Qulqulluummaan Maalii?

Qulqullummaan Maali?
“Qulqulluu” jechuun kabajamaa; adda kan tahe; kan filatame jechuudha. Jechi kuni hundumaa ol kan ibsu Waaqayyooni.
• Isa 6:3 irratti Suraafeel, Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu Waaqayyo Gooftaa raayyotaa dacheen hundi kabaja keen guuttamte jedhanii, galateeffatu turan.
Oulqullummaan Waaqayyoo kan amaluummaati, kan ittiin morkatus hin jiru.
• 1Sam.2:2 kan akka Waaqayyoo qulqulluun hin jiru; kan akka Waaqa keenya tolaan hin jiru. isa malees, qulqulluun hin jiru” jedha.
• Mul’ata Yohaannis 15:3 irrattis, “kan maqaa kee hin kabajne eenyu? Ati qofti Qulqulluudha; hojiin tolooma kees waan ifa baheef, ormootni ni dhufu, fuula kee durattis ni sagadu” jedha.
• Isaayaas 40:25 irratti, egaa akkan ittiin qixxaadhuuf eenyun wal na fakkeessitan jedha qulqullichi” jedha.
• Haati keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiinis ammoo, “egaa amma irraa eegalee, dhalootni hundi kan galateeffamte naan jedhu, jabaa kan ta’e inni hojii guddaa anaaf raawwateeraatii, maqaan isaas qulqulluudha. Luq 1:48-49 jettee ragaa baateerti.
Kanaaf, qulqullummaan amaluummaa Waaqayyoo qofa kan ta’e, gosa uumamaa keessaa kamiifuu kan hin taane, uumamni kabaja hangamiiyyuu qabaatu, qulqullurnmaan isaa kan Waaqayyoon wal hin gitneedha.
Qulqullummaan cubbuurraa fagaachudha.Haa ta’u malee, jechi qulqulluu jedhu uumama qofa kan ibsu osoo hin taane, jalqaba bu’uurri isaa Waaqayyoof kan himamuudha. Waaqayyo ammoo, amaluummaa isaatiin qulqulluudha. Uumamni Inni uumees, akkuma amaluummaa isaanitti qulqulloota ta’anii akka jiraatan fedha.
• Lew. 19:2 “Ani Waaqayyoo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa”
• lPhex.1:15 “Inni isin waame qulqulluu akkuma ta’e, isiniis hundumaan qulqulloota ta’aa”jedha
Waaqayyo amaluummaa isaatiin qulqulluu fi cubbuun isaaf kan hin taane sadarkaa qulqullummaa isaas, uumamni hangana gaha jedhee dubbachun kan ibsamu miti.
Uumamoota keessa qulqullummaa kanan akka jiraatan Waaqayyoo kan gonfachiise ergamoota fi dhala namaa yoo ta’aan. Qulqullummaan dhala namaa garuu,yakkaafi cubbuu ,Addaam raawwateen kan irraa mulqame yoo ta’u, qulqullummaa isaa duraa sanatti deebi’uuf cubburraa fagaatee, addunyaa cubbuun guutamte kana moo’atee yoo hanga dhumaatti kan jiraatu ta’eedha.
Jecha qulqulluu jedhu kana bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’amaa.
l. Qulqulluummaa Amaluummaa: qulqullummaa Waaqayyoo qofaf ta’ee dha. Sababni isaas, Waaqayyo amaluummaa isaatiin qulqulluu waan ta’eef

  1. Qulqullummaa Kennaa: Qulqullummaan akkanaa kun kan Waaqayyoo fedha isaatiin uumama isaatiif kennu jechuudha.
    Uumamtoota qulqullummaa kennaa qaban immoo, adda adda qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Isaaniis:
    • Ergamoota qulqulluu,
    • namoota qulqulluu,
    • meeshota (mi’oota) qulqulluu,
    • guyyoota qulqulluu fi iddoowwan qulqulluu dha.
    Namoota qulqulluu kan jedhamanis immoo,
    • wareegamtoota qulqulluu,
    • toloota (dhugoomtota) qulqulluu,
    • hayyoota qulqulluu,
    • raajota qulqulluu fi kan biroos jedhamanii addaan qoodamu.
    Egaa sababa kanaaf, wangeela irratti qulqulluu Maatiwoos, qulqulluu Maarqos, qulqulluu Luqaas, qulqulluu Yohaanis, Pheexros, Phaawuloosii fi kkf jechuudhan, maqaa isaani dura jecha ‘qulqulluu’ jedhu aansuudhaan itti fayyadamna.
    Qulqullootni, amantaa isaanifi Waaqayyoof hamma dhumaatti amanamanii, wareegamaniifi maqaa Gooftaa Iyyesuus kiristoosiif jedhanii gidiru arganiifi maqaa isaatiin mootota addunyaa duratti himatamnii yemmuu dhiyaatanitti, soda tokko malee amantaa isaanii dhugaa ba’anii maalummaa amantaa isaanii biyya lafaaf kan labsan akaksumas, raajii baayyee raawwachuun, jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon tajaajilanii kan darbaniidha. Kanarraa kan hafes, addunyaa kana tuffachuudhaan, lafa gadaamii) keessatti bineensaa fi qorra diilallu’u danda’anii, Waaqayyoon galateeffachaa kan turan, oduu fi jaalala biyya lafaa kanarraa kan fagaatanidha. Akka barumsa mana kiristaanaatti, Waaqayyoo hojii gaarii qulqullootni kun raawwataniif, guyyaa boqonnaa isaanitti, isaan qofaaf osoo hin taanne firiin hojii isaanii uummata biraas akka fayyadu, waadaa addaa galeefi jira. Waaqayyo qulqulloota akka dhagahufi waadaa isaanis akka eeguuf caqasawwan ibsan keessaa muraasni:
    • Faar. 34: 15 “Iji lamaan Waaqayyoo gara qulqullootaati, gurri lamaan isaatiis gara kadhaa isaaniti”
    • Fakk. 10:24 “Fedhiin qulqullootaa ni laatamtiif’
    • Yaaq 5:16 “Kadhaan nama qulqulluu hojii isheetiin humna cimaa gooti, dirqanus ni raawwatti”
    • Fakk. 15:29 “Waaqayyo cubbamtoota irraa ni fagaata, kadhannaa qulqullootaa garuu, ni dhagaha.”
    • Faar. 140:2 “Kadhannaan qulqullootaa Waaqa biratti akka Ixaanu jaalatamaadha”
    Qulqullootni qulqullummaa isaanii eeganii hangaa dhumaatti yoo jiraatn, Waaqayyo ammoo, kabaja qulqullummaa isaanii kanaan hanga bara baraatti akka ittiin kabajaman ni taasisa. Qulqulluu Phaawulosis ergaa isaa irrati waa’ee kana yemmuu ibsutti,
    • Rom 8:30 “Dursee kan murteeffate isaan ammoo, ni waammate; warra waammate kana ammoo, ni toloomse; warra toloomse kana ammoo, ni kabaje…” jedhee qulqulloonni Waaqayyoon kan waamaman, kan filataman, ulfinnifi kabajni isaanii, isaan kan mirkanaa’eef ta’uusaa ibseeraa.
    Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *