Waa’ee Amantaa ishee sirrii beekumsa bu’uraa yoo qabaanne, falmitoota qaaneessu ni dandeenya. Ni boojinas male, hin booji’amnu “Afaanii fi beekumsa falmitonni keessan falmuu fi balaaleffachuu hin dandeenye isiniifan kenna.”
Jedhameera waan ta’eef. (Luq 21:15) namni beekumsa bu’uura ta’e qabu, ifa dukkana irra, haqa kijiba irra, wanna gaarii isa qadhee irra adda baasee beekuuf beeksisuu ni danda’a male “bifa amantaa qabaate uumna isaa hin ganu.” (Ximotewos 2ffaa 3:5). Keessumattu, “Barumsa jireenyi lubbuu ittiin argamuun gorse gantoota ni himata.” (Tiitoo 1:9). Barumsa Jireenyi lubbuu ittiin argamuu Gorsa gantoota ni himata Tito 1:9
Faayidaa Foonitiin mo’amuutiin
Waaqayyo sinbirroota samii sooruu nama isa akka bifa fi fakkeenya isaatiin uume garuu akkam irra caalaatti sooruun beekuu dhabuudhaan baay’een namaa fedha fooniin mo’amun amantaa isaanii jijjiraniiru. • “Bilisummaan akka jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase, egaa dhaabadhaa. Irra deebiin (lamaaffaa) waanjoo garbummaatiin hin qabamiinaa.” (Gala. 5:1). Jechuun qulqulluun Phaawuloos dubbateerraa.
Addaamii fi Hewwaan waanjoo garbummaatiin akka isaan qabaman kan taasise keessa inni tokko fedha foonii dha. Wanjoo garbummaa kan jedhame inni tokko fedha fooniif mo’amuudha. Kunis garaaf buluudha. • “Nyaata jaallaattoonni yommuu kan hin quufne sarootadha. Isaanis qalbeeffachuu kan hin dandeenyedha, hunduu gara daandii isaanii, dura isaanii hamma duuba isaaniitti hunduu tokkoon tokkoon isaanii gara faayidaa isaanitti garagalaniiru.” (Isa. 56:11). • Abootin dhiibbii sadaan “Nyaataa fi jettee hangafummaa kee hin gurguriin” (Amartaa Abbo. Warra dhi. Sada. 22:5) jedhanii kan barsiisaniif kanaafidha. Raajichi Isaayyaas warra garaa isaanitiif jiraataniin “Hubachuu kan hin dandeenyedha” jedha. Ogeessichis “Daandi qalbeeffannoo irraa namni dogoggoru yaa’ii du’ootaa keessatti boqota.” Jedhe. (Fakke. 21:6). Baay’een isaanii hubannoo dhabuun hiika sirrii hin taaneen gara keessaatti kan seenu nama hin xureessu callisaatii nyaadha, hin lagatiina jedhanii yaa’i du’ootaa irraatti naa dubbatan ni dhaga’amu. Haata’u malee Addaamfi Hewwanin kan xureesee maal inni? Nyaata gara garaatti gale mitii? Mucummaa nyaataan fudhatame deebisuuf Addaam lamaaffaan (Iyyasuus Kiristoos) ni some. Waarri garaa isaaniif bulan garuu Iyyasuus Kiristoos nuuf soomeera kanaafuu nuti hin soomnu jedhu. Sababiin isaas kan waaqeffatan Waaqayyoon osoo hin garaa isaaniitidha. • “Dhumni isaanii badii, garaan isaanii Waaqaa isaaniiti dha” (Fill. 3:19) jedhameera. Raajaa Hizqi’eeliinis “Uummata koo soba keessan dhaga’uu gowwoomsuun lubbuuwwan duuti isaniif hin taane akka ajjeestaniif lubbuuwwan jiraachuu hin qabne immoo jiraachisu garbuu barruu fi cittuu biddeeniif uummata koo biratti na xureessitaniittu” (Hizq.13:19) jedha. Kana jechuunis garaa keessanilf jettanii barumsa keessan sobaatiin warra dhugaa gara du’aattii afeertaniittu. Warra sobdoota immoo dhugaa inni biraan immoo jaalala qarshiitiin qabamudha. Seexanni Gooftaa keenya kan ittiin qore keessa inni tokko qarshiidha. Har’as gadaamii Qoronxoosiiitti kan injifatame seexanichi jaalala qarshitiin namoonni hedduun akka amantaa isaanii jijjiran taasisaa jira. • “Namoonni jaalala qarshiitiin badan baay’eedha.” (Siiraak 34:6) Gooftaan keenyas bara lallaba isaatti • “Jireenyi namaa baa’,inaa qarshii isaatiin waan hin taaneef of eegga dhaa.” (Luqa. 12:15) kan jedhe balleessan namaa waan isa dhibuufidha. Jaalala qarshittin hedduuwwan amantaa isaanii jijjiiruu isaanii jecha ifa ta’een duuka bu’ichi • “Qarshii jaallachuun hundee badiinsa hundaa waan ta’eef, namnii isaan tokko tokko osoo kana hawwanii amantii irraa dogoggoranii gidiraa bay’eetiin mataa isaanii of waraanani. Ati garuu yaa nama Waaqaa waan kana irraa baqadhu” (IXiimo. 6:10) Jedhe. Kana irraas kan ka’een • “Adeemsi keessan qarshii jaallachuun akka hin taane, kan qabdan isin haa ga’u.” (Ibiro. 13:5) jechuun ammas dabalee qulqulluun Phaawuloos warraa Ibroota ergaa isa erge.
6 Hundaa osoo ilaallee maal ta’a? Amantaa ofii jijijjiiruun hundaa osoon ilaale jechuun kan amantaa isaanni ganamaa, fannoo mormaa isaanni kutannis lakkoofsa hin qaban. Kun ibsa (yaada) oftuultotaati. Yookaan immoo dubbii Wallaalummaatidha. Oftuultoota kan jedhaman ani nan beeka, Waan tokkollee narraa hin ga’u jedhu. Garuu ifaa addunyaa kan jedhamee qulqulluun Phaawuloos namoota kanaaf akkas jedha • “Eenyuyyuu waan tokko kan beeku yoo isatti fakaate amma illee akka beekuun isaaf ta’utti hin beeku” Jedha. (1Qor. 8:2). • Ni beekna homtuu nurraa hin ga’u jedhanii “Yaa’ii (walga’ii) du’ootaa (Fakke. 21: 16) deemanii achumaan kan hafaan baay’eedha. Kanaaf daballee qulqulluun Phaawuloos ammas • “Akeeki seexanaa maal akka ta’e waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana ni goona” (2Qor. 2:11) jedheera. Osoo hin beekiin kan dubbatan immoo waan hunduu dhugaa isaanitti waan fakkaatuufidha. Oggeessichi Solomoon macaaffaa fakkeenya keessatti akkas jechuun dubbaterraa. “Daandiin namatti gaarii fakkaattu jirti, raawwiin ishee garuu daandii du’aati. – (Fakke. 14: 12) Waaqayyoo hubachuu dhiisuudhaan wal ga’ii isaanii dhaqnee yoo hirmaanne, barreeffama isaanii yoo dubbifne faaruu isaanii yoo dhaggeeffanne maal ta’a? jedhu. Isaanni Waaqayyoon Waaqessuu, Isaanis Iyyeesuus jedhu, maal rakkoo qaba yoon isaan biraas deeme ilaalee, raajji gurgudaa ta’ee jedhu jechuun deemani ilaalun kan achiin hafan hedduudha. Gooftaan keenyafi wangeellii qulqulluun garuu akkas jedha • “Maal akka dhaggeeffattan of eegadha” (Maar.4;24) jedha. • “Qoraattii irraa wayiniin ykn hagamsa irraa firii balasiin funaannachuun hin danda’amaa?” (Maate. 7:16). • “Hin dogongoriinaa hiriyyaa hamaan amala isa gaarii ni balleessa.” (1Qor. 15:33). • “Michoota koo! Warra hafuuraan ni dubbanna jedhan hunda hin amaninaa, Waaqayyo biraa yoo ta’an hafuurota isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee, raajonni sobduun baay’een gara biyya lafaatti ba’aniiru.” (1Yoh. 4:1) jechuun har’as taanaan akka nutti raaji kan jedhuus ilaalee amantaa keenya hin jijjiireef raajonni sobduun baay’een biyya lafaa irraa ba’aniiru, ka’aniiru. Namoota hedduus akka dogogorsaan gooftaan keenyas dubbattee. (Mat. 24:5) Kanaafuu gara wal-ga’ii du’ootaa deemuun hafee • “Ijoollee ormootaa irraa”(Faar. 17:44) irraa akka waliin hin deemne. • “Isaan irraa fagaadhaa” (Roome.16: 18) jedhamneerra. • “Nagaas hin gaafatiinaa, namni nagaa isaaniin jedhu hojii badii isaanitti waan hirmaatuuf.”(2Yoha. 1:10) akkas jedhe. Isaaniin nagaa hin jedhiina jechuun, nagaatiin booda walii galuun, sanaa boodas barumsi ganuumsaa itti aanee waan dhufuufidha. • “Isaan waliin karaa irra hin deemiin, daandii isaanii irraas miilla kee dhorki”. (Fakke.I:15).
Warra dadhabina fooniin balleessan ilaaluun
Mana Waaqayyoo keessa warrii dhugaan akkuma jiran namonni sobdoonni, tajaajiltoonni afuuraa akkuma jiran warri fooniis jiru. Yeroo baay’ee namoonni haa cimnu kan jedhe qulqulluu Gabri’eeliin osoo hin ta’iin Saaxinaa’eeliin, kan cimee fannoo Gooftaa jalatti argame qulqulluu Yohaannisiin osoo hin ta’iin kan kufe Yihudaa ilaalu amantaa isaanni gannaniirruu. • “Isa cime yaadadhaa.” (Ibiro. 12:4) Kan jedhame sagalee Waaqayyoo qalbeeffachuu dhiisuun warra sobdoota, fakkeessitoota, warra tajaajiltoota foonii ilaaluun isaan akkas yoo ta’an sababa jedhuun amantaa isaani jijiiru. • “Sabaa koo isiin hoogganaa isiin dogongorsu, daandii irraa deemtanis ni balleessu.” (Isa.3:12). kan jedhame jecha raajichaa hin hubatani. “Lubichi fi raajichi dhugaatii namacheessu irraa kan ka’een ni dogongoru, dhugaatiin ni liqimfamu.” (Isa.28:7) kan jedhame akkaataa sagalee raajichaatiin tajaajiltootni gufachiisoonni baay’een akka jiran icciittii hunda beekuudha. TajaaJjlltoota cimtoota turanii fedha fooniin kufaniifis • “Ati baay’oota barsiiftaa turte, Harka dadhabanis ni jabeessita ture, jechi kee kan gufate ni kaasa ture. Atis jilba lallaafe in cimsita turte. Amma garuu sirrati gara kee dhufeera, atis ni dadhabde ga’eef atis ni rakkatte.” (Iyyo. 4:3-5) isaaniif jedhameeraaf. Tajaajjilaan dhugaan kan of bitu, akka ta’utti kan hojjetu, keessummaa kan simatu, barsiisuuf kan ga’umsa qabu, kan hin machoofne, garraamii kan ta’e, kan hin falmine kan qarshii hin jaallanne ta’uu akka qabu kitaaboleen ni hubachiisuu.(1Xim. 3:2). Haata’u malee kan osoo hin beekinis ta’ee osoo beekanu tajaajiltootni tokko tokko mataa isaaniif qofa osoo hin ta’iin hoollota isaaniif gufuu gufachiisaa ta’aniiru. • “Saboonni koo hoolota badan ta’aniiru, Tiksoonni isaan dogongorsiisan.” (Eer. 50:6).
Qulqulluun Phaawulosiis akka jedhe • “Ati kan warra biraan barsiiftu of hin barsiistuwoo? Hin ejjiin kan jettu ni ejjitaa? Waaqaa tolfamaa kan balaaleffattu mana qulqullummaa maaliif saamtaa? Seeraan kan of jajju seera cabsuun seera Waaqayyoo diigdaa? Sababa keetiin maqaan Waaqayyoo saboota gidduutti ni arrabsama.” (Room. 2:21-24) Kan jedhe dadhabina tajaajiitoota foonii irraan kan ka’e maqaan Waaqayyoo akka arabsamu, namoonnis fageessanii hubachuufi ilaaluu dhiisuun isaaniin ilaalanii amantii isaanii akka jijjiran waan ilaaleefidha. Yeroo hundaa namoonni kan ilaaluu qaban warra ciman, jireenya isaniitiin warraa tajaajjiltoota gaarii ta’anidha. Gooftaa keenyas • “Hojii keessan isa gaarii ilaalanii, samii keessa kan jiraatu Abbaa keessan akka kabajaniif ifti keessan akkasuma nama fuulduratti haa ifu.” (Maate. 5:16) Kan jedhe hojii gaarii tajaajjiltoota ilaalaanii namoonni amantaa isaanii akka ciman waan beekuufidha. Tajaajjiltoota dhugaafis • “Dhuguma seeri koo afaan isaa keesa turte, hidhii isaa irrattis badiin hin argamnee. Ana walinis nagaafi dhugaan deeme, namoota baay’ees cubbuu irraa deebise” (Milk. 2:5) Jedhamees Waaqa isaafi kiristaannota dhugaa biraatti isaaf ni ragaasama.
Kan kabajni Ulfinni ta’uuf ulfina kenni (Rom.13:7)
Jedhe bu’uura Godhachuun kan Waaqayyo kabaje, Taabota, Qulqullootaa fi Meeshaalee mana Qulqullummaa kan Waaqayyoon ittiin Waaqessinu hundumaaf kabaja ni kennina. Sagada Ulfinaa dabalatee fuuldura Taabotaa, suuraa Qulqullootaatti Ifaa(shaamaa) bobeessuun Waaqayyorraa Eebba ni arganna.
Waaqayyoos waa’ee meeshalee qulqulluufi ibsaan museetti himeerra akka inni hojjetufi maal irraa hojeechuu akka qabus.(Bau. 25:31-39)
Egaa Taabonni ergaa humni Waaqayyoo kan itti mul’atu eeba kan argamsiisu jechaa rakkina irraa kan nama oolchuu eega jenne sagadni nuti Fuuldura Taabotaatti sagadnus Abbaa Taabotaa kan ta’e waaqayyoof akka ta’ee ifaadha.
Fakkeenya kanaaf kan nu ta’u sababii balleessa Aakaniin dheekkamsi Waaqayyoo israa’eloota irratti in boba’e, sabootaa Aayin jedhamaniin dhuman. Sababii kanaaf Iyyaasuu fi manguddoonni israa’eel guyyaa gutuu taabota fulduratti gad gombifamuun Waaqayyoon kadhachuun injifannoo argatani jiru ( Iyyaasuu 7:6-11).
Taabota yeroo yaadnus kan nutti Yaadatamu Abbaa taabotaa kan ta’e Waaqayyo dha. Qulqullichi Daawwit bakkeewwan gara garaatti, Waaqayyoof bakka Qulqullaa’aa Mana qulqullummaa isaatti sagadaafii kan jedhes Mana Qulqullummaa san keessa Taabonni akka jiru Wallaalee osoo hin taane sagadni nuti Fuul-dura Taabotaatti taasifnu Waaqayyoof akka ta’e waan beekuufi
Ani garuu gaarrummaa kee isa baay’eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada. (Far. 5:7)
Harka koo mana qulqulluummaa kee keessaa gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti, yeroon ol kaafadhu sagalee himata koo isa ani gargarsaaf sitti iyyadhu, anaaf dhaga’i. (Far. 28:2)
Ammas taanan kan Waaqessinuu nutti Waaqayyoon malee taabotas miti qulqullootaas miti. Kan Waaqessinuu Waaqayyoodha. Abbaa Ilma Afuura qulqulluu qaamaan sadii Waaqummaan waaqa tokkoo jenne amana. Kan amanees beekna waan ta’eef har’as hin yeellanu, boor yeella’un keenya hin jiru. Kanafi qulqulluun Phaawuloos
Ani garuu kanan amane waanan beekuuf hin yeella’u (2Xim. 1:12) kan jedheef.
Kalleessaa dhalli nama abboomii diduu isaan du’aa of irraatti moosisee ture har’as immoo tannaan yoo na jaallattan abboommii koo eegaa (Yoh. 14:15) kan gooftaan keenya jedhee sana diduun du’aa of irratti fiida jira. Du’ii kunnis du’aa foonii osoo hin tannee du’aa lubbuutti.
Duuniifi mootummaan warra du’anii kuufama ibiddaatti gad ni darbataman; kuufamni ibiddaa kun du’a isa lammaffaadha. (Mul. 20:14)
Namni seera beekufi hin beekne yakka raawwatee wal qixee addabaa argataa. (Rom. 2:12-14) Kunis inni kan wallaalummaa irraan kan ka’ee, kaan immoo beekumsa fooniitti hirkachuudhaan, kaan immoo gowwoomsaa hiriyyaatiin, kaan immoo dagannaadhaanifi kan kana fakkataan ta’u danda’aa namni kan inni du’u.
Haa ta’u malee, Waaqayyoo du’aa namaa hin jaallatu. Kanaaf karaa adda addaa barsiisuudhaan akka namni hin duuneef karaa baasee jira.
Kanaaf egaa dhalli nama waan guddaa of taasisu dhiisee, of jajuus dhiisee, waan hojjettuuti Waaqayyoon kadhachuun hojjeechuun irraa jiraata.
Mucaan nama akka gaaddisaatti ni darba, hin turus (Iyo. 14:1-2)