
Waaqayyoo yeroo nutti lubbuun jiruutti waan gaarii hojjenne gara isaatti deebinne dhaaltu mootummaa isaa hirmaattu maddii isaa kan bara baraa nuu haa taasisu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Guyyaan Ayyaanaa Maali?

Guyyaan Ayyaanaa Maali?
Ayyaanni guyyaa gammachuu, kabajaa, galataa, yaadannoo, boqonnaa, guyyaa yeroo kaan irra haala adda ta’een itti dabarsinuudha. Ayyaanonni hojiiwwan afuuraatiin, sooman, sagadaan, kabajamanis jiru. Jireenya bara baraa caalatti kan ittin hawwinuufi ittin yaadannuudha. Kakuu moofa keessatti, Israa’eloonni ayyaana garaa garaa kabajaa akka turan, barreeffamootni kitaaba qulqulluu keessatti argaman dhugaa bahu.
Ayyaana kabajuun kan eegalames, fedhii Waaqayyootiin akka ta’e Seera Uumamaa iraa ni hubanna.
• Uma 2:1-2 Waaqayyo guyyaa torbaffaa (sanbataa) hojii isa hunda irraa ni boqate.
Waaqayyo hojii isaa irraa boqote yemmuu jennus, dadhabee yookiin ittii dhihee yookiin haara galfiin isa barbaachisee osoo hin taane, kabaja guyyaa sanaa ibsee, nutis akka guyyaa sana boqonnee kabajnuufi. Guyyaawwan jiran keessaa, guyyaa adda ta’an ayyaana godhani kabajuunis, yeruma sana eegale. Kanaaf, ayyaana kabajuu kan eegale Waaqayyoo jechuudha. Haala kanaan, kakuu moofaa keessatti ayyaanni jalqabaa guyyaa sanbata xinnaa ture.
Abboommii Museef kenname irratis guyyaa sanbataa yaadadhu kan jedhame isuma kana. Dabalataanis, kakuu moofaa keessatti Yihuudoonni ayyaana Faasikaa/lrra-darbuu, Seewiit, Metsellet, guyyaa Malakataaf Faaggaa, guyyaa haaromsa mana qulqullummaa ayyaana Furiim fi ayyaanota biroos kabajaa turan, kabajuu irrattis argamu Yihuudonni ayyaana kan kabajan,
• hojii foonii hojjechuu dhiisuudhaan (Lew 23:3),
• aarsaa dhiheessuun (Lakk 28:9),
• gara mana qulqullumma dhaquudhaanifi kan kana fakkaataniini.
Kakuu haaraa keessattis, gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos ayyaanotaa gara garaa kabajuuf, gara Iyyeruusaaleemitti ba’aa akka ture barraa’ee jira. Fakkeenyaaf,
• Ayyaana Faasikaa kabajuuf, maatii isaa wajjiin gara Iyyeruusaleem dhaqee achumatti akka hafe ibsameera (Luq. 2:41-43).
• Yohannis 2:13 irrattis, gooftaan gara Iyyeruusaleem akka dhaqe ni ibsa.
Egaa, akka mana kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidootti, ayyaanotni akka
• Sanbattan lamaanii,
• Ayyaana gooftaa Iyyasuus Kiristoos gurguddoo saglan (jechuunis,
o guyyaa nama ta’ee gadaamessa Dubroo Maariyaamii keessa bule (Tisbi’iit),
o guyyaa Dhalootaa isaa,
o Cuuphaa,
o Hosaayinaa,
o Guyyaa Fannifamuu,
o Du’aa ka’uu,
o 0l Bahuu,
o Pharaqlixoos,
o DabraTaabor/Taaboree/) akkasumas,

• Ji’a keessatti ayyaanonni qannoodhaan kabajaman lakkofsan sadi yoo ta’an, isaanis
o Guyyaa dhaloota Gooftaa keenyaa yeroo hundumaa ji’a keessatti guyyaa 29,
o Yaadannoo haadha keenyaa qulqulleettii Dubroo Maariyaam, guyyaa 21 tti, akkasumas,
o Ergamoota keessaa kan qulqulluu hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel, guyyaa 12tti bakkaa fi nannoo kamittuu akka kabajamu qaban ta’eera.
Ayyaanotni kanneen biroon garuu, ji’a keessatti guyyaa tokkoo hanga sodommaatti kan jiran, ayyaanni waggaa isaanii kan kabajamuu fi uummanni dabrii sanatti tajaajilamu ji’a ji’aan kan kabajuudha. Mana kiristaanaa keenya keessatti, guyyaan hojiin qulqullootaa itti hin yaadatamne hin jiru. Waggaa hanga waggaatti, guyyaa tokkotti seenaa fi qabsuura isaan raawwataniin
walqabatee, qulqulloota hedduutu yaadatama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!