Yaadannoo Qulqullootaa

Yaadannoo Qulqullootaa
Guyyaalee Waaqayyo qulqulloota isaa irra bulee hojii ajaa’ibaafi adda ta’e itti raawwatu, guyyaan sun guyyaa yaadannoo addaa ta’ee, kan itti yaadatamuufi kabajamuudha.
• Far.110/111:4 Ajaa’iba isaatiif yaadannoo teessifate jedhu,
Kunis guyyaa Waqaayyo hojii dinqisiisaa itti raawwate, wanta Waqaayyo guyyaa sana nuuf raawwate yaadachaa, dandeettii, ol’aantummaa, arjummaa isaa akka ittiin hubannuufi yaadannuuf akkasumas, qulqulloota inni guyyaa sana kabajee hojii addaa akka hojjetan taasise, kan itti yaadannuudha. Guyyichis, guyyaa ayyaana yaadannoo qulqullootaa jedhama. Qulqullootni haala kanaan yaadatamanis, amantaa isaaniif jecha warra gadadoo garaa garaa arganii darban yemmuu ta’u, isaanis, akkuma qulqulluu Phaawulos
• Ibr. 11:33 Isaan amantaadhaan mootota injifatan, qajeelina raawwatan, abdii kennames ni argatan, afaan leencotaa ni cufa, humna abiddaa balleessan, qara seefii jalaa ni miliqan, dadhabbina isaanirraa ni jajjabaatan, waraanan cimoota ta’an, raayyota alagaa ni ari’atan. Dubartoonni du’oota isaanii du’aa ka’uumsan simatan; warri kaanis fayyina argatan,du’aa ka’uumsa isa caalu akka argataniif hanga du’aatti reebaman; kanneen biroonis itti yaa’inamee reebamuun kanaan olittis hidhamudhan mana hidhaatti qoraman; dhagaadhaa reebamanii du’an, ni qoraman, magaaziidhaan baqaqsaman, seefiidhan ajjeefamanii du ‘an, hundumaa dhabanii gidiraa simachaa dhiphachuun kallee hoolaafi re’ee uffatanii jooran ;addunyaan kan isaanii waan hin taaneef gammoojjiifi tulluurra holqaafi boolla keessa jojooran. jedhe dubbate.
Yaadannoon isaanii kunis, fedha Waaqayyoo ta’uu isaa kitaaba qulqulluu irraa ni hubanna.
• Isa 56:4 Waaqayyo sanbatoota koo kan eegan wanta nama gammachiisanis kan filataniif, jecha waadaa xu’aashota koo qabaataniif akkas jedha “manaafi dallaa koo keessatti maqaa yaadannoo, ijoollee dhiirufi dubartii kan caalu nan kennaf, maqaa hin badness kan bara baraa kennaaf”jedha.

Jireenya biyya lafaa naannoo kamittuu namni kamiyyuu erga addunyaa kanarraa boqatee boodå, maatiifi ijoollee isaa biratti wanta gara garaatiin yaadannoon isaa ni raawvatamaaf. Fakkeenyaaf, namoota waan gaarii addanyaa kanarratti raawwatanii darbaniif, yaadannowwan akka siidaa, moggaasa mana barumsaa, hospitaalaa, magaalaafi kan kana fakkataniin dhaloota keessa akka hin irranfatamneef, maqaan ni kennamaaf. Yoo yaadannoon kan biyya lafaa akkana ta’a ta’e, dhimma amantaa isaaniif jecha Waaqayyoo isaaniif amanamanii, lubbuu isaanii dabarsanii kennan, qulqullootni ammoo, caalaatti yaadatamuu akka qabu eenyu jalayyuu kan dhokate miti.

Yaadannoon qulqullootaas akka seera mana kiristaana Ortodooksii Tawaahidootti kan raawwatamu: – Manni kiristaannas maqaa isaaniitiin Taabota moggaasuuun, kadhannaafi sirna kabaja ayyaana addaa qopheessuun, Xabala maqaa isaaniitiin moggaassun, xoofoo maqaa isaanitiin dhuguun, walumaa galatti, guyyaa yaadannoo isaanii sana gaarii kamiyyuu maqaa isaaniitiin raawwachuun yaadannoon isaanii raawwatama.

Yaadannoo qulqullootaa wanti adda taasisu ammoo, yaadannoon isaanii dhaloota tokko qofa irratti kan dhaabatu kan hin taaneefi bara baraaf kan itti fufu ta’uu isaati. Kanaaf macaafa qulqulluu keessatti,
• Faar.l1:6 “Yaadannoon tolootaa, baraa hanga baraatti”
• Ba’u 20:6 kan na jaalataniif; ajaja koos kan eegan hanga bara kumaatti dhiifama kanan taasisu ani Waaqayyoodha” jedha.
Kana jechuun isaas ammoo, araarri fi dhiifamni isaa bara kumaan qofa lakkaawamee kan daangeffamu osoo hin taane, hanga bara dhuma hin qabneef ta’uusaa ibsuufi. Yaadatamuun qulqullootaa ammoo, akkasumaan wanta bu’aa fooniifi lubbuuf hin qabneef osoo hin taane, namni isaan yaadatu waadaa isaaniif kennameen akka fayyadamuufi. Akkuma tolaan yaadatamu sun maqaan isaa bara baraaf jiraatu, warri (abbaan) yaadatu sun ammoo, suga qulqullicha sanaaf kenname ni argata, badiinsa fooniifi lubbuu jalaayis ni baraarama.
• Isa 65:8 Waaqayyo akkas jedha: akkuma wayniin yeroo zalalaa isaa irra jirutti eebbi isarra waan jiruuf hin balleesinaa jedhamu, hundumaayyuu akkan hin balleesineef, tajaajiltoota koofjedhee akkanuma nan raawwadha.
• Fak. 10:7 Yaadannoon tolootaa eebbafidha.
• Mat 10:41 Namni araarsummaa tolootaa, wareegamtootaa ykn qulqulluu tokkoo, hojii inni hojjete eebbaafi fayyina kan argamsiisu ta’uu isaa hubatee, waadaa qulqullicha sanaaf kenname irraa fayyadamuuf maqaa qulqullicha sanaatiin waan gaarii dalage, gatii qulqullicha sanaaf kenname ni argata jedha wangeelli.
Kunis ammoo, hojii yaadannoo qulqullootaa mana kiristaana (ortodooksii) keessatti taasifamuuf caqasa bu’uurati.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *