All posts by admin

Kiruubel

Kirubeel ergamoota teessoo Sillaasee baataniidha. Waaqayyo Kirubeel yemmuu uumu, mudhii isaanii olitti afur, mudhii isaanii gaditti ammoo, tokko taasisee uume. Isaanis, fuula afur qabu. Fuulli isaanis,
• Fuula namaa,
• Fuula leencaa,
• Fuula joobiraafi
• Fuula sa’aa dha.
Dursaa isaanis, kan fuula namaafi leencaa qabu muudeef; kunis, Kiruub jedhama. Isaan kun ammoo, fakkeenya lubootaati. Kanas, Miila isaanii irraa eegalee hanga mataa isaanitti ijaan kan guuttamaniidha. Waa’een isaanis akka armaan gadiitti Kitaaba Qulqulluu irratti barraa’ee jira.
• “Kunoo ani bubbee gara bitaatii dhufu, duumessa ulfaataa, ibidda boba’u, ifa naannoo isaatti ifus nan arge, gidduun ibiddichaas akka sibiila boraajii ni calaqisa ture. Ibiddicha gidduus fakkeenyi bineelladootaa afur ni ba ‘e. Bifni isaanii ammoo bifa namaa fakkaata Garuu, tokkoon tokkoon isaanii fuula afuriifi kochoo afur qabu. miilli isaanis qajeeladha, faanni miila isaanis akka kottee jabbiiti, akka sibiila boraajii isa qulqulleeffamees ni calaqqisa ture, kochoowwan isaanii karaa afuriin harka namaa fakkaatu qabu turan. afran isaaniituu fuula kochoos qabu. kochoowwan isaanis wal ni qaqqabu turan; isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman malee, gar tokkotti iyyuu hin jal’anne.”
• Fuulli isaanis akka kanatti fufee jiru fakkaata;
o fuula isaanii duraan hundumti isaanii fuula namaa fakkaatu;
o afran isaanituu gara mirgaa isaanitiin fuula fuula leencaa fakkaatu qabu,
o arfan isaaniituu gara bitaatiin fuula fuula saawwa fakkaatu qabu;
o afran isaaniituu gara dugda duubaatiin fuula fuula joobiraa fakkaatu qabu” (Hisq 1:4-10).
Isaan yeroo hunda dhala namaaf araara kadhatu. Waaqayyo teessoo isaa baatu yoo jennus, isatu isaan baata malee humnafi aboo Waaqayyoon baachuullee hin qaban. Kabajni Waaqayyoo isaan irratti muldhataaf malee.
• Manni kiristaanaa keenya ayyaana ergamoota kanaa Sadaasa 3 yaadatti.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni Kirubeelis nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti haa ta’u, Ameen!

Ergamaa Qulqulluu Faanu’eel

Haadhi keenya qulqulleettii Dubroo Maariyaam waggaa 3 booda gara mana qulqullummaatti yemmuu fudhatamtetti, lubni Zakaariyaas waa’ee nyaata isheef baay’ee yaadda’ee ture. Yaaddoon Luba Zakaariyas yeroo gabaabaa booda ni murame. Kunis, osoo mariirra jiranuu ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Faanu’el, xoofooo fi hibistii/bexela samii qabatee dhiyaate. Lubni Zakkariyaas ergamichi xootoofi hibistii qabatee dhufe kana kan fide isaaf se’ee fudhachuuf itti adeemnaan, ergamichi jalaa fagaate. Sana booda, itti aanaan isaas yemmuu ergamcharraa hibistii kana fudhachuuf jedhu, ergamichi kan jalaa fagaatu ta’e. Booda irra wanti Waaqayyoo hin beekkamu, mee daa’ima kanaaf ta’innaa laata jedhanii yemmuu dubroo Maariyaam kophaatti gatanii jalaa, ergamichi koola tokko afee koola tokkoon ammoo golboobee, dheerina nama tokkoon laffaraa ol fuudhee obaasen. Hibistichas soore.
• Haati keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam gara mana qulqullummaa kan seente Muddee 3 yemmuu ta’u, ergaman kunis, hibistii fi xoofoo samii kan fideef guyyuma kana.
Ergamaan qulqulluu Faanu’eel namootaaf gufuu kan ta’an Seexannaa ari’uudhaan, hanga Barbaanositti kan fageessudha. Mootiin Sooriyaa Walde Adeer Israa’eliin yemmuu of jala oolchu, Raaja Eelsas ta’ee ijoollee Israa’el baraaruuf Qulqulluu Faanu’eel, macca isaa waliin isaan keessa qubateera (2Mot 6:14. Kanaanis, ija diinaa balleessee, Eelsafi ijoolle Israa’eliif gonfoo moo’annaa itti uffisee, ija isaanii jalaa dhokateera. Ergamaan kunis, (1Mot 19:15) irratti akkuma dubbisnu, raajicha Eelsaa hirriba keessaa damaqsee bixxillee nyaadhu kan jedheenidha.
• Ayyaanni yaadannoo ergamaa qulqulluu Faanu’eel kan kabajamus, Muddee 3 fi Caamsa 3 dha.
Galanni Waaayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Faanu’eel nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti Ameen!

Ergamaa Qulqulluu Raagu’eel

Ergamaa Qulqulluu Raagu’eel
Raagu’eel jechuun ‘ajajaa/dursaa ifootaa’ jechuudha. Kunis, addeessa, aduufi urjiilee kan deddeebisu, ilma namaaf, biqilootaa fi uumamtoota hundaaf ifa kan sooru jechuudha.
Ammas, Raagu’eel jechuun jabaan jabootaa Waaqayyo jechuudha.
• Yemmuu haati keenya waggaa 64tti boqattutti, foon ishee gara Jannataa yemmuu fudhatamutti, kan waliin ture ixaanan kan uleefi hibistii kan soore ergamaa kanadha.
• Ifoota irratti kan muudameedha.
Addaamif dhaloota 7ffaa kan ta’e Henook akka dubbatutti, “qulqulloota ergamootaa keessaa tokko kan ta’e,
• Jinnii kan gadoo bahu Raagu’eel ifoota irratti muudame” (Dirsane Ragu’eel).
• Samii haaraafi dachee haaraa bakka buusuuf, addunyaa jijjiiruuf aboon kan kennameefiidha (kan onkololessaa).
• Loox ijoolleefi haadha warraa isaa waliin ibidda gamoorarraa/voolkaanoo jalaa kan baraare,
• Abaarsa Bala’aam gara eebbatti kan jijjiire isadha.
Fakkii qulqulluu Raagu’eel irratti kan ilaallus, joobbirri abbaa mataa afurii Kiruubel afran keessaa tokko, kan fuula joobiraati.
• Teessoo Sillaasee kan baataniidha, kunis, raaja Hizqi’eel akkuma ibsetti kan jiruudha.
“Kunoo ani bubbee gara bitaatii dhufu duumessa ulfaataa ibidda boba’u. ifa naannoo isaatti ifus nan arge, gidduun ibiddichaas akka sibiila boraajjii ni calaqqisa ture. Ibiddicha gidduus fakkeenyi bineelladootaa afur ni ba’e, bifni isaanii ammoo, bifa namaa fakkaata. Garuu tokkoon tokkoon isaaniifuula afuriifi kochoo afur qabu. miilli isænis qajeeladha, faanni miila isaanis akka kottee jabbiiti, akka sibiila boraaijii isa qulleeffamees ni calaqqisa ture, kochoowwan isaanii jalaa karaa afuriin harka namaa fakkaatu qabu turan; afran isaaniituu fuula kochoos qabu, kochoowwan isaanis wal ni qaqqabu turan; isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman malee,gar tokkotti iyyuu hin jal’anne Fuulli isaanis akka kanatti fufee jiru fakkaata; fuula isaanii duraan hundumti isaanii fuula namaa fakkaatu: afran isaaniituu gara mirgaa isaanitiin fuula fuula leencaa fakkaatu qabu, arfan isaaniituu gara bitaatiin fuula fuula saawwaa fakkaatu qabu: afran isaaniituu gara dugda duubaatiin fuula fuula joohiraa fakkaatu qabu”(Hizq 1:4-10)
Waaqayyo ergamaa kanaaf waadaa galeera. Kanaanis, Waaqa Raagu’eelii naaf araarami jedhee jecha tokko yoo dubbate, akka jaalatamaa koo akka Abrahaam, akka Yisihaaq, akka Yaaqoob kabajaa fi amanummaa nan kennaaf, gonfoo kabajaas nan gonfachiisa jedha. Bara dheeraa ji’oota dheeraas nan kennaaf jedha.
• Fulbaana tokko ammoo, ergamaa Raagu’eel ergamoota jiraniif afraffaa ta’ee kan itti muudameedha.
• Caamsaa tokko ammoo, Heenookiif iccitii guyyaa itti ibseedha.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Raagu’eel nu waliin haa ta’u, hanga bara baraatti Ameen!

Ergamaa Qulqulluu Uraa’eel

Ergamaa Qulqulluu Uraa’eel
Jechi Uraa’eel jedhu jechoota lama ‘Ur’ fi eel’ irraa kan dhufe yoo ta’u, Gooftaa Ifaa jechuudha Akka barsiisa mana amantaa Ortodooksii Tawahidootti,
ergamoota hangafoota 7’n keessaa tokko, qulqulluu Uraa’eli.
Qulqulluu Uraa’eel
• Bakakkaafi
• Calaqqisa irratti kan muudameedha.
• Callaqqisa nagaaf akka ta’u ni bobbaasa Kitaaba Henok 6:2.
• Qulqulleettiin dubroo Maariyaam yemmuu gara Misraatti godaantu kan karaa masakaa/qajeelchaa tureedha.
• Ergamaa Qulqulluun kun, haati keenya qulqulleettii Dubroo Maariyaam yemmuu lubbuun jirtutti, gara samiitti fudhatee jalqaba Jannata boodas, mana hidhaa daawwachiseera. Kanarraayis kan ka’e, haati keenya yeroo hunda warra cubbuu hojjetaniif kan boossu kan kadhattu taatee jirti. Yeroo isheen baqattuttis, gara Itiyoophiyaa masakee fideera. Biyya kennaa ishees akka taatu itti agarsiiseera.
• Kan hanqinni beekkumsaa mudateef kan akka Izraa Suutu’eeliif, xoofoo kan obaase qulqulluu Uraa’eli.
• Yeroo Gooftaan fannifamuttis, dhiiga isaa addunyaa hundarratti kan facaase isadha.
• Abbaa Giyoorgis isan Gaasicccaafi abboota biro hedduu xoofoo beekkumsa yookiis laphee obaaseera.
Ayyaanni isaas waggaattis al sadi ni kabajama.
• Amaijii 22 kan itti muudame.
• Bitootessa 27 kan dhiiga Gooftaa addunyaa kanarratti facaasefi
• Adoolessa 22 manni kiristaana isaa kan itti kabajameedha.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Uraa’eel nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti Ameen!

Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eel

Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eel
Ergamoota hangafoota torban keessaa tokko ana Rufaa’eelidha. (Xoobiit 12:13)
Rufaa’eel jechuun, jechoota Hibruu lama irraa kan dhufe yoo ta’u, jechi
• ‘Ruufaa’ jedhu qoricha jechuu yemmuu ta’u,
• ‘eel’ kan jedhu kun ammoo, maqaan ergamoota hundumaa akkuma dhuma irratti jecha ‘eel qaban kan maqaan Waaqayyoo itti ibsamuudha.
• “Ergamaa koo si dura nan erga…. maqaan koo isa irraa waan jiruuf…hin dheekkamsiisin” akkuma jedhu (Ba’u 23:20).
Ergamaan kunis,
• aboo gadameessa hiikuu (deessun akka hiikkattu gochuuf aboon kan kennameef).
• dhukkuboota hamoo garaa garaa irraa akka nama fayyisuuf aboon kan kennameefidha.
• Ergamoota hangafoota torban keessayis isa tokkoodha.
• Madaa namaa irratti kan muudame tokko Rufu’eel (Heenook 6:3 akkuma jedhu.
Ergamaan kun keessumattuu, ayyaanni yaadannoo isaa Qaammee 3 yoo ta’u ta’u roobni guyyaa kana roobus akka xabalaatti fudhatama. Namoota itti amananii xabala kana dhuganis dhukkuba garaa garaa irraa kan baraaru, rooba araaraati jedhamee beekama.
Ergamaan kuni, akka kitaaba Xoobiit irratti ibsametti, nama Xoobiit jedhamuuf ija badde kan bane yoo ta’u, intala Raagu’eel, Saaraa kan jedhamtu ammoo, Seexana Asmaandiyoos jedhamu hanga isheen dhirsa torba heerumtee dhirsa ishee torbanuu irraa ajeesaa ture, akka ishee gadi lakkisu kan taasiseedha. Seenan isaas akka armaan gadiiti.
Xoobiit bara mootii Faars Silminaasor kan booji’ame kan gosa Niftaalem irraa dhalate, nama jabaa ture. Waaqayyo jaalala waan kenneef, mootichi aangoo guddaa isaaf kennee ture. Booda Mootichi Silminasoor du’ee Sanaakirem yoo bakka bu’u garuu, Xoobiit aangoo irraa ni bu’e.
Xoobiit ilma tokko kan maqaan isaa Xoobiya jedhamus qaba. Xoobit dulloome waan tureef, ilma isaa Xoobiyaa waame wanta hojjechuu qabu adda baasee itti hime Yaa ilma koo, osoon hin du’in niitii barbaadadhu jedheen. Qarshii Gabaheel bira adaraan teessisee tures, osoo ani hin du’in dhaqii fidi jedheen. Xoobiyaanis tole jedhe. Xoobiyaan iddoo biyya qarshiin jiru waan hin beekneef, nama miiltoo ta’uuf barbaaddachaa ture. Yeroo kana Qulqulluu Rufaa’el biyya sana akka deemu, karaa biyyichaas akka nama beekuutti nama fakkaatee Xoobiyaaf of ibse. Xoobiyaanis, miiltoo isaa kana abbaa isaa Xoobitiif beeksise. Ergamichi garuu, maqaa isaatin osoo hin taane ani Azaariyasin jedhama jedheet wal-bareenii ture. Xoobitis, Azariyaasin “egaa adaraa inni ilma koo tokkicha, manaa bahees hin beeku jedhee galaa qabsiisee erge. Azaariyaas ammoo, karaa itti agarsiisaa deemaa oolanii dhumarratti laga Xeegroositti dhufan. Yeroo kana Xoobiyaan nafa dhiqachuu gara lagaa bishaan gidduu seenee osoo jiru, qurxummiin tokko itti dhufe. Azaariyaasis qurxumicha sana qabi, gadi hin dhiisin jedheenii, qabanii waliin baasan. Sana booda, ergamichi hadhooftuufi tiruu isaa kana sirriitti guduunfii qabi, kan hafe garuu, bilcheessinee nyaanna jedheen.
Xoobiyaanis, qurxummicha qalee hadhooftuufi tiruu akkuma ergamaan sun jedheen guduunfatee qabate. Xoobiyaanis, nama isa waliin jiru kanaan “Kana maaf qabadhu naan jettee” jennan, namni Seexanni irra bule yoo itti aarsan seexanichi irraa bada jedheen. Osuma karaa deeman Qulqulluu Ruufa’eel namichaan, hardha mana Raagu’eel bulla, innis fira keeti, Saaraa kan jedhamtu intala bareedduu qaba. Akka sitti herumsiisu ittan siif hima” jedheen. Xoobiyaan garuu, isheen namni ishee fuudhe hundi irra du’a ani ammoo, abbaa koof tokkicha yoon du’e warra koo nama awwaalu hin argadhu nan sodaadha” jedheen. Rufa’eelis, abbaan kee fira warra kee keessaa malee hin fudhin kan siin jedhe hindagatin” jedheen. Anoo qoricha sittan agarsisa atis hin duutu. hadhooftuufi tiruu qabatte kana itti aarsi Seexanichis ni isinis jabaadhaa Waaqayyoon kadhadhaa jedheen. Xoobiyaanis, kana dhaga’ee gammadee fuudhuf murteesse.
Yeroo achi gahanis, Raagu’eel gammachuun simatee wanta isaanii hundaa hubatee, fira isaanii tahuus ni bare. Hoolaa qalee jaalala isaa ibseef. Ati ilma obboleessa kootiti jedheen. Innis, isa guyyaa ergamaan itti hime sana yaadatee Saaraa intala kee kana akka niitii naaf taatuuf naaf kenni jedheen. Abaan Saaraas, tole. keetumaa fudhu” jedhe. Mana tokkos Saaraa waliin erga galanii “egaa akka Waaqayyo nu qajeelchu haa kadhannu” jedhee. Booda hadhooftuu fi tiruu sana itti aarse. Yemmuu Xoobiyaan hadhooftuu fi tiruu sana aarsu, Seexanni Saaraa abbaa warraa ishee fuudhaa turan irraa ajjeesaa ture, kan Asmaandiyoos jedhamu sun, battalumatti Saaraa irraa bahee dheesse. Sana booda, itti hin deebine. Guyyaa sanas, nagaan bulan. Fuudhafi heerumni isaanis ni raawwate. Kanaaf, ergamaan kuni ergamaa gaa’elaas ni jedhama. Guyyaa 14ffaa cidhi erga raawwatee booda, gara biyyaa deebi’an. Raagu’eelis, qarshii jedhame sanas kenneefii eebbisee gara biyya isaanitti erge. Xoobit garuu, ilmi isaa erga deemee guyyaa hedduu waan ta’eef, mana taa’ee wanta hedduu yaadda’aa ture. Wanta hamaanis ilma isaa akka karaarratti hin arganne shakke. Yeroo ilmi isaa dhufus, simachuuf fiigee dhufe, iji isaa hin argu waan ta’eef ni kufe. Xoobiyaan garuu, ija abbaa isaa sana hadhooftufi tiruu qurxumichaa sana yoo itti dibu, ijji isaa ni fayyiteef. Egaa, guyyaan kun guyyaa ergamaan ija Xoobiit itti bane kan yaadannuudha. Yeroo boodas, Xoobiyaa fi Xoobiit oolmaa kana hunda kan isaanii oole nama Xoobiyaaf miiltoo ta’e kana waamanii, gatii isaa hundumas kennuufii barbaadan. Yeroo kanas, ergamichi “Isin Waaqayyo keessan galateeffadhaa, ani ergamaadha, hojiin koos kadhannaa namootaa kan olbaasan ergamoota torban keessaa tokkoodha” jedhee of ibse. Isaanis, dubbii kana yemmuu dhagahan, ergamichaaf kufanii sagadaniif. Waaqa abboota keenyaa Gooftaa galateeffatan.
Qulqulluun kun gosa Manaabirtii jedhamuuf, dursaa ta’ee muudameera. Yeroo tokkos, duuka butoonni Gooftaa qulqulluu Rufaa’eel nutti agarsiisi jennaan, qulqulluu Mikaa’eeliifi Gabri’eel waliin waamee kabaja isaa ibseefii, suga Waaqayyo kenneefis ibseefii deebi’eera. Guyyaa kanas, manni kiristaanaa maqaa isaatiin moggaafame, jaarraa 4ffaa keessa qulqulluu Teewofilos isa Iskindiriyaatiin ijaarameera. Kan ijaarrame ammoo, dugda odola guddaa qurxummii fakkaatu irratti. Bataskaanni sunis, gargaarsa ergamichaan waggoota 300 tajaajileera. Galatni Waaqayyoof haa ta’u;
Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Rufaa’eel nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel

Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel
Gabri’eel jechuun, “ILma Waaqayyoo kan fakkaatu Gooftaafi tajaajilaa” jechuudha; Iccitii waloomaa “Waaqni nama taa’e; namnis Waaqa ta’e” jedhus qaba. Ergamaa Gabri’eeliin inni Raamaaa, dur yemmuu qorumsa Saaxinaa’eeliin ergamoonni raasaman, kan tasgabbeesse “Waaqa nu uume hanga argannutti tokkoon tokkoon keenya cimnee haa dhaabannu” jedhee, samii ergamootaa irratti Seexanaaf akka hin saganne kan tasgabbeesseedha.
Ergamaan kuni,
• Ijoollee sadan labooba ibiddaatti darbaman kan baase dha (Dan. 3: l).
• “Nagaan siif haa ta’u” jedhee missiraachoo haadha keenya dubroo Maariyaamitti kan himee dha (Luq 1 :28).
• Lubni Zakkaariyaas dubbii isaa amanuu didnaan, kan afaan lubichaa duuchuun/cufuun adabeedha (Luq 1:20).
• Fuula Waaqayyoo dura kan dhaabbatuudha (Luq 1:19).
Dhaabachuu jechuun, ergamuuf, nuuf kadhachuuf, ija Waaqayyoo keessa kan ilaaluudha.
• Qulqulluu fi Daa’ima kan ta’e Qiirqoosii fi Iyyaluuxaa abidda boba’u keessaa baasee, kan bishaan qabbanaa’aa akka daakan taasiseedha (Dirsaana Gabri’eelii).
Ayyaanota gurguddoo qulqulluu Gabri’eel keessaa kan Muddee 19 fi Adoolessa 19 haala adda ta’een kabajamu.
Muddee 19 kan yaadatamu seenaa Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’eliin kan walqabatudha. Nabukadanatsoor abbaa isaanii Iyyaaqeem waliin booji’ee, masara isaa keessatti guddisee isaan barsiise. Isaan namoota masara keessatti coomaafi daadhii isaaniif fidaniin “midhaan dheedhiifi bishaan qofa nuuf fidi kana hin nyaannu” jedhaniin. Namni isaaniif nyaata fidus, yoo huqqattanii isin arge anaan ammoo naan lola jedheen. Isaan agruu, “guyyaa 10 nuuf kenni” jedhanii guyyaa 10 dheedhiifi bishaan qofa dhuguudhaan, warra cooma yaatan caalaa cululuqaniiru. Baruumsa isaanii erga xumuranii boodas, Nabukadanatsoor isaan ni muude.
Nbukadanatsoor waaq-harkee warqee irraa hojjetame dhaabee, warri bulchiinsa isaa jala jiran hundi akka sagadaniif labsiidhaan ajajeen. Ijoolleen kun garuu, waaq-harkee harka namaatin tolfameef hin sagadnu jedhanii didan. Mootichis, kana yemmuu dhagahu isaan waamee akka waaq-harkee inni dhaabeef sagadan akeekkeachiise, yoo akkas gochuu baatan garuu, kan isaatii isaan baasu akka hin jirre isaanitti ni hime. Isaan garuu, Waaqani nu waaqeeffannu abidda laboobaa kana keessaa nu baasuu danda’a, harka kee irrayis nu baraara, kanaaf, hin sagadnu” jedhaniin. Innis, abidda laboobaa nama sodaachisu keessatti akka darbataman taasise. Qulqulluu Gabari’eel garuu, battala sana bu’ee muka fannootiin abidicha yemmuu tuqu, abidichi ni dhaame, uffata isaanii irrayyuu hin buune. Isaan abidda laboobu keessaa Waaqayyo waan isaan baraareef, sagalee isaanii olkaasanii Waaqayyoon galateeffatu ture. Nabukadanatsooriis yemmuu isaan galateeffatan sagalee isanii dhagahee, daddafee ka’ee “kan abiddatti darbine namoota sadi hin turree? Amma garuu, namootni afur yemmuu abidda keessa dedddeebi’an nan arga; homtuu isaan hin tuqne; inni afraffaan kun ilma Waaqayyoo fakkaata” jedhee, “kootaa bahaa” jedheeniira. Isaanis, fayyuma isaanii ni ba’an. Innis, Waaqayyof ni sagade; Waaqa isaanittis ni amane.
• Maqaan ijoollee kana sadanii inni biraas Sidraaq, Misaaq fi Abdinaagoo jedhamus (Dan 3:22).
Qulqulluu Gabri’eel, Adoolessa 19 haala addaatin ni yaadatama. Kunis, qulqulluu Gabri’eel Daa’ima kan ta’e Qiirqoosiifi haadha isaa Iyyeluuxaa guyyaa ibidda keessaa baasedha. Qulqulluu Qiirqoos, biyyi isaa Room Angebeenay yoo ta’u, abbaan isaa Qozmoos, haati isaa ammoo, Iyyaluxaa jedhamti. Bara Diyooqilxiyaanoos mootii ta’ee biyya bulchaa turetti, labsii manni kiristaanaa haa cufamu, manni waaq-harkee/Waaq-harkee haa banamu jedhu baase. Kunis, bara 303 yoo ta’u, yereoo kana kiristaanonni hedduun kan ajjeefaman gariin ammoo, kan biyyaa baqataniidha. Iyyaluxaanis, ilma ishee waggaa 3 qabattee, biyya Iqooniyoon jedhamutti baqatte. Kan biyya isheen itti baqatte bulchaa ture ammoo, Illeskindiroos jedhama. Illeskindiroosis, lyyeluuxaadhaan Waaqayyo dhiisiitii xaa’otatti buli jedheen. Isheen garuu. ija osoo qabu kan hin agarre, gurras osoo qabu kan hin dhageenye, atumti harka keetiin kan tolchite, ani waaqolii namni harkaan tolcheef hin sagadu” jetteen.
Yoo waaq-harkeef sagaduu didde ammoo, seyfidhaanin morma kee sirra mura jedheen. Yeroo kana isheenis, mee mucaa daa’ima kana gaafadhu jette deebisteef. Innis, “mucaannana, warqee heddu siifan kennaa xaa’ota kanaaf sagadi!” jedhee Qiirqoosiin gowwoomsuu barbaade. Qulqulluu Qiirqoos garuu, afuurri Waaqayyoo waan irra buleef, “ani kan ofii isaanituu baraaruu hin dandeenye, waaq-harkeef hin sagadu”jedhee diduun, waa’ee amantaa isaa ragaa ba’e yeroo kanas, mootichi dallanee gaanii/manqallii guddaatti bishaan danfisaatii keessati isaan affeelaa jedhee ajaje. Sagaleen danfa bishaanichaas fagootti dhagahama ture. Yeroo kana, lyyaluxaatti sodaan dhagahamnaan, daa’ima kan ta’e Qiirqoos, haadha koo jabaadhu, du’a lammataa hin duunutii, duraan Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’elii kan ibidda keessaa baase, Waaqayyo ergamaa isaa nuuf ergee nuunis nu baraara jedheenii jajjabeessee, gara bishaanicha danfaa jirutti masakaa/qajeelchaa ture. Isheenis, yeroo kana kutattee sodaa ishee hundumaa balleessitee gara kuteenyan wareegamuuf, gara bishaan danfaa jirutti waliin seente.
Yeroo kanas, Waaqayyo ergamaa qulqulluu Gabri’eel ergee Fannoo isaatiin yemmuu bishaanicha tuqu, bishaanichi ni diilallaa’e. Qaama isaanis ta’ee uffata isaanii irra, wanti hamaan tokkoyyuu tasumaa hin geenye. Warri naannoo sana turan kan ajaa’iba ta’e kana daawwatan, Waaqa lyyaluxaafi Qiirqoositti amanuudhaan wareegamanii jiru.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Gabri’eeliis nu waliin haa ta’u. hanga bara baraatti. Ameen!

Ergamaa Qulqulluu Mikaa’eel

Ergamaa Qulqulluu Mikaa’eel
Hiikaan jecha Mikaa’eeli jedhu,” kan akka Waaqayyoo eenyu?” jechuudha. Ergamaa qulqulluu Mikaa’eel, ergamoota jiran hundumaaf hangafa ta’ee kan muudameedha.
• Ergamaan kun kan Luba Iyyaasuu gargaare (Iyyaasu 5:13),
• kan Isra’eloota yemmuu Misraadhaa gara Kana’aanitti imalan masakaa/gaggeessaa ture dha.
• warra Amooriyaanotaa kuma saddeettama ajjeesuun, Hizqiyaasin kan gargaaredha (Isa 37:36).
• Raajaan Daani’eelis, waa’ee ergamaa kanaa dubbateera akkas jedhee; “Kunoo warreen hangafoota jajaboo keessaa tokko, Mikaa’eeliin na gargaaruuf dhufe (Dan. 10:13). Akkasumas,
• “Bara sanatti waa’ee ijoollee saba keef kan dhaabatu inni hangaftichi Mikaa’eel ni ka’a” jedhamee barraa’eera (Dan 12:1).
• Ergaa Yihuudaa irrattis (Yihudaa lakk.9), hangafti ergamootaa Mikaa’eel garuu, yemmuu Diyaabiloos waliin wal mormu; waa’ee foon Musee yemmuu dubbatu “Gooftaan si haa ifatu” jedhe malee; jecha arrabsoo dubbachuuf hin feene jedhee, waa’ee obsa qabeessummaa ergamaa kanaa dhugaa baheera.
• “Kana booddee, samii keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajiin bineensa akka jawwee sanaan ni Iole, bineensichi akka jawwee sunis, ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni Iole. Bineensichi mirga hin arganne deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin argamneef” (Mul’. 12:7)
Kanaaf, samiiwwan ergamootni jiran hunduma irratti, ergamoota hundumaaf angaafa ta’ee muudamuu ergamaa kanaa, sadaasa 12 manni kiristaana keenyaa ni yaadatti. Guyyaa kanas,
• Bifa loltuutiin ilma Nawee Iyyaasutti kan muldhateedha lyyaasuu (5:13).
• Israa’eloota masakee baasuun kana’aanitti galchuu isaas, guyyaa itti yaadatamuudha (Ba’u 14:15).
Waggaa keessatti akkasuma, ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Waxabajii 12, haala adda ta’een ni yaadatama. Taabonni isaas, ni ba’a. Guyyaa kana
• Qulqulluu Mikaa’eel Afoomiyaa harka Seexanaa jalaa kan itti baasedha.
Afoomiyaan, haadha warraa nama Astaaraaniiqoos jedhamu kan biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraata turaniidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan ture. Kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote ni Obaasu, qarshii isaanis rakkataaf maqaa Qulqullu Mika’eliin ni kennu ture. Abban warra Afoomiyaa gaafa dhibamu akkas jetteen, “Dubartiin erga abbaan warraa irraa du’ee rakkachuun ishee hin hafu, anis akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu, waan tokko hin qabu, kanan ittiin kadhadhu fakkii qulqulluu Mika’eel kaasisiitii naaf kenni jetteen. Innis, fakkii Qulqulluu Mika’el, meetii fi warqii irraa hojjisiisee kenneef. Abbaan warraa Afoomiyaas, yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame, Afoomiyaan erga inni du’ee booda, halkanii-guyyaa Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyyaa guyyaattis hojii hafuuraan gudachaa dhufte. Fuula fakki Qulqulluu Mikaa’eel kana durattis sagadaa turte. “Eegumsi kee ana irraa hin fagaatin” jettee kadhatti turte. Rakkataa gargaaruus, guyyuma guyyaan hojii godhateetti. Yeroo kana Seexanni itti hinaafee, hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf, hinaafee Manguddoota fakkaatee, daa’ima qabatee gara mana ishee dhaqe. Gargaartuun ishees, akka namni ishee barbaadu itti himte, Afoomiyanis yemmuu isaan agartu, “kootta ol seena waliin Waaqayyo kadhanna” jettee, gara mana fakkiin Mikaa’eelii jiruu sanatti waamte. yeroo sana, “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii deebisannif. Ammas wanti ati gootu kun gaarii miti guyya dulloomte kan si gargan hin jiru horii kee Of duraa akkanumaan hin fixin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu; nuti dursinee siifis, nuufis kadhanne dhufne” jedhaniin.
“Ammas koottu haatii warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti kanaaf koottu isaaf si heerumsiifna, akkamitti erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu jetta?” jedheen, tokko keessa jaarsa
fakkaatee. Isheenis deebiftee, “ergaa kitaabni qulqulluun jedhe nan beeka; bullallaan ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee, dhiira biraa bira hin geessu, yoo dirqama itti ta’es, hiriyoota ishee wajjiin ajeefti, ati akamitti akkas jetta? kun hojii Seexanaati malee kan kiristanaa miti” jetteen. Isheenis, “Koottu dhuguma jaarsa dhugaa yoo monoksee taate, fakki Mikaa’eel kana dhungadhu” jettee yoo itti fiddu, Seexanichi koola baase. “na moo’atte, Mikaa’eela Waxabajiitti balaan sitti buusa. na eegi “jedhee itti dhaadatee achii bade. Ji’a kurnaffaa irratti Qulqulluu Mikaa’eel fakkaatee, askeemaa godhatee, harkatti ulee fannoo of irraa hin qabne qabatee halkan walakkaa rafaa isheen lafaa jirtutti, gara Afoomiyaatti dhufe. “Afomiyaa, akkam jirta? Soomni fi Kadhannaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee jira, kunoo, Waaaqayyootu na erge jedheenii, gara manaa isheetti ol seene. Waaqayyos; baay’ee sitti gammade” ittiin jedhe. Afoomiyaanis “Ati eenyu? maqaan kee hoo eenyu jedhama?” jetteen. Innis, “Ani Qulqulluu Mikaa’eeldha, yeroo Seexanni si dogongorsuuf dhufee, guyya kanas, Mikaa’eelli bakka biraa deemuuf dhufeen si balleesa jedhee sitti dhadatee ture, anis kanumaafaan si baraaruuf samii irraa dhufe” jedheen.
“Ammas, naaf sagadi, siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe” jedheen. Isheenis, erga Qulqulluu Mikaa’eel taatee, maaf uleen kee fannoo of irraa hin qabne ree? kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?” jetteen. Innis sobee, “Lakkii samiirra kun hin jiru” jedheen. Isheenis deebiftee, lakki chaappaa mootii malee kannama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo malee si hin amanu jetteen, kunoo, erga dhugaa Mikaa’eela taatee dhungadhu jettee, fakkicha sana itti fiduuf kaate. Yeroo kana aaree seexanummaa isaa bifa isaa jijjiiree itti muldhisee, ka’ee ishee hudhee ajjeesuuf qabate. Yeroo kana isheenis, “yaa Qulqulluu Mikaa’eel, humna diinaa harkaa na oolchi” jettee yoo iyyattu, Qulqulluu Mikaa’eel dhufee, rukutee lafatti kuffise. Seexannis, “maaloo, hanga addunyaan kun darbutti na hin balleessin”, jedhee kadhate. Seexannis kana booda, iddoo maqaan kee dhahamuufi fakkiin kee jiru gonkumaa hin gahu jedheefi kakate. Sana booda, Qulqulluu Mikaa’eeliin gara Afoomiyaatti deebi’ee kadhannaan kee siif dhagahamee jira; gara mana kiristaanaa deemii kadhadhu, lubbuun kee ni boqatti jedheen. Lubbuu kees gara abbaan warraa kee Astaaraaniqoos jirutti nan geessa jedheenii, gara samitti ol ba’e. Afoomiyaanis, Phaaphaasii, lubootaafi diyaaqonoota manatti waamtee waan qabdu hunda rakkataadhaa akka kennan taasifte. Abbootnis, kadhannaa akka isheef taasisan gaafatte. Isaanis, kadhannaa taasisaniifii, fakkicha qulqulluu Mikaa’eel sana yoo dhungattu, fakkichi koola baase balali’ee gara mana kiristaanaa Qulqulluu Mikaa’eel jirutti dhaqee ofumaan taa’e.
Guyyuma kana ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Baahiraaniin xalayaa du’aa isaa jijiiree gara jireenyaatti kan deebisefidha. Iskindiriyaatti, bara mooticha Baxlimoos ilmi isaa Akluubixraa jedhamu, waaq-harkee guddaa dhaabee aarsaa dhiyeessaafii uummannis isa aarsaa dhiyaate sanarraa nyaatee dhugee, waggaa waggaadhaan dhiichisaafi harka dhahaa kabaju ture. Booda garuu, yemmuu Qosxenxiinoos manneen waaq-harkee haa cufaman; manni kiristaanaa haa ijaaraman jedhetti, phaaphaasiin Masrii Illeskindiroos iddoo xaa’ota Zuhaal jedhamu sanatti, bataskaana ijaarsisannii Taabota Mikaa’eel itti galchan, kabajni ayyaana zuhaalis kanaan bakka bu’e.
Abbaan Baahiraan warra ayyaana qulqulluu Mikaa’eel kabajan keessaa tokko ture. Yemmuu du’us, haadha warraa isaatiin ayyaana qulqulluu Mikaa’eel keessumattuu, kan Sadaasaa fi Waxabajjii akka kabaju itti himee du’e; yemmuus Baahiraanin ulfa turte. Ollaa isaanii garuu, namicha sooressa keessummaa hin jaallanne, ayyaanas hin kabajne tokkotu ture. Guyyaa Baahiraan dhalatus, eragmootni Mikaa’eeliifi Gabrii’eel mucicha eebbisanii, haadhaan “qabeenya namicha sooressa ollaa keessanii kana kan dhaalu mucaa kana” yemmuu jedhaniin, namichi sooressi ollaa kun waan dhagaheef, haati isaa waan mucaa kana ittiin guddistu yemmuu dhabdu, mucicha nan guddisa jedhee, isheedhaaf warqee waqeetii 20 kennee mucicha fudhate. Sanduuqa keessa godhees bishaan irratti gate.
Saanduuqa sana garuu, namni hoolota tiksu tokko argatee bane yoo ilaalu, mucaadha. Yem mus, daa’ima baay’ee barbaada waan ta’eef, fudhatee wanta nyaaturraa nyaachisaa, wanta dhugurraayis obaasaa, fudhatee guddifate.

Guyyaa tokko sooressi sun daldalaaf biyya biraa yemmuu deemu, itti dhihee mana namicha kanaa bule. Naamichis, mucaa kanaan Bahiraan, Bahiraan jedhee yemmuu waamu dhagahee, “Baahiraan jechuun maal jechuudha” jedhee gaafate. Innis, “kan bishaanirraa/galaana/ argame” jedhee seenaa isaa itti hime. Yemmuus, namni sooressi kun “edaa hin dune ni jiraa?” jedhee, akka waan meeshaa manatti irraanfateetti, maaloo, ilma kee kana akka naaf ergamu godhi; gatii dadhabbii isaa anatu siif kaffala jedheen. Innis, xalayaa “yemmuu
achi gahe ajeesaa” jedhu barreesisee, sobee dhungatee erge.
Bahiraan guyyaa 9 imalee gahuudhaaf guyyaan tokko qofa yemmuu isa hafu, qulqulluu Mikaa’eel dursaa loltuu fakkaatee, loltootas of duuba hiriirsee farda irra taa’ee, gara isaatti dhufe. “Nama eessa deemta?” jedhee, Bahiraanin gafate, Innis, “ergaan fuudhee deema” jedheen. “Mee natti agarsiisi” jedheen.
“Lakki namatti hin agarsiisin jedhameera” jedheen. “Tahus, osoo hin banamin akkanumatti natti agarsiisi” jedheen. Yeroo kana, afuura isaa if itti jedhee, xalayaa du’aa sana kan jireenyaatti jijjiirefii, Baahiraan fuudhee deemee, itti naafatamaa mana namichaatti kenne. Yemmu bira gahus, xalayichi “intala koo itti herrumsisaa, qabeeya koos dhaalchisaa, gargaartonni koos haa bitamaniif’ kan jedhu ture. Chaappaa goofticha isaatin waan chaappeffameef, akkasuma ta’eef.
Namichi sooressi sunis daldalaa yemmuu deebi’u, “maalinni dhiichisnifi taphni kuni hundi” jedhe. Isaanis, “gurban ati ergite, intala kee fudhee, qabeenya kees dhaalee, kunoo guyya 40’f cidha isaati ni taphatama” jedheen.
Yemmuu kana namichi rifatee, farda irraa kufee du’eera. Baahiraanis kuni hundi gargaarsa ergamaa qulqulluu Mikaa’eelin akka ta’e hubatee, lubummaa fudhatee bataskaana ijaarsiseera.
Galatni Waaqayyoof haa ta’u; Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Mikaa’elis nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Waa’ee Ergamoota Waaqayyoo

Waa’ee Ergamoota Waaqayyoo
Ergamootni guyyaa dilbataa amala akka qillensaafi ibiddummaa qabaniin kan hin jirre irraa, gara jiranitti kan dhufaniidha/uumamaniidha.(Far.104:4)
Waaqayyo halkan Dilbatatti barii sa’aatii 9ffaa irraa eegalee,ergamoota gosa 100 godhee uume. Baay’inni ergamoota gosa tokkoo qofti, hanga baay’ina copha roobaa addunyaan uumamee hanga dabartutti jiranuuti.
Kanaaf
• sammuun namaa baay’ina isaanii lakkaawee bira hin gahu (Iyyoob 25:3; Erm 33:22).
Waaqayyo isaan uumee, gosa 10’n kudhaniin magaalota /samii 3 irra qubachiise (Kitaaba Aksimaaros). Isaanis,
• Iyyoor,
• samii Raamaafi
• Samii Erer jedhamu.
Waaqayyo ergamoota erga uumee booda, jalaa dhokate. Beekumsa qabaniin barbaadanii isa akka argataniif. Saaxinaa’el/Seexanni/ hangafa ergamoota hundaa ture; Waaqayyo isaan jalaa dhokachuu arginaan, sobaan anatu isin uume; anaaf sagadaa jedhee ergamootatti dubbate. Kanaanis, gadi darbatame, hangafummaan isas Qulqulluu Mikaa’eelif kenname.
Lolli guddaan samiirratti ta’e Mikaa’el ammoo, raayyaa isaa waliin Seexana ni moo’e. Ergamoonni afuurota, hin fuudhan hin heeruman, wal hin horan, saala hin qaban, hin du’an, hin dullooman.
• Ergamootni ga’een isaanii inni guddaan, boqonnaa malee Waaqayyon galateeffachuu, ergamuu, kadhannaa fi aarsaa amantootaa gara Waaqayyoo
• Olbaasu (Duuk.10:4, Xoobit 12:15, Mul.8:4),
• Ergamootni ni araarsu (Mi 18:10, Zak 1:12).
• Ergamootni missiraachoo himu (Luq. I :26).
• Yeroo dhiphinnaa nuuf qaqqabu, nu fayyisus, balaa jalaa nu oolchu (Faarfannaa 33/34:7)
• Ergamootni nama akka ajaja Waaqayyootti hin adeemne ni adabu (Bau 3:20, Lakk. 22:22-31, 2Sam 24:16,).
Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoosis akka dhalatu, kan Qulqulleettii Dubaroo Maariyaamitti hime ergamaa Gabri’eelidha jenneerra. Yemmuu itti himus, galateeffannaafi jechoota kabaja ibsanitti fayyadamuudhan, misraachoo itti hime. Wangeela Luqaas irratti akkuma ibsame, ergamaan kun gara Luba Zakariyasitti ergamee “Zakkariyaas, baga gammadde kadhannaan kee dhagahameera, haati warraa kee ni ulfoofti; ilmas ni deessi maqaan isaas, Yohaannis jedhama” jedhee yemmuu itti himutti, Zakaariyaas “ani manguddoo dadhabaadha yeroon daa’ima itti dhalchuu danda’us darbeera” jedhee yoo deebii deebisuuf, ergamaan Gabr’eeliinis “waan dubbii koo amanuu diddeef, hanga kanan ani sitti hime kun ta’utti, arrabni kee duudaa ni ta’a” jedheenii jira (Luq 1:8-21).
• Du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus namootaaf kan ibsan, akkasuma ergamootadha (Mat 28:5-7,Yoh 20:11-14).
• Mana hidhaas banuudhaan kan duuka bu’oota gooftaa hiikan, ergamtoota (Duuk.5:19).
Kanuma hundaaf, manni kiristaanaa keenya ergamoota ni kabajji, araarsummaa isaanittis ni amanti. Ni oolchu kan jedhuuf ammoo, Faarsaa Daawit akkasitti ifa godhee kaa’eera.
• “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaataniitti ni buufata, inni isaan ni oolchas” Far 34:7. Jedha.
• Qulqulluu Phawuloosis, gooftaan ergamaa isaa ergee akka harka Heeroodisiifi ummata Yihuudootaa Phaawuloos irratti hammeenyi akka ta’uuf irraa akka baraare, barraa’ee jira (Duuka 12:11).
• Seera lakkoofsa 20:16 irrattiis “Nutis ni iyyine, Waaqayyos ergamaa isaa ergee nu baase “jedha.
Waaqayyo ofii isaatii ajjeesuufi fayyisuu gargaarsa tokko malee ni danda’a. Haa ta’u malee, ergamoota isaatiif aangoo kenna, isaanis ajaja Waaqayyootiin ni oolchu, ni fayyisu, ni ajjeesus.
Ni ajjeesu kan jedhuuf ammoo, kitaaba qulqulluu irraa fakkeenya yoo fudhanne: Hizqi ‘eel yeroo Sanaakireemin sodaachifametti, ergamaan Waaqayyoo Hizqi’eel akka gargaree, Sanaakireemis akka moo’ame ni hubanna(2Sen 32:21).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Waadaafi Araarsummaa Qulqullootaa

Waadaafi Araarsummaa Qulqullootaa
Waadaafi araarsummaan qulqullootaa yeroo hundaaf kan jiraatuudha. Kanas yemmuu jennuu, qulqullootni kan Waaqayyoon waliin walitti nama araarsan, yeroo lubbuun jiranis, erga boqotanis. Yeroo lubbuun jiranitti, araarsummaan isaan raawwatan hedduu kan ta’e fi seenawwan araarsummaa isaanis, kitaaba irraa baldhinaan kan hubannuudha. Araarsummaa qulqullootaa erga boqotani boodas ammoo kan itti fufu ta’u isaa
• Mul. 14:13 “Hojiin isaanii isaan faana bu’a jechuun qulqulluun Yohaanis mul’ataa isaa keessatti ibsee jira.
Dabalataanis, qulqullootni erga boqotanii booda araarsummaan isaanii kan itti fufu ta’uusaa, seenawwan kitaaba qulqulluu irraa nu hubachisan keessaa, muraasa qofa kaasun ni danda’ama. Isaan keessaa tokko. Raaja Eelsaafi seenaa namicha du’eeti. Raajaa Eelsaan yemmuu lubbuun turetti, nama du’e du’aa akkuma kaase. erga boqotee booda kennaan akkasii sun akka irraa hin fudhatamne, dabalees, nama biraa kan du’e akka kaase, seenaa kanaa gadii kana irraa ni hubanna.
• Ergasii Elsaan du’ee ni awwaalame,waggaa isatti aanee dhufutti ji’a birrati, saamtonni Mo’aab, biyya sana ni lixan, yeroo sanatti jarreen tokko nama awwaaluuf dhaqan warra saamtota sana erganii reeffa namicha holqa Elsaa’i itti awwaalametti ni darbatan. reefi namichaa garuu, lafee Elsaa’itti akkuma bu’en lubbuun isaa itti deebite, kanaaf: namichi ka’ee ni dhaabate (2Mot 13:20).
Akkasumas ammoo, yeroo fooniin turetti namoota gara Waaqayyooti araarsaa kan ture Abirahaam, (Uma. 20:7, Uma 18:25), erga boqote boodas hojii akkasii kana itti fufuu ta’uu isaa kitaabarraa ni hubanna. Kunis,
• Seenaa Alaazariifi Nawee ilaaluun ni danda’ama (Luq. 16:19). Duuka bu’aa
• Qulqulluu Yihudaan ergaa isaatiin kan ibse, (Yihuudaa 1:14), Heenook kitaaba isaarratti akkas jedha “iji koo bakka ergamootaafi qulqulluuwwan wajjin jiraatu arge, ilmaa namaafis cimsanii kadhatu” (Henook 9:22) jechuun araarsummaa qulqullootaa Ibseera.
• Gaara Taaboor irrattii Museefi Eeliyaas akka argamanii Iyyesuus wajjin dubbatan dhagahee Pheexroos, maaloo godoo sadii haa ijaarru. tokko Museef. tokko Eeliyaasiif tokko si’iif akkuma jedhe (Maat 17: l). (Muldhata Yohannis 6:9).
Waaqayyoo qulqulloota hundaaf waadaa galeeraaf.
• Kanan filadhe waliin waadaa seeneera” (Faar 88:3), akkuma jedhu, Waaqayyo namoota isaaf amanaman hundaaf waadaa galeera, jechuudha.
• Waadaan seene hin diigu waanan dubbadhe hin jijiiru. akkuman Dawititti hime yeroo tokko qulqullummaa kootti dubbadheera (Faar 88:34) jedha.
Waadaa qulqullootaa irraa akka fayyadamnu kitaabni:
• “Isaan xixinnaayyoo kana keessaa isa tokkoof maqaa duuka bu’oota kootiin bishaan qahbanaa’aa qofa kan obaasu, yoo jiraate dhugaa isinan jedha, gatiisaa hin dhabu”(Mat. 10:42).
Kana olittis, Gooftaan duuka bu’ootaaf, gaafa ardii fi samii dabarsuuf dhufu, akka isaan namoota irratti murteessanis aangoo kenneefii jira.
• Dhuguman isinitti hima kan na duuka butan isin dhaloota isa lammaffaatti ilmi namaa teessoo isaa kabajaa irra yemmuu taa’etti, isinis teessoo kudha lamaan irra ni teessu gosoota Israa’el 12 irrattis ni murteessitu (Maat 19:28)
Qulqullootni waadaa yemmuu lubbuun jiran kennameef sanatu, araarsummaaf gargaara malee erga du’anii booda soomuun, bu’anii ba’uun, dadhabuun ni jira jechuuf miti. Solomoonis,
• Namni tolaan (qulqulluun) erga du’ee booda, namoota hamoo lubbuun jiraatan irratti ni murteessa (Kitaaba ogummaa 4:16) jedha.
Raajaa Museenis immoo, Waaqayyoon yoo kadhatu.
• Abboota keenya Abrahaam, Yisihaaq Yaaqoob yaadadhu jedhee kadhateera (Ke. De. 13:14).
• Wangeela Luqaas 1:71 irrattis, “waadaa abboota keenyaa yaadate” jedha.
• Hojiin araarsummaa kan jiru garuu, hanga ardiifi samiin kun darbutti malee, sana booda ni dhaabbata (Hiz. 14:20).
Waaqayyoo yeroo nutti lubbuun jiruutti waan gaarii hojjenne gara isaatti deebinne dhaaltu mootummaa isaa hirmaattu maddii isaa kan bara baraa nuu haa taasisu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!