Guyyaan Ayyaanaa Maali?

Guyyaan Ayyaanaa Maali?
Ayyaanni guyyaa gammachuu, kabajaa, galataa, yaadannoo, boqonnaa, guyyaa yeroo kaan irra haala adda ta’een itti dabarsinuudha. Ayyaanonni hojiiwwan afuuraatiin, sooman, sagadaan, kabajamanis jiru. Jireenya bara baraa caalatti kan ittin hawwinuufi ittin yaadannuudha. Kakuu moofa keessatti, Israa’eloonni ayyaana garaa garaa kabajaa akka turan, barreeffamootni kitaaba qulqulluu keessatti argaman dhugaa bahu.
Ayyaana kabajuun kan eegalames, fedhii Waaqayyootiin akka ta’e Seera Uumamaa iraa ni hubanna.
• Uma 2:1-2 Waaqayyo guyyaa torbaffaa (sanbataa) hojii isa hunda irraa ni boqate.
Waaqayyo hojii isaa irraa boqote yemmuu jennus, dadhabee yookiin ittii dhihee yookiin haara galfiin isa barbaachisee osoo hin taane, kabaja guyyaa sanaa ibsee, nutis akka guyyaa sana boqonnee kabajnuufi. Guyyaawwan jiran keessaa, guyyaa adda ta’an ayyaana godhani kabajuunis, yeruma sana eegale. Kanaaf, ayyaana kabajuu kan eegale Waaqayyoo jechuudha. Haala kanaan, kakuu moofaa keessatti ayyaanni jalqabaa guyyaa sanbata xinnaa ture.
Abboommii Museef kenname irratis guyyaa sanbataa yaadadhu kan jedhame isuma kana. Dabalataanis, kakuu moofaa keessatti Yihuudoonni ayyaana Faasikaa/lrra-darbuu, Seewiit, Metsellet, guyyaa Malakataaf Faaggaa, guyyaa haaromsa mana qulqullummaa ayyaana Furiim fi ayyaanota biroos kabajaa turan, kabajuu irrattis argamu Yihuudonni ayyaana kan kabajan,
• hojii foonii hojjechuu dhiisuudhaan (Lew 23:3),
• aarsaa dhiheessuun (Lakk 28:9),
• gara mana qulqullumma dhaquudhaanifi kan kana fakkaataniini.
Kakuu haaraa keessattis, gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos ayyaanotaa gara garaa kabajuuf, gara Iyyeruusaaleemitti ba’aa akka ture barraa’ee jira. Fakkeenyaaf,
• Ayyaana Faasikaa kabajuuf, maatii isaa wajjiin gara Iyyeruusaleem dhaqee achumatti akka hafe ibsameera (Luq. 2:41-43).
• Yohannis 2:13 irrattis, gooftaan gara Iyyeruusaleem akka dhaqe ni ibsa.
Egaa, akka mana kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidootti, ayyaanotni akka
• Sanbattan lamaanii,
• Ayyaana gooftaa Iyyasuus Kiristoos gurguddoo saglan (jechuunis,
o guyyaa nama ta’ee gadaamessa Dubroo Maariyaamii keessa bule (Tisbi’iit),
o guyyaa Dhalootaa isaa,
o Cuuphaa,
o Hosaayinaa,
o Guyyaa Fannifamuu,
o Du’aa ka’uu,
o 0l Bahuu,
o Pharaqlixoos,
o DabraTaabor/Taaboree/) akkasumas,

• Ji’a keessatti ayyaanonni qannoodhaan kabajaman lakkofsan sadi yoo ta’an, isaanis
o Guyyaa dhaloota Gooftaa keenyaa yeroo hundumaa ji’a keessatti guyyaa 29,
o Yaadannoo haadha keenyaa qulqulleettii Dubroo Maariyaam, guyyaa 21 tti, akkasumas,
o Ergamoota keessaa kan qulqulluu hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel, guyyaa 12tti bakkaa fi nannoo kamittuu akka kabajamu qaban ta’eera.
Ayyaanotni kanneen biroon garuu, ji’a keessatti guyyaa tokkoo hanga sodommaatti kan jiran, ayyaanni waggaa isaanii kan kabajamuu fi uummanni dabrii sanatti tajaajilamu ji’a ji’aan kan kabajuudha. Mana kiristaanaa keenya keessatti, guyyaan hojiin qulqullootaa itti hin yaadatamne hin jiru. Waggaa hanga waggaatti, guyyaa tokkotti seenaa fi qabsuura isaan raawwataniin
walqabatee, qulqulloota hedduutu yaadatama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *