Maatiiwwaan Waaqayyoo; Baga hundii keessan caba lafee, buruquu foonii dhangala’uu dhiigaa Kiristoos isiin bararree guyyaa inni ofi isaatti waa’ee keenyaaf jedhee: Nuuf cabee, nuuf buruqqee, dhiigaasaa qulqulluuf nuuf jedhee dhangalassee, maddaa keenyaa fayyisuuf jedhee nuuf madda’ee, bilisaa nuu baassuf jedhee akka garbichaa ta’ee Guyyaa Fannifamuu isaattin isiin ga’ee. Guyyaa har’a: (Mat. 27 : 1 – 65 ) Guyyaa itti kennaa haadhumaa argannee (Yoh. 19:26 – 27) Guyyaa itti Kiristoos cinaachi isaa nuf waraanamee (Yoh. 19:34) Guyyaa itti Kiristoos garbummaa seexanaa jala Adaamifi ilmaan isaa hundaa bilisaa baassedha, Guyyaan har’aa guyyaa itti raajjin gurguddaa ta’eedha. Guyyaa itti biiftuun dukkanoofteedha, Guyyaan Yihudaan haxxumaan jannataan gala jedhee Si’ool jalqabaa liixedha, Guyyaan itti Addam sirnaa kadhannaa “Kadhannaaf ka’aa” jedhedhaa. Guyyaa itti dhali nama bilisummaa argatteedha. Yaa ijoollee Waaqayyo, Kiristoos si’aa tokkoofi si’aa tokkoo qofa fayyinaafi dhiigaafi foon isaa si latee jira. Kunis fayyinaa lafa irraa hin deebi’amneedha. (Gal 4:4-7, 5:1, ) Yaa nama dagattee lamaffaa kiristoos fannoorratti du’ee na fayyisaa jedhee bittaafi garbummaa seexanna jala akka of hin galchinee. Kiristoos lamaaffaa kan inni dhufuu murtee dhumaaf malee du’aa lamaffaa sif du’uuf miti. Yaadan qabbi hin dagattin Kiristoos tokkoo qofa sif du’ee jira. Inni Waaqadha akka ati fayyinaa bara baraa argattuu sif du’ee. Waddaa Addaamiifi Ijoollee isaaf galee rawwaatte. Ati har’aa lakkii hin ta’uu jette harkaa seexanna jala akka of hin galchinee. Gara Waaqayyootti yeroon deebi’aan har’a; har’a keessas amma akkuma qulqulluun Phawuloos jedhee gara fayyinatti deebi’aa. Waaqayyon kan yeroo kanan nu ga’ee ammas guyyaa du’aa ka’umsaa isaan nu ga’uun akka nutti “Kiristoos Du’aa Mo’ee ka’eerraa” jenne isa faarfannuu nu haa taasisu. Eebbii Abbaa, Jaalalii Ilmaa tokkichumaan Afuurraa qulqulluu, kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubro Maariyaam, Eegumsii ergamoota qulqulluu, kadhannaan dukkaa bu’oota, kan raajjota, kan abbootaa qulqulluu biyya keenya Itiyoophiyaa, amantaa keenya kirstaana Ortodooksii, ummataa kiristaana maraa bakka jiruufi jiraannutti nuuf haa baay’aattu. Ameen.
Faarfannaa afaan oromoo
If you want to download afaan oromoo mezmur use the link here
TIPS AND TRICKS OF SCHOLARSHIP INTERVIEW
Good afternoon Professors! Please, allow me to introduce myself!
I am very glad and honor to be here for interview.
My name is ……………. I am …… years old. I came from ……… ……. is located in the ……. part of ……. I primarily enjoy reading because it can cultivate my critical thinking, diversify my knowledge and my mind.
I was graduated from ……… in July, 2017. Majored in computer science. Recalling my four-year college study; diligence and devotion are the two key words. I seldom idle away the precious time, get up at 6 o’clock every morning. Collect materials in the library every weekend and read various kind of books at vacations. Academically, my college GPA is …….. To be honest, my university is not exactly as famous or renowned as some of the top university in ……., but I love it. When I look back now it has been quite an experience, an experience that’s worth every minute of it.
Nagaan Waaqayyoo bakka jirtaan hundatti isiniif haa ta’u!
Toora Interneetii kana irraatti waan itti dabalamuu qaba jettani yaadan, nuuf barreessaa ittin dabaluun akka nama hundaa bira gahu wallin taasisnaan.
Yaada keessanif ulfaadha!
Sooressa haadha mana afur qabu
Guyyaan sifis ni dhufa
Jireenya nama keessatti yeroo tokkoof lama miti namni haallafi bifa garagaraan kan nutti hin yaadnen nu simataniruu. Haa ta’uu malee, nuutti rakkoo arginee sana keessa darbinee kuno har’aas jiraacha jira.
Kallessaa keessa darbittee har’a jiraachuun kee jireenya kee keessatti akka ati abdii haaraan gara fulduraatti kaatuf si ciimsa. Akkumaa warqiin abidaan ilaalamu, rakkoon hangaa nutti hin yaadne yoo nu mudattees jabbinaan keessa darbuun ciminaa ajaa’ibsisaa akka qabnuuf mirkaneessaa.
Ati egaa har’a haalla garagaraan rakkoofi gidiraan si mudataa jira tannaan boor ifni addaa akka bahuu hin dagattin. Har’ii kee dukkanaa yoo fakkattee iyyuu boor kee garuu ifaa cimaa si egataa. Ifaa bira gahuufis dukkanaa har’a ittin marfamtee kana injifaachuu danda’uun sirraa jiraata.
Namni nama ta’ee kan namatti hin darbinee hin jiru; haa ta’uu malee, dhimmi inni guddaan namni yeroo seeraan alaa sitti darbuutti, ati bakka kuufte kattee jabaatte miila laman dhabaachuuttu sirraa egamaa. Yeroo ati jabaattee dhabbattu inni sitti darbuu kun abdii kuutachuufi sitti darbuu isaaf yeroo gabbiin isaa waan ga’ee fakkataa.
Yeroo hundaa galataa dhiyeessi
Waaqayyoon arjummaa isa tannaan dukkannaa limxii keessa si dabarsee ifaa haaraafi guyyaa haaraa akka argittuuf umurii kee irratti waan sif dabaleef ganamaa hiribaa ka’uun galateeffachun sif ni ta’aa. Kunis gammachuu ati guyyaa sana hin yaadne sif kennuun olmaan nagaafi jaalalaa akka oltuuf si gargaraa.
Yeroo amma bakkewwaan garagaratti haalli jirenya, dhibbaan siyaasafi dinagdee akkasumaas wantoonni garagaraa rakkisaa yeroo jiruutti ati garuu nageenya argattee akka barbaaden battee galtee, oltee bulaa jiraatas waan ta’eef galata dhiyeessuun sirraa ni egamaa.
Olmaan nagaan olteef galataa dhiyeessi. Galgaalli dukkana’ee akka sif bari’uuf galataa dhiyeessi. Bakka turtee bakka jirtuu yaadachun galataa dhiyeessi.
Garuu, sababaa ittif galata dhiyeesituu hin qabdu tannaan waanti tokkoo akka sitti hir’aatte jiruu yaadi. waan sitti hir’aatte kanas nama bira osoo hin tannee ati ofii keetti barbaade argachuu qabda.
Waan haaraa argachuu barbaada tannanis ati yeroo hundaa galataa dhiyeesuu siif ni ta’a.
Galataa dhiyeesuun qofa isaa galataa qofaa kan jedhuu osoo hin tannee, galannii kadhannaas akka of keessa qabuu hin dagattiin.
Galataaan dhiyeessa jettee yeroo yaadetti, achumaan kadhachaas akka jirtuu yaadatti qabadhu.
Namnii tokkoo yeroo galata dhiyeessuu, Waaqayyoon wamuun isaa waan hedduun akka isaaf dabaluu ta’aa malee waan isa jala hir’aattu hin jiru.
Waa’ee Ol ilaalani Kadhaachu
Maqaa Abbaaa Ilmaa Afuraa qulqulluu Waaqa tokkoon Ameen! Maatiiwwaan Waaqayyoo, Ijoollee haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyamii, Egumsaa ergamoottaan kan jiraatan biyyaa keessas ta’ee biyyaa ormaa jiraatan hundii keessa nagaan Waaqayyoo isaa hundaa danda’ee bakkaa jiraataan maratti isiinif haa baay’aattu. Barumsii har’a
Waa’ee Ol ilaalani Kadhaachu Caaqasa muraasa
Faarsaa Dawwit 122:1-7 =>”Iji koo gara gaarotaatti ol ni ilaala, gargaarsi koo eessaa dhufa? Gargaarsi koo Waaqayyo biraa ni dhufa; inni immoo isa bantiiwwan waaqaa, lafas uumedha. Inni miilli ke akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu. Kunoo, Inni Israa’elin eguu, matumaa hin mugu, hin rafus….”
Wangellaa Qulqulluu Maarqos 6:41 “Buddeena shananiifi qurxummii lamaan fuudhee gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisees. Buddeena sana cabsee namootaaf akka dhi’eessaniif bartoota isaatti kekkeenne; qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif hirsiise.
Wangellaa Qulqulluu Yohanniss 11: 41=> “…Iyeesuus garuu ol ilaalee, ‘Yaa abbaa! anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe’ jedhe.'”
Wangellaa Qulqulluu Yohanniss 17:1=> “…Iyeesuus gara waaqaatti ol ilaalee ‘Yaa abbaa, yerichi ga’eera, ilmi kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu.”https://learnonces.000webhostapp.com/2020/02/waaee-ol-ilaalani-kadhaachu
Galanni Waaqayyof haa ta’u. Ameen!
Yaa ummaa keenya Ati nuu dhaga’ii
Yaa Waaqayyo egdee, tiksitee, galgalaa nuuf barrisistee, guyyaas nagaan nuu olchitte yeroo isaan amma irraa keenye kanan kan nu geesse galanni sif haa ta’u. Yaa uummaa keenya dhalottaa hangaa har’aattis waan gaarii hin hojeenne, hojeennes hin qabnu, Yaa ummaa keenya hangaa yoo natti kan nu jiraachiste, jireenya keenya gara fulduraas sittu beeka, yaa ummaa keenya mana kee keessa deddebinees sin galateeffanne, ni bannee malees galuun keenya yoom akka ta’ee hin beeknu, yaa Waaqayyoo keenya ati waan gaarii akka hojeennuf kan nu uumtee bakka nutti jiruutti ayyannaa kee nuuf baay’isii.
Yaa ummaa keenya barri keenya bara dhumaa ta’ee, abdiin qabnu hunduus yeroo hundaa guyyaa kee eguu qofadha. Yaa waaqa keenya, ammas ati waan hunduummaa ni beekta, sin baqannees miti, sin dhokannees miti, nutti waan gaarii hin qabu, akkamiin maqaa kee waamannu. Yaa waaqa ati qulqulloota keef abdii kan ta’ee, egumsaa keen kan isaan tiiksiitte kan sif dadhabammu tokkoo iyyuu hin jiruu, dhiphuu nu mudattee hundaaf ati furmataa nuuf ta’u. Yaa ummaa keenya, ati nurraa addaa hin ba’iin.
Abdiin keenya sidha yaa waaqa. haadha kee dubroo maariyamiif jedhii, qulqulloottaa bartootta keef jedhii, warreegamtoottafi ergamoota keef jedhii ati nuu dhaga’ii. Akka hojii keenyatti miti akka garuummaa keetti. Yaa waaqayyo, ati obboloottaa, obbolletti keenya hundaa biyyaa keessafi biyyaa bakkee gaadadoofi dhiphinni cunqursaafi rakkinii, yaado gargaraan rakkaattaan hundaaf furmaata kan keenu si qoofadha. Yaa waaqa keenya ati ayyaanna kee baay’isiifi ati nageenyaa kee bakka jiraan hundaatti keennif. Yaa umma keenya bahuuf galuu keenyaa hundaatti rakkinaa foonii, rakkinaa lubbuu ati nu bararii. Abdiin keenya dhugaan si qofadha. Yaa waaqa keenya kanneen dhukkubsaatani ciisan marraaf fayyinaa kee ladhuuf, kanneen dararamaan hundaa bilisaa bassii. kanneen yaadoon guutaaman hundaaf furmaata ta’ii. Yaa waaqa kenya kan nama eguu hin jiruu egumsii kee nuf haa baay’attuu. yaa waaqayyo, biyyii lafaa silas biyyaa keenya miti biyyaa kolu galtumaan irraa jiraanudha, yaa waaqayyoo, osoo nutti mana keetti deebinnee sin galaffattin akka banneen nun hambisiin. Yaa waaqa keenya ati ayyannaa kee nuuf baay’isi. Jaajjabbeessumaan kee nurraa adda hin bahin. Yaa waaqa, obdiin kee hawwinnee, yaa waaqa keenya sirraa addaan banee fagannee. Hangaan gara keetti deebinuutti egumsaa keen akkaa yeroo hundaa si galateffannu nuu taasisi. Yaa waaqayyo keenya, Yaadoo biyyaa keessafi alaa nurratti wal ga’ee; kan qabnee, kan dhisnuu waalale, maaloo ati gaariifi yaraa addaa bastee kan beektu nagaa kee nuf baay’isii, arrarraa kee nuuf hedduummesssi. Yaa waaqa nutto biyyaa lafa irraatti badhadhumaas hin barbaanu, garuu kan itti jiraanuuf ati nuuf keenni. Osoo fiignuu mootummaa kee bara baraa akka nutti hin dhabnees nu tiiksii. Egumsaa kee nuuf heddumeessi. Yaa ummaa keenya addunyaa guutuu bitnee mootumaa kee dhabnaa tannaan maal bu’aan keenya, umuriin keenya dheeraatte dheeraatte galmaa gaarii hin qabnuu tannan maal bu’aan keenya. Yaa ummaa keenya harkaa keenya sitti bal’isnaa ati ayyannaa kee nuuf baay’isii. Buruquu foonii, dhangala’uu dhiigaa, cabaa lafee ati nu bararrii.
Yaa Waaqayyoo nuu nama gatti hin qabnee kana, osoo nutti garuumaa hin qabattin maqaa kee isaa qulqulluu waamne akka si kaadhannu kan nuu taasistee, galanni oqubaan barabaraa sif haa ta’u. Yaa ummaa keenya kadhattaa keenya kanan hir’isnee itti nuuf guutte, kan dogogorree sireessitte, arjumaa keen nuu dhaga’uun feedhaf eyyamaa kee nuf haa ta’u. Nuu kakastee kan na jalqabsiistee Jalqabsistee kan nuu xumursistee galanniif ulfinni sif haa ta’u! Hanga barbaraatti, Ameen!
YAA ABBAA KEENYA….
BIYYII KEENYA SAMMII
- Biyyi keenya sammii haatti keenya maariyaam (2x)
- Maaf jaalalaa dhabnee keenya miti addunyaan
- Maalif nagaa dhabnee keenya miti addunyaan.
- Kan lapheen hin yaadne bakka nuuf qoophesse
- Kan ijaan hin argamnee mootummaa nuuf tolchee
- Ummataa qulqulluu taasisuun filaatee
- Ijoolleen waaq tokkoo maalif gargar taatee (2x)
- Kayyoo dhumaa tokkoof tikseen nun nu waame
- Kan Aphiloos kan Keeffa maalif waalin jennee
- Nutti ergamni keenya kan duuka bu’ootta
- Dhallonni hin qajeellu lallabaa adda addumaan(2x)
- Kan Yaa’iqoobif Esaa’uu wal dhabdee hangafummaa
- Ni madeessaa turee gadamessaa Ribqaa
- Dammen yoo baay’aatte jirmii isaa tokkichaa
- Nu’ittif kan du’ee nutti kan laallabnuu(2x)
- Yaada tokkoon garuu, tokkoon walli haa gallu
- Baay’ee akka taannuf magaala Waaqatti
- Dubroo Maariyaamin hundumtuu maarsinne
- Keenna haa fuudhannu afuurra qulqulluu (2x)
- Galanni Waaqayyof haa ta’u! Ameen!
Sirnaa qidaasse kan egaallee eenyu?
Sirnaa qiddaasse jalqabaa irraatti egaalle, Gooftaa keenya Iyeessus Kiristoos. Guyyaa gaafa kamisaa galgallaa sirnaa qurbannaa raawwattee.
- Wangellaa qulqulluu Maatiwoos 26:26-28 =>Utuu nyaachaa jiranii, Iyesus buddeena fuudhee, eebbisee cabsee bartoota isaatiif kennee, “Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhangaa kooti!” jedhe.
- Wangeellaa qulqulluu Luqaas 22:14-38 => Yeroon itti irbaata Faasikaa nyaatan geenyaan, Iyyessuus ergamooota isaa wajjiin maaddiitti taa’e. Inni isaaniin “Dhiphachuu koo fuul dura irbaata Faasikaa miilanaa isinii wajjiin nyaachuudhaaf garaa koo guutuu hawweera…….”
- Wangellaa qulqulluu Maarqos 14:17-25 =>Yommuu galgalaa’e Iyyeessus bartoota isaa kudha lamaanii wajjiin in dhufe. Maaddiitti taa’anii nyaachaa utuu jiraniis Iyesuus, “Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, inni tokko, dabarsee na kennuuf jira” jedhe…..
- Wangellaa qulqulluu Yoohannis 6:53-59 =>”…..Iyesuus immoo “Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhaabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhaabattan, jireenya of keessaa hin qabdan. Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du’aa isa nan kaasa. Foon koo dhuguma nyaata, dhiigni koos dhuguma dhugaatiidha. foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa ni jiraata, anis isa keessa nan jiraadha. Abbaan inni jiraatan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkumaan jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif ni jiraata. Isa kana buddeenni, inni waaqa irraa gad bu’e; akka isa abaabiliin keessan nyaatanii, booddee immoo du’anii miti; buddeena kana kan nyaatu bara baraan ni jiraata” jedha.
- Ergaa qulqulluu Phawulos gara warra Qorontoos isaa tokkooffaa 11:23-26, => Barsiifni ani isinitti dabarse, isuma ani gooftaa biraa fudhadhe ture. Innis, Iyesuus Gooftaan halkanuma itti dabarfamee kenname sanatti buddeena fuudhee, Waaqayyoon galateeffatee, buddeenicha cabsee, “Inni isiniif cabe kun dhagna kooti, kanas seenaa kootiif godhadhaa!” jedhe. Erga nyaatanii booddees akkanuma sanatti xooficha fudhatee, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa, dhiiga kootiin dhaabatuudha; yeroodhuma isa keessaa dhugdanitti seenaa kootiif godhadhaa! jedhe. Yeroodhuma buddeena kana nyaattaniiti, yeroodhuma xoofoo kana keessa dhugdanitti hamma gooftaan deebi’ee dhufutti akka inni [namootaaf] du’ee ni labsitu.
Sirnaa qiddaassee amma kana qoophessaan Qulqulluu Abbaa Baasiliyoos Zeqisarriya.