Category Archives: Barumsaa

Baga guyyaa dhaloota Haadha keenyan geessan

Yaa haadha ifaa yaa Maariyaam Addunyaa sababa cubbuu dhala namaan dukkanooftee turte Ifa Addunyaa nuuf deessee bara baraan kan hin dukkanoofne Uumaa keenya fayisaa keenya kan ta’e Iyyasuus Kiristoosiin nu badhaasteerta. Uumama Biyya lafaa dura laphee Sillaasetti kan yaadamte ati akkam kan eebbifamtedha.

Darbaan cubbuu abbaa keenya Addaam kan si hin arganne yaa qulqulleettii Qulqullootaa waggoota kuma shanii fi dhibba shaniif sababa cubbuu keenyaaf jecha beela’aa kan turre nyaata jireenyaa isa bara baraa waan nuuf deesseef ati leemmata Warqeeti! Yaa Giiftii keenya haadhummaa dubrummaakee waliin kan badhaafamte Gadaamessikee inni abidda Waaqummaa baate sun akkam kan eebbifamedha.Yaa Maariyaam ati yaadaa fi hojiidhaanis dubra kan taate ati dubrummaa fi haadhummaankee kan yeroo osoo hin taane kan bara baraati.

Yaa haadhakoo ishee bara baraa ati kabajnikee Uumadhaa gadi uumama kamiyyuu ol kan taate Galanni fi sagadni kennaa uumama kamiyyuu dura siif ni ta’a.Kiruubeelii fi Suraafeel xuquu fi itti dhiyaachuu kan hin dandeenye ati garuu gadaamessa kee keessatti ji’a sagalii fi guyyaa shan ni baatte. Yaa MAARIYAAM ati jalqabarratti raajichi Isaayyaas 9:6 irratti akkuma dubbate ” Daa’imti nuuf dhalateera Ilmi dhiiraa nuuf kennameera aangoon isaa hundarra kan caalu fi isa bara baraati maqaan isaas jabaa, Waaqa, Abbaa bara baraa Abbaa nageenyaa jedhamee waamama” jedhamee kan barreeffameef waan nuuf argamsiisteef ati nuuf ilmaan kiristaanotaaf haadha bara baraati. Qulqullichi Phaawuloosis Roomee 9:5 irratti “Samii irraa bu’ee Haadha keenya dubroo Maariyaamirraa kan dhalate Iyyasuus Kiristoos fayisaa hunda keenyaa yoo ta’ellee inni Waaqa bara baraan eebbifamedha” kan jedhame waan nuuf argamsiisteef kabajni siif qabnu ol aanadha.

Hiddaa dhaloota Qulqulleetti dubroo maariyaam

+++CAAMSAA 01+++
✔ILMOO QAJEELAAN(QULQULLUUN) JIREENYAAF DHALATA Fak 11:19
baga guyyaa yaadannoo dhaalota haadha hunda keenyaan isiin gahe kessaas alas kan jirtaan ijoollee tewaahidoo hundaaf.qajeelan jireenyaaf malee badiif,dabaaf,moraaf ,falfalaaf,jibbaaf,hammenyaaf,doqnummaaf hin dhalatu.wa’een dhalachuu dubroo akka itti anuutti.

Waaqayyoo gargaaraa godhachuun “buˈuurri ishee tulluuwwaan(garreen)qulqullaˈoodha”jedhe kan akka laphee waaqayyoo qulqullichi Daawwit faarsaadhan waan farfateefif, dabalatas qulqullichi Yaareed “ማርያምሰ ተኀቱ እምትካት ዉሰተ ከርሡ ለአዳም ከመ ባሕረይ ጸዓዳ-Maariiyaamis dur irraa jalqabee amalummaa Aaddaam keessatti akkaa inquu adii ifti (addunyaa booraˈee kessaatti qulqullummaadhan,qaajelummaadhan,dubrummaadhan ifti)”jedhee waan dubbaateefif.dabalatas “waaqayyoo Abbaan samii taaˈee baha fi dhiha, kaaba fi kibba nannaawa isaanii dhuguumatti ilaale.foolii isaaniis fuunfate, kan akkaa kee jiru hin argannee.foolii kees jaallate kan jaalatu Ilma isaas gara kee erge.”jedhee beeka Abbaan Hiriyaaqoos waan faarfatefif, ulfaaˈamuu haadha Ifaa ,dhalachuun haadha ifaa kanadha.

♥Giiftiin keenyaa qulqulletti dubroon Maariyaam boroon isaa amantaadhan kan taˈu Abrahaam,boroon isaa mootii kan taˈu sanyii Daawwit irraa akkaa argamtee macaafni(kitaabni) qulqulluun ragaa nuuf baha.ifa adduunyaa kan jeedhamee qulqullichi phaawuloos waaˈee iccitii nama taˈuu Gooftaa keenyaa fayyisaa keenyaa kewwaata dubbatee irratti:-“እስመ አኮ እመላእክት ዘነሥኦ ለዘነሥኦ ዘእንበለ ዳዕሙ እምዘርአ አብርሃም- Amalummaa Abrahaam irraa fudhate malee Eergamoota irraa kan fudhatee miti” jedhe /Ibro 2:16/.haaluma kanan dessuun Gooftaa qulqulleetti dubroo Maariyaamiin sanyii Abrahaam taˈu ishee beekne hubannee jechuudha.Raajiichi Isaayyaas :-ትወጽእ በትር እምሥርወ እሴይ፡- iseeyii jala(sanyii Iseeyi kessaa) uuleen(Giiftiin keenyaa)ni baati(ni
dhalatti)ወየዓርግ ጽጌ እምኔሃ:-daraaranis jirma ishee irraa nib aha(Gooftaan
keenyaas isheerraa ni dhalata) “jedhe R Isa 11:1 hiika fi dubbisa
Tokkummeessaa isaa.
Beektonnii bataskanaa(mana qulqullummaa)akkaa nutti himaan dubbiin
ulfaaˈamuu Giiftii keenyaa akkaa itti anuutti:-
❖Akaakilee kan taˈan Pheexiriqaa fi Teekittaa namootni jedhaman Iyyarusaaleem(Jerusalem)kessaa gaaˈelaan murtaˈanii jiraatu ture.qulqullonni kunniin kanatu isaan hafe(hanqate) kan hin jedhamne yoo taˈaniiyyuu Ilma dhaalu hin qaban ture.guuyya kessaa gaaf tokko garuu Pheexiriqaan haadha mana isaa Teekittaadhan:-“yaa! obbolettii koo ani dhabaadha(maseenadha), atis dhabduu qabeenya kana hunda eenyuutu dhaala?”jedhen.Teekittaanis deebiftee:-“yaa! Obbolessaa koo waaqayyoon ana yoo ilmoo na dhorgateeyyuu atis akkaa koo taate haftamoo?siif kennuu dandaˈaatii kan biro bira gahiiti dhalchii”jetteen.innis:-“kana akkaan hin goone(raawwannee)waaqni Israaˈeelii ni beeka”jedhen.yeroo kanatti hedduu ni gaddaan.battaluma sanatti mulˈata argan.waatii(jabbii)adiin mooraa isaaniti yoo baatu waatiinis waatii dhala jahaffaa irraa yoo geessuu jahaffaan sun baatii(jiˈa ykn aaddessa),
Aaddessi immoo biiftuu yoo dhaltu argan.Kana booda abjuu kan hiiku bira deemanii kan argan hundaa itti himatan.innis:-“waaqayyoo dhifaama isaatin isiin yaadateerati mucaa
gaarii ni argattuu.waatii raada torba dhaluun keessaan ijoolle dubara fi ijoolle ijoollee kessaanii torba argachuu keessaaniidha.jahaffaan addeessi uumamtoota ol kan taatu ilmoo taatudha.waaˈeen biiftuu sanaa garuu naaf hin ibsamne, akkaa raajaa akka mootii taˈuu dandaˈa”jedhen.isaaniis yeroon haa hiikuu jedhaniin sokkaan.kana booda Teekittaan ni ulfoofte.maqaa ishees “ረከብኩ ስእለትዬ፡ረከብኩ ተምነትዬ-kanan wareege argadhee kanan yaades(hawwes) argadhe”yoo jettu Heeˈemeen jetteen.
♣1.Heeˈemeen>2.Deerdeen>3.Toonaan>4.Siikaariin>5.Hermeelaan>6.Haannaa deesse.qulqulleetti haannanis yoo sadarkaa dardarummaa geessuu mana Yiihuudaati kan dhalate Iyyaaqeem kan jedhamu nama baheessaa tokkotti heerumsisaan.Iyyaaqeemii fi Haannaa jireenyi isaanii waaqayyoo fulduratti qajeela fi ifa,
namoota fuldurattis gaarii fi dogongorri kan irraatti hin mulˈanne namoota baheeyyii turan.haaluma kanan waaqayyoo fi namootan kan gaalateffaaman namooti baheeyyiin kunniin waggota digdamaaf ilmoo malee jiraatan.yaa!jaallatamtoota nuuti hangam obsa qaabeyyiidha?hammaam waaqayyoon eegna taˈinnaa?hammaam waaqayyoon kadhannaa taˈinnaa?qulqullotni kunniin garu waggoota diigadmaf eegan.caallisaanii eeguu qofa miti.kaadhanna fiwaawwaanaadhanii malee.Guuyyaa tokkoo Iyyaaqeem :-“yaa!waaqa abbooti kooani garbichi kee siin kadhadha ,na hin tuffaatin kadhaa koo dhagahii feedha koo naaf raawwadhu, ijaa koof qubannaa laphee koof abdii kan taˈu ilmaa eebbifame ilma dhiira naaf ladhu”jedhe kadhachaa oole.Haannaaniis gama isheen;-“yaa! Gooftaa kook an abbootii kootii waaqni Israaˈeelii ani garbichi kee siin kadhadha na dhagahi.ijaa koof qubannaa laphee koof abdii kan taatu kan eebifamte imoo dubara firii garaa(gadamessaa)kootii naaf ladhu” jettee kadhacha olte.Akkaanas jedhanii kadhachaa wawwaata oolanii,Haannaan yoo gugeen ijoollee ishee waaliin taphattuu argitee:-“yaa!Gooftaa koo ishee kanaf ilmoo kan kennitee maalii anaf ilmoo dhabdee(na dhowwattee)?”jettee hirqitee boosse.kanaf Iyyaaqeemii fi Haannaan waaqayyoon ilmoo akkaa isaaniif kennuu bayyisanii kadhatan.”ilmoo dhiira yoo nuuf kennee buˈee, baˈee , qotee, qofforee,nuu haa gargaruu hin jennuu, mana qulqulluummatif aafata afee,golgaa golgeesssee haa jiratuu malee.ilmoo dubaras yoo nuuf kennee bishaan warabdee, qoraan cabsitee nuu haa gargartuu hin jennuu, mana qulqulluummatif leemmati warqee hoodha,golgaa hojjechaa haa jirattuu malee”jedhanii waadaa galanii
wareegan(tasaalan).Qulqulleetti Haannaanii fi qulqullichii Iyyaaqeem guyyuma sana mulˈata arganii wantichaa argatanii bulan.Iyyaaqeem “samiiwwaan torban akkaa golgaa saqqamanii samii oliiti sinbirri adiin buˈee mataa koo irraa qubateen arge”jedhen.sinbirroo kan jedhamee Gooftaa keenyaa yoo taˈu,aduummaan isaa qulqullummaa amalummaa isa kan agarsiisuudha.mata koo irra qubateen arge jechuun isaa Gooftaan amalummaa Iyyaaqeem(kan namaa) amalummaa isaa godhatee buˈusaati.samiiwwaan torban kan jedhaman amalummaa Gooftaa keenyaa yoo taˈan isaaniis
Guutummaaisaa(ምልዓቱ),ballinaasaa(ስፍሐት),mootummaasa,ርቀቱ፣ልዕልናዉ፣ዕበዩ፣እዘዙ faˈadha.dhifaama qooqni na hanqaateen fayyaadamee.Haannaanis anis argeera jetteen.maal argitee yoo jedhun:-“gugee adiin dhuftee narraatti buutee gurraa kootiin lixxee(seentee)garaa koo kessaa (gadamessaa) yoo ciistu arge”jetten.gugee kan jedhamte giiftii keenyaa yoo taatu, aduummaan ishee qajeelummaa,qulqullummaa,dubrummaa isheetidha.”gurraa koon lixxee garaa koo kessaa ciistee arge”jechuun ishee immoo misirachoo ergamaatin Giiftiin keenyaa akka ulfooftudha.kunis kan taˈe adoolessaa soddomaadha.Isaaniis abjuu(mulˈata) akkaana yoo argine wantichaa yoo argannee jedhanii guyyuma sana sal qunnaamti hin raawwannee,dursaanii heeyyaama waaqayyoo gaafatan malee.iyyaarusaleemitti mana
qulqullummaatti ayyaanni yoo kabajamu Iyyaaqeem olloota waliin kennaa qabatee ayyaanichaa kabajuu gara mana qulqullummaa deeme.yeroo sanatti duree luboota kan turee Yiisaakoor(Roobeel)jedhama.Iyyaaqeem kennaa qabatee dhufuu isa argee gara isa
dhufee:-“ilmoo osoo hin qabaatin(dhabaa ykn maseena)taate osoo jirtuu akkaamiin garana dhuftee?kennaa(arsaa) keetiis akkaamiin dhiyeessitaa? Waaqayyoon kennaa dhabdoota hin fudhatuu bar”jedhee
dhorge.Iyyaaqeem saalfii(qaanii)guddaadhanii fi gaddaan deebiˈe.namootni balbala keenya cufu,waaqayyoo garuu nuuf bana.namootni “maaltuu sii dadhabsiisa?” nuun jedhuwaaqayyoo garuu nu gargaara.Kanaafuu yeroo kanatti ifa guddaa kan uuffatee Eergamaan waaqayyoo dhufee Iyyaaqeem fuldura dhabbaatee akkaanas jedheen:-“yaa!
Iyyaaqeem ana arguu keetiin hin rifatin(hin sodatiin),hin cinqamiin.ani kadhaan keetiis akkaa dhagahamee,kennaan kee fulduraa waaqayyoo akkaa gahe sitti himuu ergamee kanan dhufee Eergamaa waaqayyooti.hundaa raawwachuu waaqni dandaˈuu gadameessaa nama hedduu ni cufa,ni banas.haati kee durii Saaraan hanga uumrii saddetamatti dhabduu turte,booda garuu haadha Yiisaaq taate.akkanumas Raaheel jaalatamtu waaqayyoo kan turte dhabduu turte,booda immoo haadha Yooseef taate.waaqayyootti dhiyoo kan turan haawwaan Soomsoonii fi Saamuˈueel dhabdoota turan,boodarraa garuu harmoolii namoota gurguddoo kana taˈan./ab.firdii ykn masaf.13:1-24 ;1:20/.Kanaaf haati mana kee haannaan ilmoo dubra siif dessii maqaa isheetis Maariyaam jettee ni waamta.garaa haadha ishee kessaa osoo jirtu Afuurri qulqulluun irraa ni bula” lammaaffaas Eergamaan gara Haannaa deeme akkana jedheen:-“yaa! Haannaa afuura biraa kan argitee sitti hin fakkatin ani kadha fi kennaa kee fuula waaqayyoo duratti Eergamaan dhiyeessuudha.ammaas kanan dhufeef dubartoota hundaa ol kan taatu maqaan ishee Maariyaam kan jedhamtu ilmoo dubra kan dessuu taˈuu sitti himuu kan dhufeedha.”jechuun misirachoo itti hime.dhugaa kanan,misiraachoo ergamaatin,heeyyamaa waaqayyootin haati waaqayyoo Giiftiin keenyaa abbaa ishee Iyyaaqeem fi haadha ishee Haannaa irraa hagayyaa 07/5484 barri abarsaa yoo raawwatuu ulfaˈamtee,caamsa 01/5485 barri abarsaa yoo raawwatuu dhalatte.

❖❖❖❖Yaa Dubree…….
ኦ ድንግል አኮ በፍትወተ ጸነስ ዘተጸነስኪ አላ በሩካቤ ዘበሕግ እም ሐና ወኢያቄም ዘተወለድኪ።yaa! Dubree cubbuudhan , salqunnamtee seeran alan kan ulfaˈamtee miti.seeran kan taˈe raawwii seeran Haannaa fi Iyyaaqeem irraa kan dhalatteedha malee.dubrummaa haadhummaa waliin , taajajilummaa haadhummaa waliin, annaaniis dubrummaa waaliin tokkumessitee kan qabdee yaa!Giiftii keenya gannaata yeroo ariˈamnee abdiin keenya kan siin raawwatame siˈidhati si jaallanna.yaa! Ebbifamtuu siin jenna.yaa!qulqulleetti siin jenna.kanas qooqni keenya hanga dandaˈu dubbachuu malee galata kees qooqni kiruubeliiyyuu geessisuun hin dandaˈamuuf.qooqni suraafeeliis dubbatee hin fixu.jaalatama Ilmaa kee irraa araaraf dhifaama nuuf kadhadhu.
Horaa bulaaa deebanaa

Gababadhumaatti

Hiddaa dhaloota giiftii keenyaa durbee maariyaamii…
Ibroota 2:16 Q/durbee maariyaam dhala namootaa irraa akka dhalattee.
Sanyii Abrahaamiin qabatee,malee sanyii ergamootaa qabatee miti.Fars 86:1 hundeen ishee garee eebbiffamoodha.
Addaam irraa eegalee hanga Iyaaqeemiif Haannaatti.
Addaam irraa karaa ijoollee isaa karaa Seet.
Karaa Nohiin immoo karaa Seem.
Abrahaam irraan karaa Isiiyaaq.
Yaa’iiqoobiin karaa Yuudaafi Leewii.
Daawwiittin karaa Solomoon.
Karaa mana Leewii sanyii Aaroon.gartuu lubootaa kan taatee qulqulleetti Haannaa.karaa sanyii Yuudotaan qomoo sanyii moototaa kan ta’ee qulqulluu Iyaaqeem irraa argamtee.
Hiddaa torbaffaa Q/d/maariyaamii
Pheexirqaafi Tektaa
Hameen
Derdaan
Toonaan
Siikaar
Seet naa
Hermeela
Haannaa
D/Maariyaamii

Irra deebii kan maxxanfame. bara 2009 irraa fudhatame

Guyyaa fannifamuu Gooftaa keenya

Maatiiwwaan Waaqayyoo; Baga hundii keessan caba lafee, buruquu foonii dhangala’uu dhiigaa Kiristoos isiin bararree guyyaa inni ofi isaatti waa’ee keenyaaf jedhee: Nuuf cabee, nuuf buruqqee, dhiigaasaa qulqulluuf nuuf jedhee dhangalassee, maddaa keenyaa fayyisuuf jedhee nuuf madda’ee, bilisaa nuu baassuf jedhee akka garbichaa ta’ee Guyyaa Fannifamuu isaattin isiin ga’ee. Guyyaa har’a: (Mat. 27 : 1 – 65 ) Guyyaa itti kennaa haadhumaa argannee (Yoh. 19:26 – 27) Guyyaa itti Kiristoos cinaachi isaa nuf waraanamee (Yoh. 19:34) Guyyaa itti Kiristoos garbummaa seexanaa jala Adaamifi ilmaan isaa hundaa bilisaa baassedha, Guyyaan har’aa guyyaa itti raajjin gurguddaa ta’eedha. Guyyaa itti biiftuun dukkanoofteedha, Guyyaan Yihudaan haxxumaan jannataan gala jedhee Si’ool jalqabaa liixedha, Guyyaan itti Addam sirnaa kadhannaa “Kadhannaaf ka’aa” jedhedhaa. Guyyaa itti dhali nama bilisummaa argatteedha. Yaa ijoollee Waaqayyo, Kiristoos si’aa tokkoofi si’aa tokkoo qofa fayyinaafi dhiigaafi foon isaa si latee jira. Kunis fayyinaa lafa irraa hin deebi’amneedha. (Gal 4:4-7, 5:1, ) Yaa nama dagattee lamaffaa kiristoos fannoorratti du’ee na fayyisaa jedhee bittaafi garbummaa seexanna jala akka of hin galchinee. Kiristoos lamaaffaa kan inni dhufuu murtee dhumaaf malee du’aa lamaffaa sif du’uuf miti. Yaadan qabbi hin dagattin Kiristoos tokkoo qofa sif du’ee jira. Inni Waaqadha akka ati fayyinaa bara baraa argattuu sif du’ee. Waddaa Addaamiifi Ijoollee isaaf galee rawwaatte. Ati har’aa lakkii hin ta’uu jette harkaa seexanna jala akka of hin galchinee. Gara Waaqayyootti yeroon deebi’aan har’a; har’a keessas amma akkuma qulqulluun Phawuloos jedhee gara fayyinatti deebi’aa. Waaqayyon kan yeroo kanan nu ga’ee ammas guyyaa du’aa ka’umsaa isaan nu ga’uun akka nutti “Kiristoos Du’aa Mo’ee ka’eerraa” jenne isa faarfannuu nu haa taasisu. Eebbii Abbaa, Jaalalii Ilmaa tokkichumaan Afuurraa qulqulluu, kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubro Maariyaam, Eegumsii ergamoota qulqulluu, kadhannaan dukkaa bu’oota, kan raajjota, kan abbootaa qulqulluu biyya keenya Itiyoophiyaa, amantaa keenya kirstaana Ortodooksii, ummataa kiristaana maraa bakka jiruufi jiraannutti nuuf haa baay’aattu. Ameen.

Yeroo hundaa galataa dhiyeessi

Jireenyi kee gaariis ta’ee yaara dhihee yeroo sif bari’uu galataa dhiyeessun jireenya kee keessatti akka ati yeroo hundaa gammachuun guyyaa biraa abdiin egaattuf sif gargaraa.

Waaqayyoon arjummaa isa tannaan dukkannaa limxii keessa si dabarsee ifaa haaraafi guyyaa haaraa akka argittuuf umurii kee irratti waan sif dabaleef ganamaa hiribaa ka’uun galateeffachun sif ni ta’aa. Kunis gammachuu ati guyyaa sana hin yaadne sif kennuun olmaan nagaafi jaalalaa akka oltuuf si gargaraa.

Yeroo amma bakkewwaan garagaratti haalli jirenya, dhibbaan siyaasafi dinagdee akkasumaas wantoonni garagaraa rakkisaa yeroo jiruutti ati garuu nageenya argattee akka barbaaden battee galtee, oltee bulaa jiraatas waan ta’eef galata dhiyeessuun sirraa ni egamaa.

Olmaan nagaan olteef galataa dhiyeessi. Galgaalli dukkana’ee akka sif bari’uuf galataa dhiyeessi. Bakka turtee bakka jirtuu yaadachun galataa dhiyeessi.

Garuu, sababaa ittif galata dhiyeesituu hin qabdu tannaan waanti tokkoo akka sitti hir’aatte jiruu yaadi. waan sitti hir’aatte kanas nama bira osoo hin tannee ati ofii keetti barbaade argachuu qabda.

Waan haaraa argachuu barbaada tannanis ati yeroo hundaa galataa dhiyeesuu siif ni ta’a.

Galataa dhiyeesuun qofa isaa galataa qofaa kan jedhuu osoo hin tannee, galannii kadhannaas akka of keessa qabuu hin dagattiin.

Galataaan dhiyeessa jettee yeroo yaadetti, achumaan kadhachaas akka jirtuu yaadatti qabadhu.

Namnii tokkoo yeroo galata dhiyeessuu, Waaqayyoon wamuun isaa waan hedduun akka isaaf dabaluu ta’aa malee waan isa jala hir’aattu hin jiru.

Egaa yaa waaqayyoo, na uumtee yeroo hundaa dabarsitee ifa haaraafi guyyaa haaraa waan naaf lattef sin galatteeffadha lapheefi yaada jedhuu qabachuun ogumaa guddaadha.

Waa’ee Ol ilaalani Kadhaachu

Maqaa Abbaaa Ilmaa Afuraa qulqulluu Waaqa tokkoon Ameen! Maatiiwwaan Waaqayyoo, Ijoollee haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyamii, Egumsaa ergamoottaan kan jiraatan biyyaa keessas ta’ee biyyaa ormaa jiraatan hundii keessa nagaan Waaqayyoo isaa hundaa danda’ee bakkaa jiraataan maratti isiinif haa baay’aattu. Barumsii har’a
Waa’ee Ol ilaalani Kadhaachu Caaqasa muraasa

Faarsaa Dawwit 122:1-7 =>”Iji koo gara gaarotaatti ol ni ilaala, gargaarsi koo eessaa dhufa? Gargaarsi koo Waaqayyo biraa ni dhufa; inni immoo isa bantiiwwan waaqaa, lafas uumedha. Inni miilli ke akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu. Kunoo, Inni Israa’elin eguu, matumaa hin mugu, hin rafus….”
Wangellaa Qulqulluu Maarqos 6:41 “Buddeena shananiifi qurxummii lamaan fuudhee gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisees. Buddeena sana cabsee namootaaf akka dhi’eessaniif bartoota isaatti kekkeenne; qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif hirsiise.
Wangellaa Qulqulluu Yohanniss 11: 41=> “…Iyeesuus garuu ol ilaalee, ‘Yaa abbaa! anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe’ jedhe.'”
Wangellaa Qulqulluu Yohanniss 17:1=> “…Iyeesuus gara waaqaatti ol ilaalee ‘Yaa abbaa, yerichi ga’eera, ilmi kee ulfina akka siif kennuuf, ilma kee gara ulfinaatti ol fudhadhu.”https://learnonces.000webhostapp.com/2020/02/waaee-ol-ilaalani-kadhaachu
Galanni Waaqayyof haa ta’u. Ameen!

Sirnaa qidaasse kan egaallee eenyu?

Sirnaa qiddaasse jalqabaa irraatti egaalle, Gooftaa keenya Iyeessus Kiristoos. Guyyaa gaafa kamisaa galgallaa sirnaa qurbannaa raawwattee.

  • Wangellaa qulqulluu Maatiwoos 26:26-28 =>Utuu nyaachaa jiranii, Iyesus buddeena fuudhee, eebbisee cabsee bartoota isaatiif kennee, “Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhangaa kooti!” jedhe.
  • Wangeellaa qulqulluu Luqaas 22:14-38 => Yeroon itti irbaata Faasikaa nyaatan geenyaan, Iyyessuus ergamooota isaa wajjiin maaddiitti taa’e. Inni isaaniin “Dhiphachuu koo fuul dura irbaata Faasikaa miilanaa isinii wajjiin nyaachuudhaaf garaa koo guutuu hawweera…….”
  • Wangellaa qulqulluu Maarqos 14:17-25 =>Yommuu galgalaa’e Iyyeessus bartoota isaa kudha lamaanii wajjiin in dhufe. Maaddiitti taa’anii nyaachaa utuu jiraniis Iyesuus, “Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, inni tokko, dabarsee na kennuuf jira” jedhe…..
  • Wangellaa qulqulluu Yoohannis 6:53-59 =>”…..Iyesuus immoo “Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhaabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhaabattan, jireenya of keessaa hin qabdan. Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du’aa isa nan kaasa. Foon koo dhuguma nyaata, dhiigni koos dhuguma dhugaatiidha. foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa ni jiraata, anis isa keessa nan jiraadha. Abbaan inni jiraatan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkumaan jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif ni jiraata. Isa kana buddeenni, inni waaqa irraa gad bu’e; akka isa abaabiliin keessan nyaatanii, booddee immoo du’anii miti; buddeena kana kan nyaatu bara baraan ni jiraata” jedha.
  • Ergaa qulqulluu Phawulos gara warra Qorontoos isaa tokkooffaa 11:23-26, => Barsiifni ani isinitti dabarse, isuma ani gooftaa biraa fudhadhe ture. Innis, Iyesuus Gooftaan halkanuma itti dabarfamee kenname sanatti buddeena fuudhee, Waaqayyoon galateeffatee, buddeenicha cabsee, “Inni isiniif cabe kun dhagna kooti, kanas seenaa kootiif godhadhaa!” jedhe. Erga nyaatanii booddees akkanuma sanatti xooficha fudhatee, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa, dhiiga kootiin dhaabatuudha; yeroodhuma isa keessaa dhugdanitti seenaa kootiif godhadhaa! jedhe. Yeroodhuma buddeena kana nyaattaniiti, yeroodhuma xoofoo kana keessa dhugdanitti hamma gooftaan deebi’ee dhufutti akka inni [namootaaf] du’ee ni labsitu.

Sirnaa qiddaassee amma kana qoophessaan Qulqulluu Abbaa Baasiliyoos Zeqisarriya.

Seenaan Akkamitti hubatamaa?

  1. Seenaan Maali?

Namni waa’ee Seenaa yoggu gaafatamu ‘waan darbe tokko kan qoratu’ jechuun qofa ibsuu ni mala. Seenaan garuu waa’ee isa darbe qofa osoo hin taane isa darbe sana kan amma jirufi isa fuula-duratti dhufutti kan walitti hidhudha. Kanaafuu, Seenaan mudannoo darbe kan itti qorannu, bara keessa jiraannuuf barumsa kan itti fudhannu, akkasumas jireenya (kaayyoo) keenya fuula-duraaf wabii gaarii kan itti arganudha (Gizaw, 2005:43). Haala wal-fakkaatuun hayyuun Seenaafi Barsiisaan Yunivarsiitii Finfinnee Prof. Shifarraaw Baqqalaas: ‘seenaan kan darbe qofa miti; battaluma kanattillee kan hojjetamaa jirudha. Kanaafuu, seenaan akka bishaaniiti- kan darbe, kan jirufi kan dhufullee hunda walitti makata; kanneen sadan adda baasnee ibsuun ulfaata’ jedhu. Kanas ta’e sana garuu, dur eenyu akka turre, har’a eenyu akka taanefi akkamitti akka har’a keenya fakkaanne, borus maal ta’uuf akka dandeenyu kan nuuf ibsu seenaa dha.

2. Faayidaan (Galmi) Seenaa Qorachuu Maalii?

Seenaan baroota sadeen kan wal-quunnamsiisudha: kaleessa, har’afi boru. Dhaloonni haaraan har’aa seenaa irraa baratee yaada bareedaa akka burqisiisuuf, rakkoolee jiraniif furmaata akka soquuf, jabaatee hojjetee muuxannoo mo’achuu akka horatuuf isa gargaara (Mangistuufi Asaamminoo, Seenaa Bataskaanaa-2ffaa, f.3). Keessumaayyuu seenaan baroota darban keessa raawwate tokko bifa isaa jijjiiree mudachuun waan hin oolleef, kan mudatee darbe sana beekuun qorumsa dhufu hundarraa of-eeguuf fayyada. Kanaafuu seenaan darbe hunduu dhaloota amma jiruuf (fuul-duratti dhufuuf) barumsa, hubanoofi of-eeggannoo uumuuf gumaacha guddaa qaba. Seenaan waa’ee mudannoowwan darban adda addaa akka hubannu, kanneen tibbanaas akka qalbeeffannu, ijo dubbii tokko bu’uura isaarraa kaafnee akaa xiinxallu, mudannoos ta’e murtoo jireenya keenya keessaa haala amansiisaa ta’een (logically) akka simannu nu taasisa. Kanaafuu seenaan dhaloota odeeffannoo gahaa qabu (well informed), kan ofitti amanu (selfconfident) fi murtoo sirrii kennuu danda’u (decision maker) uumuuf shoora guddaa qaba.

‘Oolmaa keenya kaleessaa gamaaggamuun, har’a oogummaan jiraachuufi boruuf qophii gahaa gochuuf kan nama gargaaru seenaa dha; dame beekumsaa dogoggora darbe sirreesuuf, jalqabbiiwwan miidhagoo jajjabeessuuf, jijjiirama amalaas fiduuf gargaarudhas (Mangistuufi Asaamminoo, Seenaa Bataskaanaa-2ffaa, f.2). Namoonni seenaa darbe dagatan deebisanii dogoggoruun isaanii hin oolu. Warri seenaa yaadatan tokko tokkommoo irraa barachuuf otuu hin taane madaa durii tutuqanii caalaatti dhiigsuuf, aaloo bahuuf, ibidda jibbaa qabsiisuuf itti gargaaramuuf carraaqu- kuni duubatti hafummaadha malee tarkaanfii ammayyaa miti. Faayidaan seenaa inni ijoon garuu mudannoo dabaa abaaruufi irraa baratanii akka lamuu hin deebine dhorkuuf; isa gaariimmoo jajuuf, dabalanii simachuuf ture. Kan nama gaddisiisu garuu namni seenaa irraa barachuu hin dandeenye. Beektonni seenaa Bernard Shaw fi Hegel taajjabbii isaanii: ‘seenaa irraa kan barannu yoo jiraate sanyiin namaa seenaa irraa barachuu dadhabuusaati’ jechuun ibsu. Walumaagalatti qabxiilee kanneen hubachuun bara kana biyyaa keenya keessatti gaaffilee ‘walitti-dhufeenya sabni Oromofi Bataskaanni Ortodoksii qabaniin’ wal-qabatanii gaafataman hubachuuf (deebisuuf) nu gargaara. Haaluma kanaan ‘faayidaafi kaayyoon seenaa qorachuu maali?’ jennee haagafannu:

  • Seenaa dogoggoraa uumamee ture dabaluuf mo seenaa irraa barannee waan fooyya’e tokko hojjechuuf?
  • Namoota durii seenaa gurraacha galmeessisanii darban kaafnee abaaruu mo yaada wayyaa qabu haaraa maddisiisnee seenaa gaarii galmeessisuuf?
  • Seenaa jallatee darbe caalaatti jallisuuf mo yaada qajeelaa kenninee akka sirraa’u gumaachuuf?
  • Akka warra durii yaada boodeetti hafaa hordofnee badii dabalataa fiduuf mo akka dhaloota barate jaarraa 21ffaa fageessinee yaaduudhaan beekaafi ammayya’a ta’uu keenya mirkaneessuf?
  • Namni tokko ‘beekas’ kan jedhamu seenaa waan barateef mo beekumsa argate kanarratti hundaa’ee seenaa furmaata qabeessa hojjetee darbuuf yoo carraaqedha? kkf.

3. Bu’uuraalee Seenaa Hubachuuf Gargaaran

3.1. Yaroo, bakkafi mudannoo

Seenaa tokko sirriitti hubachuuf waa sadii beekuun murteessaadha: yeroo (time) fi bakka (place) seenaan suni itti raawwate, akkasumas mudannoo raawwate (event). Kanneen sadan irraa foxoqsanii seenaa dhugaatti hubachuun soba; yakkadhas. Seenaa waggootiin hedduu dura ta’ee darbe tokko yoggu dubbisnu haala hawwaasummaa, dinagdee, siyaasaafi aadaa yeroo sanaa irratti hundoofnee hubachuuf yaaluu (haala qabatamaa barichaa keessa ofcuuphuu) qabna malee qabxiilee kanneenirraa adda baasnee akka bara keenyaatti hiikuu hin qabnu. Fkn: seenaa bara mootota durii raawwate tokko ilaalcha har’a qabnuun hubannee guutummaa guutuutti ‘gaariidha’ ykn ‘dogoggoradha’ jechuun ibsa beektota seenaan ‘Anachronism’ jedhama; mudannoo seenaa keessaa tokko yeroo isa hin ilaallatiin keessa ukkaamsuu jechuudha. Har’arra dhaabbannee nama waggoota heduun dura jiraatee darbe fokkuuf ‘ebaluun akkana gochuu hinqabu ture’ jechuun kan fudhatama hinqabnes kanaaf dha. Yaada kaleessaafi yaada har’aa, dhaloota duriifi kan ammaa wal-bira qabnee madaaluun dogoggora; namni dhuunfaanillee ilaalchaan bilchaachaa waan deemuuf guyyaa hunda walqixa (dhaabbataa) miti. Har’i kaleessa irraa baratee boruuf karaa soquu qaba malee yakkuufi itti murteessuudhaan bu’aa hin argatu. Kana jechuun garuu seenaa keessatti dogoggorri hin jiru jechuu miti; toleeras, badeeras jechuuf garuu murtiin isaa akkas salphaa miti jechuuf malee. Yaada irratti kennuu yoo barbaannes ilaalcha har’afi asitti osoo hin taane yaadaan duubatti deebi’anii bakka isaan turan dhaabachuudhaan ta’uu mala. ‘Seenaa darbe waliin gamnoomaan araaramu malee doofummaan itti hin bu’an;… isa fuula-duraa malee kan darbe sirreessuu hin dandeenyu.’ (Gizaw, 2005:230, 251).

3.2. Madda sirrii gargaaramuu (Source)

Maddi odeeffannoo seenaa hedduudha: kan barreeffames, kan hin barreeffamnes ta’uu ni mala. Kanaafuu, namni seenaa dhugaa qoratufi barreessuuf fedhu tokko madda sirrii filachuu isaa mirkaneeffachuu qaba. Namni burqaa qulqulluurraa hin waraabne bishaan carii fida/dhuga jechuun soba. Bakka booruu irraa waraabanii seenaa boora’e barreessuun yakkamaa seenaa nama taasisa; dhaloota dhufus dhukkubsachiisa. Seenaa keenya keessatti madda dhabuu, kan jirus seeraan gargaaramuu dadhabuu, ykn kan fedha-ofii waliin deemu qofa filachuun ni mul’ata. Akka hayyoota Seenaatti maddi odeeffannoo seenaaf filatamu yoo ulaagaalee armaan gadii guuta ta’e dha:

  • B a r a se e n a a n s u ni r a a w w atetti y o o b a rr e effa m e ta’e (= yoo yeroon seenesichi itti jiraateefi seenaan suni itti raawwate walirraa fagaachaa deeman, amanamummaan madda odeeffannoo seenaa sanaa hir’achaa dhufa). Fkn: namni raawwii sana ijaan arge (eye witness) fudhatama guddaa qaba ; qaamaan bakka sanatti waan argamee hubateef. Odeeffannoon dhageettii-dhageettiidhaan darbu garuu guutummaa guutuutti soba jechuu baannullee dhugaan isaa qaqal’achafi dabaa deemuu isaa shakkii hin qabu.
  • M u u x a n n o o k allattii ( Dir e ct E x p erie n c e) : kunis ofiin dhimma sana keessatti hirmaachuun waan argamuuf amanamaadha. Fkn. Namni waraana keessatti hirmaate tokko kaan caalaa waa’ee waraanichaa yoo seenesse irraa bareeda; kan awwaaletu mardoo hima jedhu mitiiree.
  • Maddawwan dur – durii (Ancient Archives ) : isaan kuni barreeffamoota, hafteewwan meeshaa, wantoota bakkeewwan seen-qabeeyyii keessatti mul’atan hunda dabalatu. Afaan hin qaban malee ogeessa sirriitti isaan dubbisufi hiika sirrii kennu argannaan akka namaa soba hin beekan.
  • Eenyummaa s eenessitoota : namni seenaa barreessu tokko ofii oogummaa isaa qabaachuu qaba; eebbifamuu isaa osoo hin taanee beekumsaan. Dhimma barreessu sanaafis yeroodhaan dhiyoo (occasion proximate) ta’uu qaba. Kanaafuu, ‘eenyummaa barreessaa sanaa beekuun dhugaa seenaa sanaa madaaluuf karaa nuuf saaqa’ (Edward Kar, 1961). Fkn: namni seenaa Itoophiyaa barreessuu fedhu tokko lammii biyyaa ta’uun isaa waa’ee uummata seenaa barreessuuf sana sirriitti akka beeku isa taasisa; garuu qomoo isaaf jecha dhugaa akka hin jallisne of-eeggachuu qaba. Hunda dura sammuu aantummaarraa, ilaalcha dhuunfaafi hawwii keessasaa jirura fagaachuu qaba. ‘Namni seenaa barreessuuf yaadu tokko mana kitaabaa otuu hin seeniin dura ejjennoofi hawwii keessasaa jiran hunda ofirraa darbachuu qaba; ta’uu baannaan madaallii dhugaan deemuuf rakkata’ (Hobsbawm, 1990: article-3).

3.3. Ilaalcha Keenya Sirreessuu

Madda odeeffannoo seenaa waliin kan wal-qabatu qabxiin biraa ilaalcha nuyi barreessitoota warra lixaaf (foreign writers) kenninudha. Kuni namoota warra adii qofa kan ilaallatu miti; lammii biyyaa ta’aniis achitti waan barataniif ykn kitaabota isaanii dubbisanii yaada warra lixaa fe’amanii (baatanii) waan dhufaniif daawitii ormaan seenaa isaanii warra ilaalanis ni dabalata (Messay, 2006). Kan barreessitoota biyyaatiin barreeffame hundi sirriidha jechuu osoo hin taane ‘biyya keessa waan ta’aniif qofa’ tuffannee kaan jajna taanaan jecha ‘warqeen of-harkaa qaban hundi dhagaadha’ jedhamu nu yaadachiisa. Ilaalchi orma caalchifachuu akkasii kuni beektota seenaatiin ‘Euro-centrism’ jedhama (Messay, 2006:816). Akka jecha Gabra-Hiwot Baayikedany ibsanitti (2003:3-5), seenaa dhugaa barreessuun salphaa miti-kennaalee sadii gaafata: laphee dhugaa hubatu, sammuu loogummaa malee murteessufi dandeettii ifaan ibsuu (oogummaa, qooqa). Barreessitoonni biyya keenyaa hedduun isaanii garuu kanneen sadan dhabuudhaan dhimma guddaa dhiisanii isa xiqqaa barreessu, dhugaaf dhaabachuu dhiisanii oduu baraaf bitamu, seenaan barreessanis isa dubbisuuf ifa miti. ‘Seenaan ulfa dha-barreessaan seenaa tokko madda tokko ofii akka hubatettifi akka fedhetti akkasumas akka sadarkaa xiinxalasaatti waan hiika itti kennuuf oogummaa deessisuu gahaa qabaachuu qaba’ (Gizaw, 2005:79).

3.4. Miiraan oofamuu irraa of-eeguu

Seenaa hubachuufi barreessuun ‘dhugaaf bitamuu’ barbaada; deeggarsaanis ta’e jibbiinsaan guutamanii seenessuun adeemsa ammayaa miti. Namoonni tokko tokko garuu dhugaa ture dhiisanii fedhafi hawwii isaanii barreessu; miiraan oofamuu (sensual) jechuun kana. Seenaan ofii qabatamaa (objective) dha; garuu barreessitoonni yeroo hedduu dhiibbaa siyaasafi fedhii dhuunfaa (subjective) itti makuun ni mul’ata (Kim, 2010:1). Waan isaan yaadan tokko namni akka isaaniif fudhatu yoggu barbaadan dimshaashaan ‘seenaan akkana jedha’ jedhu; kitaaba kamifi fuula kamirratti akka jedhu garuu nuuf hin caqasan. Yoo caqasanimmoo yaada kitaabichi jedhu akka jirutti barreessuu dhiisanii jechafi hiika mataa isaanii itti kennu; ‘akkas jechuusaati’ jedhanii (distorted interpretation) kan barreessaan suni jechuu barbaade gara hawwii isaaniitti harkisuuf carraaqu. Adeemsi akkanaa kuni madda seenaa xureessuu (abusing historical sources) dha. Kaanimmoo filanoo dhuunfaa irratti hundaa’anii mada odeeffannoo seenaa keessaa kan barbaadan (yaada isaanii kan deeggaru qofa) fudhatu, kaan (kan yaada isaanii falmu) tuffatu; kunis dhugaa seenaaf bitamuu osoo hin taane fedhafi hawwii keenyatti harkisuudha. “Seenessitoonni haaraa dhufan heduun seenaa miirawaa (emotionally-bound) barreessu; kan isaan ‘Itoophiyaa’ jedhanis ishee ofii arguuf barbaadan dha” (Triulzi, 2002:279).

4. Yaada Xumuraa

Seenaa dhugaafi qabxii ‘bishaan fuudhu’ uummataaf dhiyeessuun wareegama barbaada: ofmo’uu, warra aangoo qaban falmuufi madda sirrii soquu nu gaafata. Namni seenaa barreessu yoo dhugaa mul’ise seenaa biraa hojjeta; yoo garaa guuttachuuf jecha dhugaa hir’ise garuu lafarratti seenaan, samiirratti Waaqni isa gaafata. Kanaafuu, seenaa barreessuufi hubachuun of-eeggannoo cimaa barbaada. Seenaan dhaloota jirufi dhufu qajeelchuuf (kallattii qaroominaa agarsiisuuf) malee isa darbe aaloo bahuuf hin barreeffamu-kuni adeemsa jaarraa 21ffaa miti. ‘Dogoggora seenaa keessaa dogoggoraan aaloo bahuun badii dachaadha’ (Gizaw, 2005:116). ‘Seenaan darbe sirrii miti’ kan jedhu yoo jiraate, oogummaafi wabii qabatamaan serreessuuf carraaqa malee barreeffama arrabsoon guutameefi humnaan adeemuun badii biraa hojjechuu dha. Tolaas ta’e badaa warra seenaa hijjetee du’e (reeffa) waliin wal’aansoo wal-qabuun qaroomina miti-isaan kana booda maaliif akka kana hojjetan deebii nuuf kennuu hin danda’an; ‘du’aa hin komatiin’ kan jedhamuufis kanaaf. Dhaloonni amma jirus badii akaakileefi abaabilee isaa duriif akka ‘hoolaa warajoo’ itti darbee komatamuufi lubbuu kennuu hinqabu; seenaa sana keessatti gahee waan hin qabneef. Amma kan nurraa eegamu ‘dhaloonni fuula-duraa akkamitti haa qajeelu?’ isa jedhu deebisuu dha. Qomoo kamirraayyuu hadhalannu, amantaa kamiyyuu ha hordofnu, seenaa hubachuun walnu dhabsiisuu hin qabu. Akka biyyaatti adda-addummaafi seenaa wal-nudhabsiisu caalaa tokkummaafi seenaa walitti nu hidhu qabna. Oduu tibbanaafi olola baraaf jennee seenaa micciiramaaf hin saaxilamnu. Garuu, kaan miidhaa isaa yaadee yeroo hunda boo’aa (crying victim), kaanimmoo biyya nagaatti hin farrisiinaa jedhee marmaratee yoo ciise (denial) yoomuu walii hin gallu; sunis qabbanaa’ee, kunis dammaqee marii waliiniif qophaa’uu qaba. Seenaan kamiyyuu dogoggora malee akka hin hojjetamu-xuriifi booruu qaba; kunimmoo seenaa addunyaa hunda keessa kan jiru malee nuun qofa kan mudate miti (Gizaw, 2005:103). Akka amantaattis yoo ilaalle, kan seenaa hojjetan namoota malee ergamoota waan hin taaneef ‘maaliif dogoggoran?’ hin jedhamu. Seenaan Itoophiyaa waa’ee isa darbee sirriitti ifa baasuu qaba; garuu qorannoo cimaafi sammuu qajeeltoorratti hundaa’uu malee dhiibbaa siyaasaan, aantummaa ykn ilaalcha dhuunfaarratti hundaa’uu hin qabu (Triulzi, 2002:287-288). Akkasumas, seenaan keenya dirree wal-quunnamtiifi walii-galtee malee meeshaa wal-dhabbii ta’uu hin qabu. Baroota dheeraaf gaariis ta’e badaa waliin dabarsineerra; waliin nyaannee dhugneerra; fuudhafi heerumaan maatii tokko taaneerra. Wal-diiguun caalaatti numaan miidha; diinotaa keenya tokkummaa keenyaan mo’atamanii turanimmoo gammachiisa-‘walii-galan, alaa galan’ jedha mitiiree Oromoon?!

Madda Odeeffannoo (References)

1. Hobsbawn, Eric J (1990). Nations & N ationalism Since 1780 . Cambridge University Press.

2. Kim, Ji Yang (2010). National Historiography of Ethiopia . Term paper, AP World History Class, Korean Minjok Leadership Academy International Program.

3. Messay Kebede (2006). Gebrehiwot Baykedagn, Eurocentrism, and the Decentering of Ethiopia. Journal of Black Studies, Vol.36, No.6, pp.815-832.

4. Triulzi, Alessandro (2002). Battling with the Past: New Frameworks for Ethiopian Historiography. In: Remapping Ethiopia: Socialism & After. Ohio University Press.

5. ግዛው ዘውዴ (2005 ዓ.ም)፤ ታሪክ፣ ትርክና ታሪካችን፤ አዲስ አበባ፡፡