Guyyaan Ayyaanaa Maali?

Guyyaan Ayyaanaa Maali?
Ayyaanni guyyaa gammachuu, kabajaa, galataa, yaadannoo, boqonnaa, guyyaa yeroo kaan irra haala adda ta’een itti dabarsinuudha. Ayyaanonni hojiiwwan afuuraatiin, sooman, sagadaan, kabajamanis jiru. Jireenya bara baraa caalatti kan ittin hawwinuufi ittin yaadannuudha. Kakuu moofa keessatti, Israa’eloonni ayyaana garaa garaa kabajaa akka turan, barreeffamootni kitaaba qulqulluu keessatti argaman dhugaa bahu.
Ayyaana kabajuun kan eegalames, fedhii Waaqayyootiin akka ta’e Seera Uumamaa iraa ni hubanna.
• Uma 2:1-2 Waaqayyo guyyaa torbaffaa (sanbataa) hojii isa hunda irraa ni boqate.
Waaqayyo hojii isaa irraa boqote yemmuu jennus, dadhabee yookiin ittii dhihee yookiin haara galfiin isa barbaachisee osoo hin taane, kabaja guyyaa sanaa ibsee, nutis akka guyyaa sana boqonnee kabajnuufi. Guyyaawwan jiran keessaa, guyyaa adda ta’an ayyaana godhani kabajuunis, yeruma sana eegale. Kanaaf, ayyaana kabajuu kan eegale Waaqayyoo jechuudha. Haala kanaan, kakuu moofaa keessatti ayyaanni jalqabaa guyyaa sanbata xinnaa ture.
Abboommii Museef kenname irratis guyyaa sanbataa yaadadhu kan jedhame isuma kana. Dabalataanis, kakuu moofaa keessatti Yihuudoonni ayyaana Faasikaa/lrra-darbuu, Seewiit, Metsellet, guyyaa Malakataaf Faaggaa, guyyaa haaromsa mana qulqullummaa ayyaana Furiim fi ayyaanota biroos kabajaa turan, kabajuu irrattis argamu Yihuudonni ayyaana kan kabajan,
• hojii foonii hojjechuu dhiisuudhaan (Lew 23:3),
• aarsaa dhiheessuun (Lakk 28:9),
• gara mana qulqullumma dhaquudhaanifi kan kana fakkaataniini.
Kakuu haaraa keessattis, gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos ayyaanotaa gara garaa kabajuuf, gara Iyyeruusaaleemitti ba’aa akka ture barraa’ee jira. Fakkeenyaaf,
• Ayyaana Faasikaa kabajuuf, maatii isaa wajjiin gara Iyyeruusaleem dhaqee achumatti akka hafe ibsameera (Luq. 2:41-43).
• Yohannis 2:13 irrattis, gooftaan gara Iyyeruusaleem akka dhaqe ni ibsa.
Egaa, akka mana kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidootti, ayyaanotni akka
• Sanbattan lamaanii,
• Ayyaana gooftaa Iyyasuus Kiristoos gurguddoo saglan (jechuunis,
o guyyaa nama ta’ee gadaamessa Dubroo Maariyaamii keessa bule (Tisbi’iit),
o guyyaa Dhalootaa isaa,
o Cuuphaa,
o Hosaayinaa,
o Guyyaa Fannifamuu,
o Du’aa ka’uu,
o 0l Bahuu,
o Pharaqlixoos,
o DabraTaabor/Taaboree/) akkasumas,

• Ji’a keessatti ayyaanonni qannoodhaan kabajaman lakkofsan sadi yoo ta’an, isaanis
o Guyyaa dhaloota Gooftaa keenyaa yeroo hundumaa ji’a keessatti guyyaa 29,
o Yaadannoo haadha keenyaa qulqulleettii Dubroo Maariyaam, guyyaa 21 tti, akkasumas,
o Ergamoota keessaa kan qulqulluu hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel, guyyaa 12tti bakkaa fi nannoo kamittuu akka kabajamu qaban ta’eera.
Ayyaanotni kanneen biroon garuu, ji’a keessatti guyyaa tokkoo hanga sodommaatti kan jiran, ayyaanni waggaa isaanii kan kabajamuu fi uummanni dabrii sanatti tajaajilamu ji’a ji’aan kan kabajuudha. Mana kiristaanaa keenya keessatti, guyyaan hojiin qulqullootaa itti hin yaadatamne hin jiru. Waggaa hanga waggaatti, guyyaa tokkotti seenaa fi qabsuura isaan raawwataniin
walqabatee, qulqulloota hedduutu yaadatama.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Yaadannoo Qulqullootaa

Yaadannoo Qulqullootaa
Guyyaalee Waaqayyo qulqulloota isaa irra bulee hojii ajaa’ibaafi adda ta’e itti raawwatu, guyyaan sun guyyaa yaadannoo addaa ta’ee, kan itti yaadatamuufi kabajamuudha.
• Far.110/111:4 Ajaa’iba isaatiif yaadannoo teessifate jedhu,
Kunis guyyaa Waqaayyo hojii dinqisiisaa itti raawwate, wanta Waqaayyo guyyaa sana nuuf raawwate yaadachaa, dandeettii, ol’aantummaa, arjummaa isaa akka ittiin hubannuufi yaadannuuf akkasumas, qulqulloota inni guyyaa sana kabajee hojii addaa akka hojjetan taasise, kan itti yaadannuudha. Guyyichis, guyyaa ayyaana yaadannoo qulqullootaa jedhama. Qulqullootni haala kanaan yaadatamanis, amantaa isaaniif jecha warra gadadoo garaa garaa arganii darban yemmuu ta’u, isaanis, akkuma qulqulluu Phaawulos
• Ibr. 11:33 Isaan amantaadhaan mootota injifatan, qajeelina raawwatan, abdii kennames ni argatan, afaan leencotaa ni cufa, humna abiddaa balleessan, qara seefii jalaa ni miliqan, dadhabbina isaanirraa ni jajjabaatan, waraanan cimoota ta’an, raayyota alagaa ni ari’atan. Dubartoonni du’oota isaanii du’aa ka’uumsan simatan; warri kaanis fayyina argatan,du’aa ka’uumsa isa caalu akka argataniif hanga du’aatti reebaman; kanneen biroonis itti yaa’inamee reebamuun kanaan olittis hidhamudhan mana hidhaatti qoraman; dhagaadhaa reebamanii du’an, ni qoraman, magaaziidhaan baqaqsaman, seefiidhan ajjeefamanii du ‘an, hundumaa dhabanii gidiraa simachaa dhiphachuun kallee hoolaafi re’ee uffatanii jooran ;addunyaan kan isaanii waan hin taaneef gammoojjiifi tulluurra holqaafi boolla keessa jojooran. jedhe dubbate.
Yaadannoon isaanii kunis, fedha Waaqayyoo ta’uu isaa kitaaba qulqulluu irraa ni hubanna.
• Isa 56:4 Waaqayyo sanbatoota koo kan eegan wanta nama gammachiisanis kan filataniif, jecha waadaa xu’aashota koo qabaataniif akkas jedha “manaafi dallaa koo keessatti maqaa yaadannoo, ijoollee dhiirufi dubartii kan caalu nan kennaf, maqaa hin badness kan bara baraa kennaaf”jedha.

Jireenya biyya lafaa naannoo kamittuu namni kamiyyuu erga addunyaa kanarraa boqatee boodå, maatiifi ijoollee isaa biratti wanta gara garaatiin yaadannoon isaa ni raawvatamaaf. Fakkeenyaaf, namoota waan gaarii addanyaa kanarratti raawwatanii darbaniif, yaadannowwan akka siidaa, moggaasa mana barumsaa, hospitaalaa, magaalaafi kan kana fakkataniin dhaloota keessa akka hin irranfatamneef, maqaan ni kennamaaf. Yoo yaadannoon kan biyya lafaa akkana ta’a ta’e, dhimma amantaa isaaniif jecha Waaqayyoo isaaniif amanamanii, lubbuu isaanii dabarsanii kennan, qulqullootni ammoo, caalaatti yaadatamuu akka qabu eenyu jalayyuu kan dhokate miti.

Yaadannoon qulqullootaas akka seera mana kiristaana Ortodooksii Tawaahidootti kan raawwatamu: – Manni kiristaannas maqaa isaaniitiin Taabota moggaasuuun, kadhannaafi sirna kabaja ayyaana addaa qopheessuun, Xabala maqaa isaaniitiin moggaassun, xoofoo maqaa isaanitiin dhuguun, walumaa galatti, guyyaa yaadannoo isaanii sana gaarii kamiyyuu maqaa isaaniitiin raawwachuun yaadannoon isaanii raawwatama.

Yaadannoo qulqullootaa wanti adda taasisu ammoo, yaadannoon isaanii dhaloota tokko qofa irratti kan dhaabatu kan hin taaneefi bara baraaf kan itti fufu ta’uu isaati. Kanaaf macaafa qulqulluu keessatti,
• Faar.l1:6 “Yaadannoon tolootaa, baraa hanga baraatti”
• Ba’u 20:6 kan na jaalataniif; ajaja koos kan eegan hanga bara kumaatti dhiifama kanan taasisu ani Waaqayyoodha” jedha.
Kana jechuun isaas ammoo, araarri fi dhiifamni isaa bara kumaan qofa lakkaawamee kan daangeffamu osoo hin taane, hanga bara dhuma hin qabneef ta’uusaa ibsuufi. Yaadatamuun qulqullootaa ammoo, akkasumaan wanta bu’aa fooniifi lubbuuf hin qabneef osoo hin taane, namni isaan yaadatu waadaa isaaniif kennameen akka fayyadamuufi. Akkuma tolaan yaadatamu sun maqaan isaa bara baraaf jiraatu, warri (abbaan) yaadatu sun ammoo, suga qulqullicha sanaaf kenname ni argata, badiinsa fooniifi lubbuu jalaayis ni baraarama.
• Isa 65:8 Waaqayyo akkas jedha: akkuma wayniin yeroo zalalaa isaa irra jirutti eebbi isarra waan jiruuf hin balleesinaa jedhamu, hundumaayyuu akkan hin balleesineef, tajaajiltoota koofjedhee akkanuma nan raawwadha.
• Fak. 10:7 Yaadannoon tolootaa eebbafidha.
• Mat 10:41 Namni araarsummaa tolootaa, wareegamtootaa ykn qulqulluu tokkoo, hojii inni hojjete eebbaafi fayyina kan argamsiisu ta’uu isaa hubatee, waadaa qulqullicha sanaaf kenname irraa fayyadamuuf maqaa qulqullicha sanaatiin waan gaarii dalage, gatii qulqullicha sanaaf kenname ni argata jedha wangeelli.
Kunis ammoo, hojii yaadannoo qulqullootaa mana kiristaana (ortodooksii) keessatti taasifamuuf caqasa bu’uurati.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Qulqulluummaan Maalii?

Qulqullummaan Maali?
“Qulqulluu” jechuun kabajamaa; adda kan tahe; kan filatame jechuudha. Jechi kuni hundumaa ol kan ibsu Waaqayyooni.
• Isa 6:3 irratti Suraafeel, Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu Waaqayyo Gooftaa raayyotaa dacheen hundi kabaja keen guuttamte jedhanii, galateeffatu turan.
Oulqullummaan Waaqayyoo kan amaluummaati, kan ittiin morkatus hin jiru.
• 1Sam.2:2 kan akka Waaqayyoo qulqulluun hin jiru; kan akka Waaqa keenya tolaan hin jiru. isa malees, qulqulluun hin jiru” jedha.
• Mul’ata Yohaannis 15:3 irrattis, “kan maqaa kee hin kabajne eenyu? Ati qofti Qulqulluudha; hojiin tolooma kees waan ifa baheef, ormootni ni dhufu, fuula kee durattis ni sagadu” jedha.
• Isaayaas 40:25 irratti, egaa akkan ittiin qixxaadhuuf eenyun wal na fakkeessitan jedha qulqullichi” jedha.
• Haati keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiinis ammoo, “egaa amma irraa eegalee, dhalootni hundi kan galateeffamte naan jedhu, jabaa kan ta’e inni hojii guddaa anaaf raawwateeraatii, maqaan isaas qulqulluudha. Luq 1:48-49 jettee ragaa baateerti.
Kanaaf, qulqullummaan amaluummaa Waaqayyoo qofa kan ta’e, gosa uumamaa keessaa kamiifuu kan hin taane, uumamni kabaja hangamiiyyuu qabaatu, qulqullurnmaan isaa kan Waaqayyoon wal hin gitneedha.
Qulqullummaan cubbuurraa fagaachudha.Haa ta’u malee, jechi qulqulluu jedhu uumama qofa kan ibsu osoo hin taane, jalqaba bu’uurri isaa Waaqayyoof kan himamuudha. Waaqayyo ammoo, amaluummaa isaatiin qulqulluudha. Uumamni Inni uumees, akkuma amaluummaa isaanitti qulqulloota ta’anii akka jiraatan fedha.
• Lew. 19:2 “Ani Waaqayyoo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa”
• lPhex.1:15 “Inni isin waame qulqulluu akkuma ta’e, isiniis hundumaan qulqulloota ta’aa”jedha
Waaqayyo amaluummaa isaatiin qulqulluu fi cubbuun isaaf kan hin taane sadarkaa qulqullummaa isaas, uumamni hangana gaha jedhee dubbachun kan ibsamu miti.
Uumamoota keessa qulqullummaa kanan akka jiraatan Waaqayyoo kan gonfachiise ergamoota fi dhala namaa yoo ta’aan. Qulqullummaan dhala namaa garuu,yakkaafi cubbuu ,Addaam raawwateen kan irraa mulqame yoo ta’u, qulqullummaa isaa duraa sanatti deebi’uuf cubburraa fagaatee, addunyaa cubbuun guutamte kana moo’atee yoo hanga dhumaatti kan jiraatu ta’eedha.
Jecha qulqulluu jedhu kana bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda’amaa.
l. Qulqulluummaa Amaluummaa: qulqullummaa Waaqayyoo qofaf ta’ee dha. Sababni isaas, Waaqayyo amaluummaa isaatiin qulqulluu waan ta’eef

  1. Qulqullummaa Kennaa: Qulqullummaan akkanaa kun kan Waaqayyoo fedha isaatiin uumama isaatiif kennu jechuudha.
    Uumamtoota qulqullummaa kennaa qaban immoo, adda adda qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Isaaniis:
    • Ergamoota qulqulluu,
    • namoota qulqulluu,
    • meeshota (mi’oota) qulqulluu,
    • guyyoota qulqulluu fi iddoowwan qulqulluu dha.
    Namoota qulqulluu kan jedhamanis immoo,
    • wareegamtoota qulqulluu,
    • toloota (dhugoomtota) qulqulluu,
    • hayyoota qulqulluu,
    • raajota qulqulluu fi kan biroos jedhamanii addaan qoodamu.
    Egaa sababa kanaaf, wangeela irratti qulqulluu Maatiwoos, qulqulluu Maarqos, qulqulluu Luqaas, qulqulluu Yohaanis, Pheexros, Phaawuloosii fi kkf jechuudhan, maqaa isaani dura jecha ‘qulqulluu’ jedhu aansuudhaan itti fayyadamna.
    Qulqullootni, amantaa isaanifi Waaqayyoof hamma dhumaatti amanamanii, wareegamaniifi maqaa Gooftaa Iyyesuus kiristoosiif jedhanii gidiru arganiifi maqaa isaatiin mootota addunyaa duratti himatamnii yemmuu dhiyaatanitti, soda tokko malee amantaa isaanii dhugaa ba’anii maalummaa amantaa isaanii biyya lafaaf kan labsan akaksumas, raajii baayyee raawwachuun, jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon tajaajilanii kan darbaniidha. Kanarraa kan hafes, addunyaa kana tuffachuudhaan, lafa gadaamii) keessatti bineensaa fi qorra diilallu’u danda’anii, Waaqayyoon galateeffachaa kan turan, oduu fi jaalala biyya lafaa kanarraa kan fagaatanidha. Akka barumsa mana kiristaanaatti, Waaqayyoo hojii gaarii qulqullootni kun raawwataniif, guyyaa boqonnaa isaanitti, isaan qofaaf osoo hin taanne firiin hojii isaanii uummata biraas akka fayyadu, waadaa addaa galeefi jira. Waaqayyo qulqulloota akka dhagahufi waadaa isaanis akka eeguuf caqasawwan ibsan keessaa muraasni:
    • Faar. 34: 15 “Iji lamaan Waaqayyoo gara qulqullootaati, gurri lamaan isaatiis gara kadhaa isaaniti”
    • Fakk. 10:24 “Fedhiin qulqullootaa ni laatamtiif’
    • Yaaq 5:16 “Kadhaan nama qulqulluu hojii isheetiin humna cimaa gooti, dirqanus ni raawwatti”
    • Fakk. 15:29 “Waaqayyo cubbamtoota irraa ni fagaata, kadhannaa qulqullootaa garuu, ni dhagaha.”
    • Faar. 140:2 “Kadhannaan qulqullootaa Waaqa biratti akka Ixaanu jaalatamaadha”
    Qulqullootni qulqullummaa isaanii eeganii hangaa dhumaatti yoo jiraatn, Waaqayyo ammoo, kabaja qulqullummaa isaanii kanaan hanga bara baraatti akka ittiin kabajaman ni taasisa. Qulqulluu Phaawulosis ergaa isaa irrati waa’ee kana yemmuu ibsutti,
    • Rom 8:30 “Dursee kan murteeffate isaan ammoo, ni waammate; warra waammate kana ammoo, ni toloomse; warra toloomse kana ammoo, ni kabaje…” jedhee qulqulloonni Waaqayyoon kan waamaman, kan filataman, ulfinnifi kabajni isaanii, isaan kan mirkanaa’eef ta’uusaa ibseeraa.
    Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!

Cuuphaa Dhala namaa

Cuuphaa Dhala Namaa
Akka sirna mana kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidootti namni sababii addaa addaatiin osoo hin cuuphamiin umriin isaa kan guddatee yoo jiraate, amantaa biroo keessatti cuuphamee kan dhufe jalqaba barumsa bu’uura amantaafi iccitiiwwan ni barata, baratee booda sirriittii amanuufi amanuu dhiisuun isaa ni qoratama. Kanaan booda sirriitti beekuu fi amanuun isaa eega addaan ba’ee booda akka gaabbi galu taasisama. Gaabbii isaas erga xumuree booda maqaa Abbaa Ilmaafi Afuura Qulqulluutiin cuuphamee miseensa mana kiristaanaa ni ta’a. “Egaa deemaa (dhaqaa) maqaa Abbaa llmaatiin fi Afuura Qulqulluutinis cuuphuun saba hundumaa bartoota koo taasisaa” (Mat. 28:19)
Daa’imman amantootaa garuu dhiira yoo ta’an dhalatani guyyaa afurtama (40) tti, dubartii yoo ta’an garu dhalatanii guyyaa saddeettama (80)tti ni cuuphamu. Kunis maaliif yoo jenne fayyinni dhala namaa hundaaf akkuma ta’e ijoolleenis fayyina argachuuf ni cuuphamu. Yoo dhibeen du’aaf isaan gaaga’u muudate garuu guyyaan kun osoo hin gahin haatii mana kiristaanaa seenuu waan hin dandeenyeef, nama biraatiin geessamuudhaan cuuphamuu ni danda’u. Namni bishaanii fi Afüura qulqulluu irraa yoo dhalate malee mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin danda’u akkuma jedhu. (Yoh.3:5).
Guyyaa afurtammaffaafi guyyaa saddeettammaffaatti cuuphamuun isaanii ammoo; Addamii fi Hewaan bakka itti uumamanii gara Jannata
Eedanitti kan galan Addaam guyyaa 40 tti Heewaan immoo guyyaa 80tti galan waan ta ‘eef fakkeenya kanaan cuuphamu ( Kufaale 4 : 9) Kakuu moofaa keessatti dubartoonni dhiira yoo da’an guyyaa 40ffatti dubartii yoo da’an ammoo guyyaa 80 mana qulqullummmaa seenuun daa’imman isaanii eebbisiisu (Lewo. 12: l). Kakuu haaratti ammoo akkuma Gooftaan daa’imman gara kootti yoo dhufan hin dhoowwinaa jedhetti umurii isaanii caqasame sanatti gara mana qulqullummaa deemuun cuuphaadhaan Sillaasee irraa dhalatanii, dhaaltota mootummaa Waaqayyoo ta’uu isaanii ni mirkaneeffatu eebbas ni argatu. (Maat.19:14, Maar.lO:15, Luqa. 18:16).
Gooftaan umurii waggaa 30tti maaliif cuuphamee kan jedhuuf immoo?
Durummaan gooftaan gara biyyaa lafaa kan dhufee cubbuu hojjechuu gara biyya lafaatti kan dhufee Addamiifi Ijoollee isaa fayyisuufidha. Addaam yeroo ummameetti nama umurii waggaa 30 fakkataa turee yeroo kanas cubbuu kan hin hojjennee qulqulluu turee haa ta’uu malee cubbuu hojjechuun Eeden gannataa keessa ba’eerraa. Gooftaannis umurii akka itti Addaam ummameefi qulqulluu isaa inni tureef waggaa 30tti cuuphame. Addaam inni jalqabaa nama waggaa 30 fakkaatte ummamee cubbuu hojjettee; Addaam inni lamaffaan gooftaan keeenya immoo nama umurii waggaa 30 fakkaatte fayyinaa addamiifi ijoollee isaaf fidee xalayyaa garbuummaa lagaa gordanoos keessas dhabamsisee.
Nutti har’aa umurrii waggaa 30tti cuuphamna jenne osoo umurii waggaa 30 eegnu yoo duunne akkam tannarree? Gooftaannis “Namni bishaanifi afuuraa qulqulluu irraa yoo dhalate malee mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu” (Yoh.3:5) jedhee jira. Kanaf nuttis akka seera Wangeellatti dhiira yoo ta’aan dhalattanni guyyaa 40tti; durbaa yoo ta’aan guyyaa 80tti cuuphamuun fooniifi dhiigaa gooftaa fudhattu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!

Seenaa boqonnaafi du’aa kaa’umsa haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam

Seenaa boqonnaafi du’aa kaa’umsa haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam
Haatti keenya qulqulleettin dubroo Maariyaam waggaa 3 mana abbaa ishee fi haadha isheetiitti, waggaa kudha lama (12) mana qulqullummaa, Ji’a sagalii fi bultii shan gooftaa garaatti baattee, waggaa 33 fi ji’a sadii gooftaa wajjin, waggaa 15 Yohaannis abbaa
wangeelaa wajjin, walii gala waggoota 64 tti bara 49 keessa Amajji 21 boqottee Hagayya 14 awwaalamtee guyyaa sadaaffaa isheetti Hagayya 16 du’a keessaa ka’uudhaan gara samiitti ol baate. Akkaataan boqonnaa fi du’aa ka’umsa giiftii keenya Maariyaam baay’ee ajaa’ibsiisaadha. Kanaaf yihudootni mari’atanii reeffa ishee gubuuf waan barbaadaniif yaalii karaa Taawufinaas godhameen harkisaa lachuu yemmuu irraa citu reeffi giiftii keenya Måariyaam immoo hojii Waaqayyoo dinqisiisaa ta’een gara gennataatti ol fudhatamtee muka jireenyaa jala ka’amtee. Yeroo reeffi ishee ol fudhatame kan arge Yohaannis abbaa wangeelaa ture.Yohaannis irraa kan dhaga’aan barattootni reeffa ishee argatanii awwaallachuuf Hagayya 1 subaa’ee qabatanii utuu kadhachaa, tsoomaa jiranii Hagayya 14 gooftaan keenya
reeffa harmee isaatii fidee kenneef. Isaanis gammachuufi faaruu guddaatiin bakka isheef qophaa’e Geetaa seeman iddoo jedhamutti awwaallatan. Gaafa kana bartuun Toomaas hin turre. Guyyaa 3ffaa isheetti akka du’aa ka’umsa mucaa isheetiitti samiitti utuu isheen ol baatuu argee giiftiin keenya waan ta’e hundumaa itti himtee mallattoofi eebbaaf haa ta’uuf jettee kafana ishee Toomaasitti laatte; har’as mirga waaqaa jirti. Far.44(45):-9 Toomaasis lallabaaf iddoo biraa turee gara bartootaa yeroo dhufu akka awwaalanii yeroo itti himan Amajjitti duutte Hagayyaatti akkamitti awwaalchi ta’a, ta’uun irra hin jiru malee yemmuu inni isaan jedhu ati duraanis du’aa ka’umsa ilma ishee mamtee turte kottu amma immoo iddootti awwaalle ilaali jedhanii awwaalicha banan; boo’li duwwaadha. Innis deebiseefii na hin amanantan jedheetan malee yeroo isheen ol ba’aa jirtu argeera jedhees kafana isheen itti laatte itti agarsiisa. Isaanis mallattoof, eebbaaf haa ta’uuf gargar hiratan. Har’as abbootiin fannootti kan isaan hidhatan yaadannoo sanaadha. Akkuma yeroo Eliyaas ol ba’e Elsaayiif kaabbaa isaa gadi darbateefii ture sanarraas eebba guddaa ittiin argatee ture. 2Mot. 2:1
Akkuma marata mataa qulqulla’aa Phaawuloos kukkutanii fudhataa turanii dha. H/erg. 19:11-12 Barattootnis nuti arguu qabna jedhanii waggaatti Hagayya gaafa tokkoo (1) subaa’ee jalqabanii gooftaan keenya kadhannaa isaanii dhaga’ee bartoonni hundiis du’aa kaa’u haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam arguu danda’annirruu.
Waangeellis akkas jedha waa’ee du’aa kaa’umsaa haadha keenya:
1: Fars. 131(132):-8 irratti. yaa Gooftaa iddoo aara-galfii keetti ka’ii atii fi manni qulqullumaa kees, taabota kee wajjin jedha. Jechi kun akka du’aa ka’umsa mucaasheetiitti du’a ka’umsa ishee mul’isa.
2: W.Wed. 2:-10-13 jaalallee koo ka’i miidhagduu koo kottu kunoo gannii darbee jira roobi immoo sokkee deemeera; abaabboonni lafa irratti mul’atanii, yeroon weedduus ga’eera, sagaleen gugees biyya keenya keessatti dhaga’ameera; mukti arbuu ija godhachuu jalqabeera, mukti wayniis daraaree urgaa’eera, yaa hiriyee koo, miiidhagduu koo, ka’ii na bira kottu. Gannii darbee jira rrobiimoo sokkee deemera jechuun yeroon godaansa Giiftii keenya Maariyaam yeroo yihuudonni diinummaa irratti ka’an yeroo rakkina fannifamuu mucaasheetii gadduunshee sun darbuusaa agarsisaa. Abaabboonni lafa irratti mul’atan jechuun isaa immoo du’aa ka’umsi lafa irratti lallabamuu agarsiisa. Arbuun laaliseera jechuunsaa immoo adeemsa gaarii kan hin qabne adeemsa gaarii argarsiisuu jalqabaniiru jechuu isaati. Kan waame gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos yemmuu ta’u kan waamamte immoo giiftii keenya Maariyaamii dha. lccitiin kun akka Far. 45:-9 gubbaatti barreeffame giiftiin keenya Maariyaam du’a keessaa kaatee har’a mirga
waaqayyoo jiraachuu ishee agarsiisa.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!

kABAJAA qULQULLOOTAA

Kabajaa Qulqullootaa


Kabaja qulqullootaa jechuun warra Waaqayyoo isa qulqulluutti amananii eebbaa fi ulfina guddaa akka argataniif Waaqayyo kan isaan badhaaseedha.
Jechi qulqulloota jedhu afaan Gi’iiziitiin ቅዱሳን (Qiddusaan) jechuu yemmuu ta’u, afaan oromoottin immoo
• Galateeffamaa,
• Kabajamaafi
• Qulqulluu adda kan ta’e jechuu dha.
Jechi Qulqulluu (ቅዱስ) jedhu hunda dura kan ittiin waamamu ykn kan inni kennamuuf waaqayyo isa jiraataadhaaf. Qulqullummaan waaqayyo kan mataa isaati. Qulqulluun akka waaqayyoo hin jiru. Kitaaba qulqulluu keessatti waa’een kanaa barreeffamee jira. Fkn:
• 1Sam 2:2 irratti harmeen Saamu’eel Haannaan qulqulluun akka Waaqayyoo hin jiru jetteetti.
• S/Ba’uu 15:10 irratti Raajichi Waaqawoo museen qulqullummaadhaan kan ulfaate kan akka Waaqawoo hin jiru jedheera.
• Isa. 40:25 irraatti qulqulluu kan ta’e Waaqayyo eenyuutti fakkeeffama.
• Isa. 57:15 irratti immoo inni bara baraan kan jiraatu waaqa qulqulluu ol.
• Luq. 1:35 irratti humni Waaqa Abbaa si golbooba, Afuurri qulqulluun sirra bula, kan sirraa dhalatu immoo qulqulluu ilma Waaqayyoo jedhama.
• Luq. 1:49 Waaqayyo inni jabaan waan guddaa naaf godhe maqaan isaas qulqulluu dha.
Egaa kannneen kanaaf kana fakkaatan qulqullummaa waaqayyoo kan ibsan heddumminaan barreeffamanii jiru. Akkasumas immoo wantoota garaa garaaf jechi qulqulluu jedhu kennameefii kitaaba qulqulluu keessattii ni argina. Haa jiraatan iyyuu malee, qulqullummaan isaanii Waaqayyo kan mataa isaatii irraa kan kenneefiidha. Fkn.

  1. Jecha qulqullummaa jedhu mucaa namaaf kenneeraa.
    • S.Lew. 19:2, 1Phex. 1:13-15 ani waaqayyo uumaan keessan qulqulluu akkan ta’e isinis qulqulloota ta’aa jechuudhaan.
  2. Iddoo (ቦታ) dhaaf jecha qulqulluu jedhu kenneeraaf. S.Ba’uu 3:-5, Ivyaasuu 5:-25 irratti iddoo ati dhaabbattee jirtu qulqulluu waan ta’eef kophee kee ofirraa baafadhu jechuudhaan.
    • Tulluun gaafa sana fakkeenya mana kiristiyaanaa waan taateef manni kiristiyaanaa immoo iddoo qulqulluu waan ta’eef mana waaqayyootti yemmuu ol seennu kophee miilla keenyaa akka baafannu nu akeekkachiisa.
    • S.Ba’uu 36:1 Waaqayyo ogummaa fi hubannaa Baatsili’eelii fi Oliibaayiif dunkaana qulqulluu waaqavyoof akka hojjetaniif kenneef jedha.
    • 2S. Bara 7:15-16 irratti waaqayyo gooftaan mana qulqullummaa Solomoon ijaare ani filadheera; ani qulqulleesseera; iji koo yeroo hundumaa achi ilaala; gurri koos gara iddoo kadhannaa kana dhaggeeffata jedhee jira.
    • Far. 15:12 irratti mana kee isa qulqulluu sana keessa eenyuutu jiraataa? Jedhee dubbata.
  3. Guyyaa itti boqotee oole qulqulluu akka inni jedhamu godheera.
     S.um. 2:2-3 irraatti waaqayyo guyyaa isa torbaffaa ni eebbise; ni qulqulleesse. S/Lew. 23:3 iddoo jiraattu hundumaatti sanbatni guyyaa waaqayyo qulqulleesse waan ta’eef hojii foonii kamillee hin hojjetin.
  4. Meeshaaleen mana qulqullummaa keessaa waaqayyo ittiin tajaajilamu qulqulluu ni jedhama.
    • S/Ba’uu 30:26 kanan ittiin waaqeffamu dunkaana irraa ka’ee qodaa adda addaa mana koo keessa jiraatan dibata qulqulluu dibuudhaan akka isaan naaf qulqullaa’an goota jedhee Waaqayyo Musee ajaje.
    • Bau. 40:8-16 namni isatti bu’u ni qulqullaa’a ykn qulqullummaa ni argata jedhamee jira. Sirni kun dhalootaa hanga dhalootaattis ni jiraata.
    • Bau. 30:31 kanaaf har’a manni qulqullummaa haaraan yemmuu ijaaramu, qodaan mana qulqullummaa haaraanis yemmuu bitamu, dibatni kun ni dibama.
    • Meeshaa dibata kanaan dibamee qulqullaa’e jireenya dhuunfaadhaaf fudhachuun nama adabsiisa. Dan. 5:1
  5. Nyaata (ህብስት) Qurbaana mana waaqayyoo keessaa namaaf kennamu qulqulluu ni jedhama.
    • 2Sam. 21:4 Lubichi Abemelek Mooticha Daawwitiin Hibistii qulqullaa’e malee nyaata uummatni nyaatu hin jiru ittiin jedhe. Kunis immoo namoota qulqullaa’aniif kan kennamuu dha. Duuka bu’oonni kee qulqullummaa qabaannaan garuu fudhachuu ni danda’u jedhe.
    Egaa walumaa galatti jechoonni waa’ee qulqullummaa dubbatan kanneen kana fakkaatan kitaaba qulqulluu keessa baaveen ni jiru. Qulqullummaan kunis waaqayyoo isa qulqulluu irraa kan kennameefiidha. Waan qulqulluu ta’ee fi hin taanees seera isaa hundumaas ijoollee Isiraa’eeliin akka barsiisu waaqayyo Musee ajajeera. S/Lew. 10: 10

Namni maaliif amantaa isaa jijjiiraa?

Namni maaliif amantaa isa jijjiiraa?
ሰዉ ለምን ሓይማኖቱን ይቀይራል?
Maqaa Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluu Waaqa tokkon Ameen. Nagaan Waaqayyoo kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maaiyaam egumsii ergamoota qulqulluu biyya keenya Itiyoophiya, amanta keenya Kiristaanna Ortodooksi ummataa biyyaa keenya bakke gara garaatti kan argamnuu hundaaf nuuf haa baay’atuu.
Namni haallafi yeroo gara garaatti amantaa is ani jijjiiraa. Namni tokkoo amantaa isa jijjiiree jechuun immoo amantii kiristanummaa tokko irraa gara biraatti jijjiiramu qofa osoo hin tannee, Yaadni qalbii isaa waaqa uumaa isaa kan ganamaa abboottin amanan dhisee, qabeenya, beekumsa, dinaagde, firaa, fi wantoota qabuu irraatti yeroo of abdattus namni tokkoo amantii isa jijjiiree ni jedhama.
Qulqulluun Phaawuloos “Namni tokkoo karaa kam illee isin hin walaalchisin.” (2Tas. 2:3) jechuun dubaattee jira. Nutti egaa har’a addunya jiraanu keessatti wanti kam iyyuu nu dogoogrsun irraa hin jiraatu. Haa ta’u malee, namni hoo maaliif amantaa isaa jijjiiraata kan jedhuuf sababni hedduun yoo jiraatan illee nutti murasaa isaanni akka armaan gadiitti ilaala.

  1. Hubannaa dhabuu irraan kan ka’ee
    Namni hubannaa waa’ee amantii isa hin qabufi hin beeku taanaan caaraan inni amantii isa jijjiirruuf qabu ol aanadha. Kunis immoo namni kun beekumsa bu’uraa hundee amantaa waan hin qabneefidha. Raajichi Hoosee “Sabni koo beekumsa dhabuu irraa kan ka’ee badaniiru.” (Hos. 4:6).
    Namni beekumsa amantaas kan inni argattu yeroo baratuudha. Abboottin “Yoo barataan malee hin beekan, yoo beekan malee hin fayyaan” jedhu dubbii barumsaa isaanii keessatti. Namni hundi barumsaa amanta qabachuun irraa jiraata jechuudha beeke fayyuuf.
    Qulqulluun Phaawuloos waa’ee barachuufi dhaga’uu akkas jedherraa “Amantaan dhagahurraan, dhagahuunis sagalee Waaqayyootti” (Rom. 10:17) jechuun dubbattee jira.
    Waa’ee namoonni beekumsafi amantaa isaannii walaaluun badan immoo ammas Raajichi Isaayas “Sangaan dallaa gooftaa isaa, harreenis mana gooftaa ishee beektee Israa’el garuu hin beekne” (Isa. 1:3) jechuun sagaleen Waaqayyoo karaa raajicha dubbaterraa.
    Nutti har’a beekumsa amantaa dhabuun hedduun amanta isaa kan ganamaa, kan abboota Ortodooksii hin ganneerree, dhiise amantaa isa hin jijjiirerree? Namni hubannaafi beekumsa dhabuun yeroo inni baduutti mootichi Solomoon “Ati namtichaa dhibaa’aa nana, mee dhaqii mixii ilaali, akka isheen itti jiraattu yaadaan qabi, ogeessas ta’i!” (Fakk. 6:6) jechuun ergaa hedduu ulfaata dubbattee jira. Garuu akkuma “Warri waamaman baay’eedha, warri fo’aman garuu muraasa” (Mat. 22:14) jedhee gooftaan. Namni hunduu sagalee kana dhaga’ee beeka ta’a miti. Inni kana qormataa beekumsa wajjiin dhufu baqachuuf barumsaa hin barbaadu, inni kannis wantoota biroo sodaachun hin barattuu. Garuu kanas ta’ee sana Gooftaan keenya dursee nutti hime jira akka qormanis jiru qormataa boode immoo akka ulfinni kabaajni jiru “Qormataa hin sodaatin hanga du’aatti kan amanamte ta’I, gonfoo jireenya siifan kenna” (Yoh. 2:10) jechuun dubbatee jira. Qormataas akka nutti hin sodannee abdii nuuf laterrraa, kan amanamaafi dhugaa ta’ee.
    Beekumsa dhabuun akka nutti hin dogogorreef duuka bu’aan Yihudaa obbolleessii Yaa’iqobis akkas jechuun erga isaa keessatti barreesseerra. “Michoota koo! Waa’ee fayyina walii wajjin qabnuuf duruma iyyuu isiniif caafuudhaaf dhama’aa utuun jiruu, amma amantii isa altokkicha yeroo hundumaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqullaa’anitti dabarfame sanaaf akka loltaniif, caafee isin gorsun dirqaamatti barbaachisaa ta’uu isaa argeera” (Yih. 1:3) jechuun akkam akka garaa nama nyaattu dubbattee jira. Amantii ganama gad dhiisuu akka nutti hin qabnee jabaannee amantii keenyatti cimnees jiraachu akka qabnuu nu barsiiserraa.
    Nutti har’a maal tannan amantaa keenya jijjiiraa, Waaqni keenya tokkoo isa malee maal gochuus dandeenya “Ana malee waan tokkoo illee tasumaa raawwachuu hin dandeessani!” (Yoh. 15:5) dubbiin isa amanamaadha. Yaa nama sagaleen Waaqayyoo karaa tokkoos ta’ee karaa biraan yeroo hundaa yeroo maraa ni barsiifama ni himama garuu hubannaa hundaa ol kan namaf kennuu waaqadha. Nutti har’a hubannaa dhabuunnis amantaa keenya jijjiiruu hin qabnu.
    “Namni isa hubatu hin jiru yoo ta’e iyyuu, Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata. (Iyo. 33:14) akkumaa jedhu, Waaqayyoon sagalee isa dubbatamuu kan dhaga’ee gurraa hubaattu nuuf haa latuu.
    (1Xim. 6:20-21, Qol. 2:6-8)
  2. Kanan qabu na ga’aa jechuu dhisuu irraan kan ka’ee (ያለኝ ይበቃኛል ያለማለት)
    Namni yeroo hundaa soda Waaqayyoofi gara Waaqayyootti deebi’uun jiraachun akka isaa irra jiraattuf namni wantaa barbaadu hundaas harkaa Waaqayyoo irraa argachuu akka danda’uu, dammaqaas ta’ee akka inni yeroo hunda jiraatu yeroo ibsuutti qulqulluun Pheexroos akkas jechuun dubbatee jira “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa. Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee ni naanna’a.”(1Phex. 5:7-8). Namni garuu har’a waan Waaqayyoon nuuf yaadu dhiisee itti fakkachuun afaan diinaa keenya Seexanna keessa bu’a jira. Seera amantaas walaalu keenya irraan kan kannee akkas goone, sanaa goone jechuun waan hedduus yaada, ibsaas. Haa ta’uu malee sagalee Waaqayyoo yeroo barsiisuu qulqulluun Phaawuloos akkas jechuun sabaa warra Roomaaf ergerraa.
    • “Warri seera utuu hin qabaatin yakkan hundinuu, seerichi utuu hin ilaalamin itti ni murta’aa, warri seera qabaatanii yakkan hundinuu, seerrichaan isaanitti ni murta’aa.” (Rom. 2:12)
    Jechuun qulqulluun Phaawuloos warra seera hin qabnuu jechuun yakkaafi cubbuu hojjetaniifis murteen akka jiru barsiisee jira. Har’a seeri kun barumsii kun kan itti fufuudha malee yeroosummaa qofa kan ta’ee miti.
    Namni qabeenyaan qabu na ga’aa jechuu dhiisee soorumaa, beekamtummaa, badhadhinnaa barbaacha amantaa isaa ni jijjiiraa, harkaa seexanna irratti ni kufaa; Seexannaa wajjiniis walligaltee uummaa. Qabeenya boor darbuuf jechaa jireenya hin darbinee kan bara baraa dhabaa.
    Ammas qulqulluun Phaawuloos qabeenyaan qabdaan isiin ga’aa jechuun akkas jedhee Ilmaa isaa Ximootwosiif erga ergee jira.
    • “Nama Waaqayyoo ta’uun, nama wanta qabuun of danda’ee jiraatu biratti bu’aa guddaa qaba. Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba’uu hin dandeenyu. Waan ittin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga’a. Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay’ee keessattis ni kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuufi baduu keessa isaan ni buusu.” (1Xim. 6:6-10)
    • Jechuun namni kiyyootti akka hin gallee, waan tokko illee fidnee gara biyya lafatti akka hin dhufnee waan tokkoos immoo fuudhannee akka hin deemne, garuu kan qabnuu nu ga’aa jechuun Waaqayyoon galatteeffachuu akka qabnuu; jaalalaa Waaqayyoo irraas addaa ba’uun akka nurraa hin jiree nu barsiisee jira. Hundumtuu keenya guyyaa dhaloota keenya haa yaadnu. Yeroo dhalanuu boonyee gara addunyaa kanatti dhufnee sababni isaa addunyaa kana irraa bara baraaf hin jiraannu waan ta’ee maal gochuuf gara biyya lafatti dhufnee jechuun akkasumas biyya lafa kana irraa akka duunu waan beeknuuf yeroo dhalannuu boonye. Warr keenyifi firri hundi garuu gammachuufi ililleen nu simattaan gafa dunnuu isaan ni bo’uu nutti gara sagalee dhokfannee bakka dhufneetti deebinaa.
    Egaa yaa Kiristaannotaa addunya kana irraa kan dabalamuu hin jiruu garuu hundumtuu akka nutti amantii keenya jijjiiruu akka nutti jireenya bara baraa dhabnee du’aa bara baraa dunnuuf qabeenyaan, beekumsaan, oguummaa akka nutti hir’uu tanneetti nu ilaalee kan qabduu si hin ga’uu jechuun jaalalaa Kiristoos irraa adda nu baasuf dhama’aa jira. Nutti amantaa keenyatti jabaannee, jaalala kiristoos irraa maaltu adda na baasa, amantaa koos hin jijjiiruu, fannoo koos hin kutuu jenne warreegamumaa dhugaan warregamaa ta’uun qabanaa. Qulquluun Phaawuloos akkas jedheerra
    • “Eenyuutu jaalalaa Kiristoositti gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari’atamuun yookiis beelli yookiis qullaa ta’uun sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda’aa ree?” (Rom. 8:35). Jechuun homtuu jaalalaa Kiristoos irraa adda nu baasu akka hin dandeenye ibsee jira. Nutti har’aa jaalala qabeenya moo beekumsaa, ogummaa moo maaltu kiristoos irraa adda nu baasa jenne jabaachu qabna. Amantaa keenyatti cimuu qabna. Amantaan dhabaachu qabna.
    Kaltuu ta’uun feedha fooniitti, qabeenya barbaadun feedha fooniitti, feedha fooniif bittamuun immoo amantaa nama gansisaa kunis amantaa keenya kan amantaa uumaa keenya dhiisnee qaamaa biraaf akka bitamnuu nu taasisaa. Kiristoos akka nutti lamaffaa hin garboofneef bilisaa nu baassee. Birmaadumaas nuuf labsee
    • “Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kiristoos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!” (Gal. 5:1) jechuun qulqulluun Phaawuloos dubbatee jira. Sababni isaa gooftaan keenya araarsa lamaffaa irraa hin deebi’amneen bilisummaa dhalaa nama hundaaf keenne jira. Namni garuu ofii barbaadee; kanan qabuus nan ga’uu jechuun yoo amantaa isaa jijjiiree garbumaa seexannaa jalatti of kufiisee of harkaa seexannaatti of kennee kiristoos lamaffaa dhufee du’ee bilisaa si baasa miti. Kiristoos lamaffaa kan inni dhufuu murteeffidha. Nutti har’aa akka hin gowwomnee, gowomsaa seexannaas injiffachuun amantaa keenyan dhabbachuu qabna.
    Egaa kanan qabu na ga’aa jechuu dhiisuun namni amantaa isaa akka inni jijjiiruu hangaa ammatti kan ilaalee yeroo ta’uu
    Caaqasaa kanneen gaddi kana immoo dubbiffaadha. Hojii mana keessaan!
    (Luq. 18:1-8, Mat. 7:15, 1Qor. 2:14, Uma. 25:34, His. 13:19, Luq. 4:4-12, Mat. 4:4-12, Kess. 8:3-4, Sir.34:6-8, Luq. 12:15, Mat. 26:14, Ibr. 13:5)
  3. Fuudhafi Heerumaa (በጋብቻ ምክንያት)
    Tuqaan inni sadaaffaan sababa itti namni amantaa isaa jijjiiruu keessa tokkoo fuudhafi herrumaa irraan kan ka’eedha.
    Gaa’elaa kan hundessee Waaqayyoodha kunis immoo barrummaa Addaamin uumee namni qofaa isa jiraachuun gaarii miti jechuun akka namni gaa’elaan jiraatuf gaa’ellaa ganamumaa hundeesseerraa. (Uma. 2:18). Haa ta’uu malee namni dhaloota dhalootatti gaaffa baay’achaa adeemu dandii Waaqayyos dhisuun cubbuu hojeechu baay’isuu. Namnis abboommi Waaqayyoo yeroo eguu dhiisuutti; Waaqayyoon akka namni amanuufi hin amanee wal hin fuune gaa’ellaannis tokkoo hin tannee dhorkee jira.
    • Mucaa kee isa dhiiraa yookiis ishee durbaa warra Waaqayyoo hin amanee wajjiin wal hin fuudhiin. (Kes. 7:3)
    Jechuun saba Israa’el abboommee jira. Abboomiin kun har’aas kan haffee miti. Sababni isaas kan amaneefi hin amanee yeroo wal fuudhaan qaamaa tokkoo ta’uu, qaamaa tokkoo ergaa ta’anni booda akka seera amantaatti sababa du’aafi ejjaa yoo ta’ee malee wal hiikun kan biraas fuudhuun dhorkadha. Qulqulluun Phaawuloos akkas jechuun dubbatee jira.
    • Warra hin amanee wajjiin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii jal’inni maal walitti qabu? Ifniifi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? Kiristoosiifi Seexanni attamitti walii galu ree? Inni amanee isa hin amanee bira qooda maalii qaba ree? (2Qor. 6:14-16) jechuun dubbaatte jira.
    Namni har’aa haadha mana barbaacha yookiis abbaa mana barbaacha amantaa isa gannee kan bira fuudhachaa jira, mucummaa Silaassee kan guyyaa 40fi 80 irraanfattee amantaa isaa akka waan salphaatti jijjiiraa jira. Amantaa ofii eguufi deemsa afuura deddeebi’uun goonfoo jireenya akka namaaf kennus daganneerraa. Haadha manafi abbaa amana ta’uun immoo daandii Waaqayyoos akka isaan hin lakkisneef kan isaan gargaruu ta’uun yaada tokkoofi laphee tokkoon waaqayyoon galateeffattu, mana isaattis ni deddeebbi’uu, walliin tsoomu, wallinis kadhattuu garuu tokkoo miti tannaan akkamiin walliin kadhattuu? Kan amanuufi kan hin amanee maaltu tokkoo isaan goodharree?
    Yeroo ammaf gaafa ilaaluu waan wallif galee tole walliif jennuu nutti fakkataa boodee garuu wal gannuun kan dhufudhaa, kunis immoo akkumaa mootichii solomoon haadha mana hedduu fuudhu isaarraan kan ka’ee akkasumaas haadha mana waaqayyoon hin amanee waan ta’annif boode amantaa abbaa isaa Daawit kan ganamaa gannuu danda’eerraa. (1Mot. 11:3-4)
    Egaa Nuutti hoo maaliif amantaa keenyaa gaa’elaaf jenne jijjiiraa? Dhugumaa Waaqni inni nutti itti amanuu haadha mana nuuf tattu yookiis abbaa nuuf kennuu didaarree? Marree egaa kanafis Raajjichii Ermiyaas akkas jechuun dubbaterraa
    • Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaafi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuuti malee, yaada isin balleessu miti. (Erm. 29:11)
    • Manaafi badhaadhummaa abboota irraa ni dhaalu, haati mana hubattuun garuu kennaa Waaqayyootti. (Fakk. 19:14)
    Jechuun sagalee waayyoo karaa tokkoos ta’ee karaa ni barsiisaa namni garuu hin hubaattu. (Iyob. 33:14) akkumaa jedhuu sababaa itti namni baay’een amantaa isaa ortodooksii gad lakkisee jijjiiraattuu keessa inni sadafaan gaa’ellaadha.
    Egaa gaa’eela nuutti har’a arginuu kunis bakka gurguudoo afuriitti qoodama. Isaaniis
    a) Gaa’elaa bifaafi bifaa jechuun lachuun isaanii bareedinaa wallii ilaaluun kan wal jaalllattan. Bareedinni akka harca’uufi darbuus hin hubbatttan hin galluufis. Garuu baarreedinaa qoofa ilaaluun amantaa ofii hangaa walliif jijjiirannitti ga’aa jiru.
    • Isin sanyii baduttii utuu hin ta’in sanyii hin badnettii sagalee waaqayyoo isa jiraataafi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalatannittuu. Kanaaf caaffanni qulqullaa’aan ‘Namni foon uffate hundinuu akka margaati, ulfinni isaa hundinuus akka daraaraa margaati, margichiis ni coollaga, daraaraan isaas ni harca’a. Dubbiin gooftichaa garuu, hafee bara baraan ni jiraata. (1Phex. 1:23-25)
    b) Gaa’elaa meeshaafi meeshaa jechuun immoo mana isaa keessa maaltu jira, qabeenya qabaa/qabdii, sooressaa hiyyeessa jechuun wal ilaalun kan waal fuudhannidha. Sagaleen Waaqayyoos namni aadunyaa guutu buufatee lubbuu isaa yoo olfaachu baattee bu’aa maalii isaaf qaba? (Mat. 16:26) kan jedhuu irraanfatee qabeenya qofaaf jechaa lubbuu isaa jireenya bara baraa dhiise amantaa isaa jijjiirruun kan biraatti heerrumaa yoos fuudha.
    c) Gaa’ela lafeefi lafee jechuun immoo hiida wallii wal qorachuun sanyii walli lakka’uun kan wal fudhanniidha. Inni akkas isheen akkas jechuun hiida lakka’achuudha kunis har’a addunya keenya keessatti baay’attee kan argaa jiruudha. Namni hundi kan Waaqayyoo uumee ta’uus kan itti dagannuudha. (Uma. 1:26)
    d) Gaa’elaa lapheefi laphee jechuun immoo sanyii lakka’uu, qabeenya ilaaluu, bareedina hordooffuu osoo hin tannee amantaan ishee maalii jechuun kan egaluudha. Daandii afuuraa isa qulqulluu ta’ees kan itti barbaadaniidha. Daandii qajeelas kan itti gaafattaniidha. Kunis immoo akka mana amantaa keenya kiristaanna ortodooksiitti gaa’elaa gosa lama qaba. Isaanis
    a. Gaa’elaa Takililii: jechuun lachuun isaanni qarreefi qerroo kan ta’aan dhiirummaafi durbummaan isaan kan amanamee gaa’elaa takililiin waal fuudhuu ni danda’uu, Abbaa gabbii isaannis maarisisuun kan rawwattaniidha.
    Gostii gaa’ellaa kun qerroofi qarreef qofa kan ta’udha.
    b. Gaa’elaa Qurbannaa: kun immoo gaa’elaa nama haadha mana fuudhe yoos hin funnee garuu qarrumaafi qeerrumaan kan hin qabnees ta’uu ni danda’aa isaan kunis qorrobuun kan isaan sirnaa gaa’elaa isaanni raawwattaniidha.
    Waa’ee gaa’elaan wal qabsiisee waan baay’ee haasa’uun ni danda’aama garuu kan laphee hubaattu qabu haa hubaattu akkumaa jedhu sagaleen isaa anis asumaa irraattin xumurraa. Isiin gaa’elaa gosa kam keessatti akka of qoodan of ilaala.
    Caaqasaa kanneen gaddi kana immoo dubbiffaadha. Hojii mana keessaan!
    (2Phex. 2:19-22, Mat. 8:28-34, 2Izira. 4:25, Lew. 19:19, Kess. 13:6-7, Mat. 19:5, Mat. 5: 29-30, Mat. 16:24-26, Luq. 21:34, Yoh. 1:3, Yoh. 15:5-7)
  4. Beekumsa bu’uura hin qabneen falmi baay’isuu
    Kiristiyyanni kamiyyuu waa’ee amantaa ishee dhugaa beekumsa bu’ura ta’e qabaachuu qaba. Beekumsa bu’ura qabu hin qabu tanaan akka doonii karaa ishee dogongorte asiif achi raata’a. iddoo tokkotti cimee jiraachuu hin danda’u. akka Boola (Burqituu) bishaan hin qabne akkasumas akka hurli bubbeedhan oofamu ta’a. Ergaa phexiros 2ffa 2:17.

Karaa Qaa’elirra ni deema dogongora Bala’amittis dabarsee of kenna. (Ergaa yihuda 1:11). kanaafis eenyumtuyyu gatii /qarshii/ godhateef lubbuu isaaf kenniti. (gita falmii gatii hin qabnerraa fagaatee beekumsa bu’ura jireenyaa ta’u qabachuu qaba. Nama beekumsa ba mekbib 7:12).Ergamichis, “isa sobaan Beekumsa jedhame Addunyaa kanaafis michuu kan ta’e falmii’ faayidaa maleessa irraa fagaachaa Imaanaa / amantaa/ sitti kenname eegi. Kunis beekumsa qabna jedhanii jarreen tokko tokko waa’ee amantaa dogongoraniiru waan ta’edhaf”. (ximotewos Iffa 6:20.) Kiristiyaana tokkoof bu’ura beekumsaa kan jedhamu Iccitiiwwan utubaa shananiiti.”Warra kan barsiisuudhaaf qalbii kootiin sagalee hiika qabu duwwaa dubbachuu nan jaalladha.”(Ergaa warra qoronxos Iffa 14:19).
Iccittii utubaa shanan kan jedhamanis,
• iccittii sillaasee,
• iccittii nameenyaa,
• iccittii cuuphaa,
• iccittii Qurbaanaa,
• iccittii du’aa ka’umsaati.
Isaan kun qabiyyee isaaniitiin bakka sadiitti qoodamu.
• Iccitt’in sillaaseef
• nameenyaa Barumsa waaqayyoo(molkootaa) yoo jedhamanu,
• iccittiin cuuphaafi
• Iccitiin Qurbaanaa kennaa mana kiristiyyaana jedhamu.
• Iccittiin du’aa ka’uumsaa garuu, Barumsa jireenya bara baraa jedhama.
Hundee keessaan gad fageeffadhaati ijaarama akka barattanittis,amantiin dhabadhaa.(Qolaasiyas.2:7).

Waa’ee Amantaa ishee sirrii beekumsa bu’uraa yoo qabaanne, falmitoota qaaneessu ni dandeenya. Ni boojinas male, hin booji’amnu “Afaanii fi beekumsa falmitonni keessan falmuu fi balaaleffachuu hin dandeenye isiniifan kenna.”

Jedhameera waan ta’eef. (Luq 21:15) namni beekumsa bu’uura ta’e qabu, ifa dukkana irra, haqa kijiba irra, wanna gaarii isa qadhee irra adda baasee beekuuf beeksisuu ni danda’a male “bifa amantaa qabaate uumna isaa hin ganu.” (Ximotewos 2ffaa 3:5). Keessumattu, “Barumsa jireenyi lubbuu ittiin argamuun gorse gantoota ni himata.” (Tiitoo 1:9). Barumsa Jireenyi lubbuu ittiin argamuu Gorsa gantoota ni himata Tito 1:9

  1. Faayidaa Foonitiin mo’amuutiin

Waaqayyo sinbirroota samii sooruu nama isa akka bifa fi fakkeenya isaatiin uume garuu akkam irra caalaatti sooruun beekuu dhabuudhaan baay’een namaa fedha fooniin mo’amun amantaa isaanii jijjiraniiru.
• “Bilisummaan akka jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase, egaa dhaabadhaa. Irra deebiin (lamaaffaa) waanjoo garbummaatiin hin qabamiinaa.” (Gala. 5:1). Jechuun qulqulluun Phaawuloos dubbateerraa.

Addaamii fi Hewwaan waanjoo garbummaatiin akka isaan qabaman kan taasise keessa inni tokko fedha foonii dha. Wanjoo garbummaa kan jedhame inni tokko fedha fooniif mo’amuudha. Kunis garaaf buluudha.
• “Nyaata jaallaattoonni yommuu kan hin quufne sarootadha. Isaanis qalbeeffachuu kan hin dandeenyedha, hunduu gara daandii isaanii, dura isaanii hamma duuba isaaniitti hunduu tokkoon tokkoon isaanii gara faayidaa isaanitti garagalaniiru.” (Isa. 56:11).
• Abootin dhiibbii sadaan “Nyaataa fi jettee hangafummaa kee hin gurguriin” (Amartaa Abbo. Warra dhi. Sada. 22:5) jedhanii kan barsiisaniif kanaafidha.
Raajichi Isaayyaas warra garaa isaanitiif jiraataniin “Hubachuu kan hin dandeenyedha” jedha. Ogeessichis “Daandi qalbeeffannoo irraa namni dogoggoru yaa’ii du’ootaa keessatti boqota.” Jedhe. (Fakke. 21:6). Baay’een isaanii hubannoo dhabuun hiika sirrii hin taaneen gara keessaatti kan seenu nama hin xureessu callisaatii nyaadha, hin lagatiina jedhanii yaa’i du’ootaa irraatti naa dubbatan ni dhaga’amu. Haata’u malee Addaamfi Hewwanin kan xureesee maal inni? Nyaata gara garaatti gale mitii? Mucummaa nyaataan fudhatame deebisuuf Addaam lamaaffaan (Iyyasuus Kiristoos) ni some. Waarri garaa isaaniif bulan garuu Iyyasuus Kiristoos nuuf soomeera kanaafuu nuti hin soomnu jedhu. Sababiin isaas kan waaqeffatan Waaqayyoon osoo hin garaa isaaniitidha.
• “Dhumni isaanii badii, garaan isaanii Waaqaa isaaniiti dha” (Fill. 3:19) jedhameera.
Raajaa Hizqi’eeliinis “Uummata koo soba keessan dhaga’uu gowwoomsuun lubbuuwwan duuti isaniif hin taane akka ajjeestaniif lubbuuwwan jiraachuu hin qabne immoo jiraachisu garbuu barruu fi cittuu biddeeniif uummata koo biratti na xureessitaniittu” (Hizq.13:19) jedha. Kana jechuunis garaa keessanilf jettanii barumsa keessan sobaatiin warra dhugaa gara du’aattii afeertaniittu. Warra sobdoota immoo dhugaa inni biraan immoo jaalala qarshiitiin qabamudha. Seexanni Gooftaa keenya kan ittiin qore keessa inni tokko qarshiidha. Har’as gadaamii Qoronxoosiiitti kan injifatame seexanichi jaalala qarshitiin namoonni hedduun akka amantaa isaanii jijjiran taasisaa jira.
• “Namoonni jaalala qarshiitiin badan baay’eedha.” (Siiraak 34:6)
Gooftaan keenyas bara lallaba isaatti
• “Jireenyi namaa baa’,inaa qarshii isaatiin waan hin taaneef of eegga dhaa.” (Luqa. 12:15) kan jedhe balleessan namaa waan isa dhibuufidha.
Jaalala qarshittin hedduuwwan amantaa isaanii jijjiiruu isaanii jecha ifa ta’een duuka bu’ichi
• “Qarshii jaallachuun hundee badiinsa hundaa waan ta’eef, namnii isaan tokko tokko osoo kana hawwanii amantii irraa dogoggoranii gidiraa bay’eetiin mataa isaanii of waraanani. Ati garuu yaa nama Waaqaa waan kana irraa baqadhu” (IXiimo. 6:10) Jedhe.
Kana irraas kan ka’een
• “Adeemsi keessan qarshii jaallachuun akka hin taane, kan qabdan isin haa ga’u.” (Ibiro. 13:5) jechuun ammas dabalee qulqulluun Phaawuloos warraa Ibroota ergaa isa erge.

6 Hundaa osoo ilaallee maal ta’a?
Amantaa ofii jijijjiiruun hundaa osoon ilaale jechuun kan amantaa isaanni ganamaa, fannoo mormaa isaanni kutannis lakkoofsa hin qaban. Kun ibsa (yaada) oftuultotaati. Yookaan immoo dubbii Wallaalummaatidha.
Oftuultoota kan jedhaman ani nan beeka, Waan tokkollee narraa hin ga’u jedhu. Garuu ifaa addunyaa kan jedhamee qulqulluun Phaawuloos namoota kanaaf akkas jedha
• “Eenyuyyuu waan tokko kan beeku yoo isatti fakaate amma illee akka beekuun isaaf ta’utti hin beeku” Jedha. (1Qor. 8:2).
• Ni beekna homtuu nurraa hin ga’u jedhanii “Yaa’ii (walga’ii) du’ootaa (Fakke. 21: 16) deemanii achumaan kan hafaan baay’eedha.
Kanaaf daballee qulqulluun Phaawuloos ammas
• “Akeeki seexanaa maal akka ta’e waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana ni goona” (2Qor. 2:11) jedheera.
Osoo hin beekiin kan dubbatan immoo waan hunduu dhugaa isaanitti waan fakkaatuufidha. Oggeessichi Solomoon macaaffaa fakkeenya keessatti akkas jechuun dubbaterraa.
“Daandiin namatti gaarii fakkaattu jirti, raawwiin ishee garuu daandii du’aati. – (Fakke. 14: 12) Waaqayyoo hubachuu dhiisuudhaan wal ga’ii isaanii dhaqnee yoo hirmaanne, barreeffama isaanii yoo dubbifne faaruu isaanii yoo dhaggeeffanne maal ta’a? jedhu. Isaanni Waaqayyoon Waaqessuu, Isaanis Iyyeesuus jedhu, maal rakkoo qaba yoon isaan biraas deeme ilaalee, raajji gurgudaa ta’ee jedhu jechuun deemani ilaalun kan achiin hafan hedduudha.
Gooftaan keenyafi wangeellii qulqulluun garuu akkas jedha
• “Maal akka dhaggeeffattan of eegadha” (Maar.4;24) jedha.
• “Qoraattii irraa wayiniin ykn hagamsa irraa firii balasiin funaannachuun hin danda’amaa?” (Maate. 7:16).
• “Hin dogongoriinaa hiriyyaa hamaan amala isa gaarii ni balleessa.” (1Qor. 15:33).
• “Michoota koo! Warra hafuuraan ni dubbanna jedhan hunda hin amaninaa, Waaqayyo biraa yoo ta’an hafuurota isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee, raajonni sobduun baay’een gara biyya lafaatti ba’aniiru.” (1Yoh. 4:1) jechuun har’as taanaan akka nutti raaji kan jedhuus ilaalee amantaa keenya hin jijjiireef raajonni sobduun baay’een biyya lafaa irraa ba’aniiru, ka’aniiru. Namoota hedduus akka dogogorsaan gooftaan keenyas dubbattee. (Mat. 24:5)
Kanaafuu gara wal-ga’ii du’ootaa deemuun hafee
• “Ijoollee ormootaa irraa”(Faar. 17:44) irraa akka waliin hin deemne.
• “Isaan irraa fagaadhaa” (Roome.16: 18) jedhamneerra.
• “Nagaas hin gaafatiinaa, namni nagaa isaaniin jedhu hojii badii isaanitti waan hirmaatuuf.”(2Yoha. 1:10) akkas jedhe.
Isaaniin nagaa hin jedhiina jechuun, nagaatiin booda walii galuun, sanaa boodas barumsi ganuumsaa itti aanee waan dhufuufidha.
• “Isaan waliin karaa irra hin deemiin, daandii isaanii irraas miilla kee dhorki”. (Fakke.I:15).

  1. Warra dadhabina fooniin balleessan ilaaluun

Mana Waaqayyoo keessa warrii dhugaan akkuma jiran namonni sobdoonni, tajaajiltoonni afuuraa akkuma jiran warri fooniis jiru. Yeroo baay’ee namoonni haa cimnu kan jedhe qulqulluu Gabri’eeliin osoo hin ta’iin Saaxinaa’eeliin, kan cimee fannoo Gooftaa jalatti argame qulqulluu Yohaannisiin osoo hin ta’iin kan kufe Yihudaa ilaalu amantaa isaanni gannaniirruu.
• “Isa cime yaadadhaa.” (Ibiro. 12:4)
Kan jedhame sagalee Waaqayyoo qalbeeffachuu dhiisuun warra sobdoota, fakkeessitoota, warra tajaajiltoota foonii ilaaluun isaan akkas yoo ta’an sababa jedhuun amantaa isaani jijiiru.
• “Sabaa koo isiin hoogganaa isiin dogongorsu, daandii irraa deemtanis ni balleessu.” (Isa.3:12). kan jedhame jecha raajichaa hin hubatani.
“Lubichi fi raajichi dhugaatii namacheessu irraa kan ka’een ni dogongoru, dhugaatiin ni liqimfamu.” (Isa.28:7) kan jedhame akkaataa sagalee raajichaatiin tajaajiltootni gufachiisoonni baay’een akka jiran icciittii hunda beekuudha. TajaaJjlltoota cimtoota turanii fedha fooniin kufaniifis
• “Ati baay’oota barsiiftaa turte, Harka dadhabanis ni jabeessita ture, jechi kee kan gufate ni kaasa ture. Atis jilba lallaafe in cimsita turte. Amma garuu sirrati gara kee dhufeera, atis ni dadhabde ga’eef atis ni rakkatte.” (Iyyo. 4:3-5) isaaniif jedhameeraaf.
Tajaajjilaan dhugaan kan of bitu, akka ta’utti kan hojjetu, keessummaa kan simatu, barsiisuuf kan ga’umsa qabu, kan hin machoofne, garraamii kan ta’e, kan hin falmine kan qarshii hin jaallanne ta’uu akka qabu kitaaboleen ni hubachiisuu.(1Xim. 3:2). Haata’u malee kan osoo hin beekinis ta’ee osoo beekanu tajaajiltootni tokko tokko mataa isaaniif qofa osoo hin ta’iin hoollota isaaniif gufuu gufachiisaa ta’aniiru.
• “Saboonni koo hoolota badan ta’aniiru, Tiksoonni isaan dogongorsiisan.” (Eer. 50:6).

Qulqulluun Phaawulosiis akka jedhe
• “Ati kan warra biraan barsiiftu of hin barsiistuwoo? Hin ejjiin kan jettu ni ejjitaa? Waaqaa tolfamaa kan balaaleffattu mana qulqullummaa maaliif saamtaa? Seeraan kan of jajju seera cabsuun seera Waaqayyoo diigdaa? Sababa keetiin maqaan Waaqayyoo saboota gidduutti ni arrabsama.” (Room. 2:21-24)
Kan jedhe dadhabina tajaajiitoota foonii irraan kan ka’e maqaan Waaqayyoo akka arabsamu, namoonnis fageessanii hubachuufi ilaaluu dhiisuun isaaniin ilaalanii amantii isaanii akka jijjiran waan ilaaleefidha. Yeroo hundaa namoonni kan ilaaluu qaban warra ciman, jireenya isaniitiin warraa tajaajjiltoota gaarii ta’anidha. Gooftaa keenyas
• “Hojii keessan isa gaarii ilaalanii, samii keessa kan jiraatu Abbaa keessan akka kabajaniif ifti keessan akkasuma nama fuulduratti haa ifu.” (Maate. 5:16)
Kan jedhe hojii gaarii tajaajjiltoota ilaalaanii namoonni amantaa isaanii akka ciman waan beekuufidha. Tajaajjiltoota dhugaafis
• “Dhuguma seeri koo afaan isaa keesa turte, hidhii isaa irrattis badiin hin argamnee. Ana walinis nagaafi dhugaan deeme, namoota baay’ees cubbuu irraa deebise” (Milk. 2:5)
Jedhamees Waaqa isaafi kiristaannota dhugaa biraatti isaaf ni ragaasama.

Galanni Waaqayyoof haa ta’uu.

Araarsummaa

Dursaa jechii Amanuu jedhuu hiikni isa addunyaa kanaafi ishee keessa kan jiraatu hunda bakka hin jirree (bakka hin beekamneetii) gara jireenyaatti kan fide yookiis kan uume Uumaan (Waaqayyo) jira jedhanii amanuu jechuudha. Samiifi keessa ishee kan iru, dacheefi wantoota dacheerra jiraatan hunda kan argamsiise ofii isaaf garuu argamsiisaa kan hin qabne uumaan (argamsiisaan) jira jedhanii amanuu jechuudha. kunis miira namaa shananiin qoratamee kan bira hin ga’amnee, kan qaamaan tuqnee mirkaneeffachuuf hin danda’amne garuu laphee keessatti “Eeyyee dhugaadha, akkasi” jechuun amanamuufi abdatamudha.
Hiika amanuu jedhuu kana irraa akkuma hubannuu, nuttis akka mana amantaa keenya kiristaanna ortodooksiitti kan amanuu yookiis waaqessinuu Waaqaa lafaafi samii uume malee ergamoota yookiis qulqulloota miti, garuu isaan ga’ee mataa isaanni danda’aan qabu. ga’ee isaanis aangoofi abboo waaqayyoon ofii isaa jaallatee isaaniifi kennedha malee nama ofii isaan kan isaan muddee miti. kan Waaqayyoo filaattee eenyuuttu salphisaa akkuma jedhu.

Egaa jalqabaa waa’ee araarsumaa dubroo maariyaam xiqqoo walliin ilaala.

Araarsituu jechuun araara jecha jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas wal diddaafi wal dhabiinsa hambisuu kan jedhuudha.
Araarsitoota kan jedhaan ammoo cubbamtoonni yoo cubbuu hojjetanitti gaddanii Waaqayyo akka araara isaanii godhu gara qulqullootaatti dhufan, qulqulloonnis waadaa isaaniif galamee wal diddaa sana Waaqayyoo dhiiseefi namoota cubbuu hojjetan sanaaf ni araarama.
Araarsumma ergamootaafi qulqulloota kam iyyuu dursuun, kiristaanonni hundi kan abdatan haadha Gooftaa keenya Iyyeesuus dubroo Maariyaamidha. Sababni isaas mataan mana kiristaanaa Iyyeesuus kiristoos waan ta’eef; mataa mana kiristaanaa kanaf kan buufata taatee gadaamessaa isheetti ji’a sagal baattee kan deessee waan taateefidha.
Adeemsa fayyuu ilma nama keessatti dubroo Maariyaamiin iddoo guddaa qabdi. Foon gooftaan uffatefi lubbuun gooftaan fudhates kan isheerra argamee malee eessayyu kan dhufe miti.
Guyyaa gooftaan godaanu wajjiin godaantee, lage ceetee, gamoojjii qaxxaamurtee, tulluu qaariitee wajjiin dheebotte, wajiin beeloftee, wajjiin boossee, wajiin naatee waan hunda wajjin taatee haadha guddifte akka taates beekamadha (Mat. 2:13, Mul. 12:14)

Waa’ee araarsummaa dubroo Maariyaamiis Mootichi Daawit akkas jechuun dubbateerraa. “Uffata warqeen miidhagdee haguugamtee mootittiin mirga kee ni dhaabatti, mucaa koo dhaga’i ilaalis, gurra kees natti qabi. Gosa kees mana abbaa kees irraanfadhu; mootiin miidhagina kee jaalateera. inni gooftaa keeti.”(Far. 44:9)
Egaa dubbiin kun kan akkasumaan dubbatamee hafu miti. Gooftaan dubbii raajotafi ooriitii keessa jechi tokko hafuurra osoo ardiifi samiin darbanii wayya(Mat. 5:18) jedheera.
Qulqulluun Gabri’eelin “Yaa Maariyaam Waaqayyo fulduratti surraa argatteetta, hin sodaatin,” (Luq. 1:36) jedhee kabajaan missiraachoo itti himeera.
‘Surraa’ kan jedhu hiikni isaa kabaja, dhagahamummafi araaraarsituu ta’uu ishee agarsiisa.
Waaqayyoo fuldurraatti surraa kan argataan araarsummaaf ni dhabaattu, ni araarsu, ni kadhaattus. kunis immoo Waaqayyoo feedha isa taanaan isaan filaate aangoo kanaaf. (Uma. 18:3, Uma. 18:23, Bau. 33:12, Lakk. 44:20, 2Sam. 24:17, Mat. 8:5, Mar. 9:17, Fil. 1:5) egaa kan Waaqayyoo fuulduratti surraa argatan hundi araarsummaa isaaniitiin akkas yoo hojjetan teessoo Waaqayyoo kan jedhamtee Maariyaamiin surraa isheedhaaf kennameen akka hadhumaatti kan ishee caalu hin jiru. kanaf yeroo mara mirga isaa dhaabbattee, nu araarsiti. (Faar. 44:9)

Araarsumaan Ergamoota hoo?
Jalqabummaa ergamoonni qulqulluun ilmi nama akka baduufi cubbuu hojjetu hin barbaadan. waa’ee kanas gooftaan keenya akkas jechuun dubbaterraa “Isaan xixiqqoo kana keessaa tokko illee akka hin tuffanne ilaalladhaa! Ani isinittan hima, Waaqa irraa ergamoonni warri isaan eeguudhaaf kennaman guyyaa hundumaa fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti ni argamu’oo” (Mat. 18:10) jedhe.
Ergamaan Waaqayyoo waa’ee warra Iyyarusaalem bittaa suukanneessaa keessa tturan, gidiraa hedduun dararamaa jiran kanaaf Waaqayyoo akka garaa laafuuf kadhateerraa. (Zak. 1:12)
Kana qofaas osoo hin tannee ergamoonni kadhaanna keenyas gara Waaqayyootti ol baasu (Xobit 12:15, HoE. 10:4)
Ergamoonni missiraachoo himoota (Uma. 16:11, Luq. 1:13, Luq. 1:26-27, Luq. 2:9-10)
Ergamoonni yeroo rakkoofi dhiphinaa nuuf dhaqqabu; nu fayyisuus (Far. 33/34 : 7, Mat. 28:5-6, Yoh. 20:1, Yoh. 20:12-13)
Ergamoonni yeroo balaatti dafanii nuuf dhaqqabu (Far. 90/91:11, Dan. 6:22, HoE. 5:19, HoE. 12:7)
Ergamoonni nama adabu (Lakk. 22:22-31, 2Sam. 24:16, Isa. 37:36, Luq. 1:19, HoE. 12:23)
Ergamootni seexana irratti aangoo ni qabaatu (Mul. 12:7)

Egaa waan hedduu qulqullootaa, ergamootaan kan wal qabatuu kaasun ni danda’amaa garuu nama dhaga’uufi baay’een hin barbaachisuu.

Waa’ee Taabotafi taabota 44 maal jechuudha?

Waa’ee Taabota


Q):  Taabonnii museef kennamee tokko isiin garuu taabota 44 jechuun ni waamtu kun maaliif ta’u danda’ee?

Q): Moggaasni Maqaa Taabota kakuu haaraa maaliif baay’ate?


A): – Duraan dursee wanti hubachuu qabnu taabota 44 kan jedhu mana amantaa keenya keesa hin jiru.

Taabonni Bataskaana keenyaa tokko dha. Seenaan Taabota 44 jedhu kan eegale, taabota 44n naanawaa magaalaa Gondar keessatti bara 1277-1284 keessatti argaman irraa ka’eeti.Kunis Maqaa Yaadannoo Qulqullootaan taabonni moggaafame lakkoofsa Qulqullootaan baay’achuu agarsiisa. (Isaay. 56:3-8).

  • Egaa Waaqayyo, “Xu’aashota Sanbata koo eeganiif, wanta na gammachiisu godhaniif, kakuu koo jabeessanii eeganiifis, ani mana qulqullummaa koo keessatti, kellaa isaa keessattis, ijoollee dhiiraafi durba qabaachuu irra kan caalu, maqaa bara baraan hin badneefi seenaa isaan ittin yaadataman nan kennaaf. (Isa. 56:4-5)
  • Seenaan qulqullootaa eebbaaf, seenaan nama jal’aa immoo abaarsaaf ni ta’a. (Fakk. 10:7(8))

Macaafaa qulqulluu irraatti hoo lama qofadha kan museef kennamee Har’a essaa dhufee akkas baay’atee kan jedhuuf immoo Akkuma Macaafa qulqulluu akkasumaas akkuma mana qulqulluummaa duraan tokkoo qofa kan turee innis mana sagadaa mootichi Solomoon ijaarsisee qofaa ture dur yeroo kakuu moofaa, ammas garuu tajaajilaa akka toluuf bakkee hundaatti mani qulqulluumaa ijaaramee jira.

Taabonnis tokkoodha garuu maqaa qulqulluuttan moga’ee tajaajila waaqeffanaaf akka toluutti ta’ee jira. kunis kan ta’ee macaafa qulqulluu irraatti hunda’uun akkuma raajichii Isaayas dubbattee (Isa. 56:4-5)

Haa ta’u malee kennaa, hojji fi kaayyoon taabota bakka hundatu tokkodha. Akkuma macaafni qulqulluun tajaajilaaf baay’ate hojii irra oola jiru taabonnis tajaajilaaf jecha akkuma raajichi Isaayaas jedhe maqaa qulqullootaan baay’atani.

Manni Qulqullummaa yoo baay’ateyyuu, Taabonni garuu bakka hundumattuu tokko dha. Manni qulqullummaa kakuu moofaa keessaa Mana Qulqullummaa Solomoon jedhamuun akkuma waamame kakuu haaraa keessatti Mana Qulqullummaa Taklehaymaanot, Aabboo, Aarsemaa, Mikaa’elii, Gabri’eelii’ … jedhamuun yaadannoo Qulqullootaarraa Eebba argachuuf yoo baay’ateyyuu kan keessatti Waaqeffatamu Waaqayyoo dha; Fooniif Dhiiga Waaqayyootu keessatti fudhatama.

  • Wanta dhuunfaa saba lafa irraa ta’e isaaniif kennuudhaan, hojii aangoo isaa namoota isaatti mul’iseera. (Far. 111:6)
  • Akkasumas qulqulluun Phawulos Maqaa Aqiilaa fi Phiriiqilaatiin Manni Qulqullummaa akka moggaafame kiristaanota achi keessa jiraniif nagaa dhiyeesseen ibsee jira. (1Qor. 16:19)

Q): – Taaboota fulduratti jilbeefachuun maaliif barbaachise?
A): – Manni Kiristaanaa keenya Waaqayyoon kan Waaqessitu yoo ta’u jecha Qulqullichi Phaawuloos

  • Kan kabajni Ulfinni ta’uuf ulfina kenni (Rom.13:7)

Jedhe bu’uura Godhachuun kan Waaqayyo kabaje, Taabota, Qulqullootaa fi Meeshaalee mana Qulqullummaa kan Waaqayyoon ittiin Waaqessinu hundumaaf kabaja ni kennina. Sagada Ulfinaa dabalatee fuuldura Taabotaa, suuraa Qulqullootaatti Ifaa(shaamaa) bobeessuun Waaqayyorraa Eebba ni arganna.

  • Waaqayyoos waa’ee meeshalee qulqulluufi ibsaan museetti himeerra akka inni hojjetufi maal irraa hojeechuu akka qabus.(Bau. 25:31-39)

Egaa Taabonni ergaa humni Waaqayyoo kan itti mul’atu eeba kan argamsiisu jechaa rakkina irraa kan nama oolchuu eega jenne sagadni nuti Fuuldura Taabotaatti sagadnus Abbaa Taabotaa kan ta’e waaqayyoof akka ta’ee ifaadha.

Fakkeenya kanaaf kan nu ta’u sababii balleessa Aakaniin dheekkamsi Waaqayyoo israa’eloota irratti in boba’e, sabootaa Aayin jedhamaniin dhuman. Sababii kanaaf Iyyaasuu fi manguddoonni israa’eel guyyaa gutuu taabota fulduratti gad gombifamuun Waaqayyoon kadhachuun injifannoo argatani jiru ( Iyyaasuu 7:6-11).

Taabota yeroo yaadnus kan nutti Yaadatamu Abbaa taabotaa kan ta’e Waaqayyo dha. Qulqullichi Daawwit bakkeewwan gara garaatti, Waaqayyoof bakka Qulqullaa’aa Mana qulqullummaa isaatti sagadaafii kan jedhes Mana Qulqullummaa san keessa Taabonni akka jiru Wallaalee osoo hin taane sagadni nuti Fuul-dura Taabotaatti taasifnu Waaqayyoof akka ta’e waan beekuufi

  • Ani garuu gaarrummaa kee isa baay’eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada. (Far. 5:7)
  • Harka koo mana qulqulluummaa kee keessaa gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti, yeroon ol kaafadhu sagalee himata koo isa ani gargarsaaf sitti iyyadhu, anaaf dhaga’i. (Far. 28:2)
  •  

Ammas taanan kan Waaqessinuu nutti Waaqayyoon malee taabotas miti qulqullootaas miti. Kan Waaqessinuu Waaqayyoodha. Abbaa Ilma Afuura qulqulluu qaamaan sadii Waaqummaan waaqa tokkoo jenne amana. Kan amanees beekna waan ta’eef har’as hin yeellanu, boor yeella’un keenya hin jiru. Kanafi qulqulluun Phaawuloos

  • Ani garuu kanan amane waanan beekuuf hin yeella’u (2Xim. 1:12) kan jedheef.

Kanaaf Yeroo har’aa fuul-dura Taabotaatti jilbeenfannee Rakkoo keenya yoo Waaqayyootti himanne dogoggora hin qabu.

Namni waa’ee kabaja taabotaaf ta’u irraa yaada mamaa kasuu hin qabu, kunis dheekamsa waaqayyoo nama ni baarrara. Yoo tuffi agarsiise garuu dheekamsa waaqayyoo argachuu ni dandaa’a (2sam 6:16-21 Far 5:7).

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Du’aafi gosa isaa

Du’i foonii nama hin sodaachifne hin jiru. Akkasumas immoo xinnos ta’e guddaa, beekaas ta’e wallaalaan, sooressas ta’e hiyyeesi, kan amaneef hin amannee, gantuunis du’a foonii jalaa raawwatee ooluun danda’amu. Egaa du’aa jechuun hoo hiikaan isa maali? Macaafni qulqulluun maal jechuun hiikaa yookiis waa’ee du’aa maalfa ibsa? Mee walumaan haa dubbisnuu!

Macaafni qulqulluun akkas jechuun hiika:

  • Waaqayyoo irraa addaan ba’uu. (Uma. 4:16)
  • Daandii gara Waaqayyoo ittin dhaqan (Fil. 1:21)
  • Hirriba keessa dammaqu (Mat. 9:24, Yoh. 11:11, Luq.8:49)
  • Boqonnaa (Uma. 15:15)

Namoonni hoo maal jechuun du’aaf hiikaa kennuu?

  • Afuura baafachiisa: nama baay’ee rakkatee yeroo inni/ isheen duuttu ittin jedhu.
  • Kutee deemaa: Nama ol guddacha jiruu yeroo inni du’u kan ittiin jedhan.
  • Obbaafachiisaa, gab godhaa: namni hamaan yookiis namni jal’aan yeroo inni du’uu kan ittin wamaan
  • Fi kanneen biro hedhuudha.

Duuti gosa meeqa qaba?

Duuti gosa lamatu jira. Isaaniis:

  • Du’a fooniifi
  • Du’a lubbuuti.

1. Du’a foonii jechuun gargar ba’u fooniifi lubbuu jechuudha. Duuti foonii Abeel irraa jalqabee nama hundaa irratti mo’ee kan jiru eenyuuf illee kan hin hafneedha. Foon kan uffatee hundi kan du’uudha. Kunis immoo Adaam abbaan keenya uumamee waggaa 7 ergaa eddeen gannata keessa jiraate booda innaaf seexanaa irraan kan ka’ee; seexannii bofa irraa buluun Hewwanniin gowwomsee abboommii Waaqayyoo akka cabsaan taasisuu danda’eerraa. Waaqayyoos Adaam nama jalqabattin ati biyyoodha, deebitees biyyoo ni tata ittiin jedhee. (Uma. 3:19) Sana boode duuti foonii dhala nama irraatti mo’eerraa.

2. Du’aa Lubbuu jechuun lubbuun foonitti erga adda baatee booda gara Waaqayyoo deemtee murtoo fudhatti. Erga murtee fudhatee booda waan gaarii hojjetee hin qabdu tannaan yookiis seera Waaqayyoo hin eegne taannan yeroodhaaf gara Ibidaa Si’oolitti gadi buuti. Guyyaa isa dhumaa immoo isarraa kan caalu gara ibiddaa gaannamitti gadi buutee bara baraan achi keessatti dhiphatti, kunis DU’AA 2FFAA’ jedhama. (Rom. 6:23, Mul. 21:8).

Gosa du’a kana lamaan irraa du’ii kan biraan immoo

Du’aa Dhabbiitti (Ijaajjiitti): Innis afuuraan du’uu kan jedhamuudha.

Namni tokko biyya lafaaa kana keessa osoo hojjeetuu, osoo adeemu, osoo jiraatuu, osoo nyaatee dhuguu Waaqayyootti amanee yoo hin jiru ta’e hojii amantiis hojjechaa yoo hin jiru ta’e fayyaatti yookiis afuuratti du’aadha jedhama.

Waa’ee du’aa dhabbiittis macaafni qulqulluu akkas jedha.

  • Kan du’ee du’aan haa awwaalu (Mat. 8:22)
  • Ilmi kook un du’ee dhuma ture (Luq. 15:24)
  • Isin duraan kan duutan turtan. (Efe. 2:1)

Kalleessaa dhalli nama abboomii diduu isaan du’aa of irraatti moosisee ture har’as immoo tannaan yoo na jaallattan abboommii koo eegaa (Yoh. 14:15) kan gooftaan keenya jedhee sana diduun du’aa of irratti fiida jira. Du’ii kunnis du’aa foonii osoo hin tannee du’aa lubbuutti.

  • Duuniifi mootummaan warra du’anii kuufama ibiddaatti gad ni darbataman; kuufamni ibiddaa kun du’a isa lammaffaadha. (Mul. 20:14)

Namni seera beekufi hin beekne yakka raawwatee wal qixee addabaa argataa. (Rom. 2:12-14) Kunis inni kan wallaalummaa irraan kan ka’ee, kaan immoo beekumsa fooniitti hirkachuudhaan, kaan immoo gowwoomsaa hiriyyaatiin, kaan immoo dagannaadhaanifi kan kana fakkataan ta’u danda’aa namni kan inni du’u.

Haa ta’u malee, Waaqayyoo du’aa namaa hin jaallatu. Kanaaf karaa adda addaa barsiisuudhaan akka namni hin duuneef karaa baasee jira.

Kanaaf egaa dhalli nama waan guddaa of taasisu dhiisee, of jajuus dhiisee, waan hojjettuuti Waaqayyoon kadhachuun hojjeechuun irraa jiraata.

  • Mucaan nama akka gaaddisaatti ni darba, hin turus (Iyo. 14:1-2)
  • Waggaan kumni tokko, siif akkuma guyyaa kaleessa darbeeti, akkuma darabee dammaqa halkaniitis. (Far. 90:4)
  • Barri namaa akkuma margaati; akka daraaraa bakkeettis. (Far. 103:15)
  • Namni garaa isaatti yaadee ni akeeka, deebii kan kennu garuu Waaqayyoodha. (Fakk. 16:1, 16:9)
  • Mucaan namaa akka abaaboo coligee harca’uuti. (Isa. 40:6-8)
  • Mucaan nama akka qilleensa shuf jedhuuti, barri jireenya isaas akka gaadidduu darbuuti. (Far. 144:4)

Waaqayyoon nama qalbii jijjiiratee dhaaltu mootummaa isa, hirmattuu maddii isaa nu haa taasisuu.

Egaa namni ogummaadhaan, taayitaadhaan, qabeenyaanfi kanneen birootti maxxannee of jajuu dhiisuudhaan, gara Waaqayyootti deebi’ee, akka tasaatti akka du’u beekuudhaan, waan gaarii hojjechuudhaan, hamaa irraa deebi’ee, qalbii jijjiirate foon gooftaa nyaatee, dhiigaa gooftaa dhuguun qophaa’ee jiraachuutu isa barbaachisa.

  • Namni ogeessi ogummaa isaatiin of hin jajin, inni jabaanis jabina isaatiin of hin tuulin (Erm. 9:23-24)
  • Namni of jaju gochaa gooftaatiin of haa jaju (1Qor. 1:31, 2Qor. 10:17)

Waaqayyoon nuu kakasee kan nu jalqabsiisee nu jalqabsisee kan nu xumursisee galanniifi ulfinni oqubaan bara baraa isaaf haa ta’u. Ameen!

yoosaad.com/orthodox